18
Qooda Hayyootaa
Gosi Lewwootaa hayyooti, gosi Lewwootaa martinuu, sagalee kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikaattu qooda ifii godhatanee nyaatanuu ti malee, Israa'el keessatti qooda lafaa yookiin dhaala tokkolle hin fudhatin. Inni akkuma waadaa isaaniif galetti Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti; tanaaf isaan obboleeyyan ifii Israa'el keessatti lafa hin qabanu.
Loon yookiin hooleen yennaa ciinca'aaf dhikaatanu, hayyooti harka, boqo'oo fi gadhaacha hin fudhatan. Midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii teeti keessaa, zayitii ejersaatii fi rifeensa hoolee teeti irraa murame irralle'ee mataa isaaniif kenni. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa teeti keessaa Lewwi'ii fi ilmaan isaa haga bara baraa hayyumma'aan dhaabbatanee maqaa isaatiin akka tajaajilanu isaan filate.
Nami Lewwi'ii tokko, qachoota Israa'el keessa jiranu keessa addee le'uu bayee, fedhii guddo'oon, gara addee Mootiin Waan Maraa filatuu yoo dhufe, inni akkuma Lewwoota obboleeyyan isaa worra Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf achi isa dura dhaabbatanuu, maqaa Mootii Waan Maraa ifiitiin tajaajiluu hin dande'a. Waan dhaala abbaa ifii ka gurgurame keessaa dhaggatu biratti, innille nyaata worra kaan woliin wol qixxee qooda qaba.
Aadaa Battii
Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti yennaa galtane, aadaa battii gosa biyya adda addaa san hin baratina'a. 10 Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu, 11 nami xanoo xanu, nami ayyaana hamaa waammatu, nami moru, nami worra du'ane waammatu odduu teessan hin jiraatin. 12 Nami waan akkanaa godhu Mootii Waan Maraa duratti batticha; sababa hujii battii akkasiitiif, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan oofee si duraa hin baasa. 13 Ati Mootii Waan Maraa duratti ka komii hin qanne te'i.
Raagicha Dhibii Ka Akka Muuse'ee
14 Worri isin achi keessaa baasaartanu, worra xanoo xanuu fi worra moru caqasan; isin ammoo tana akka gootanu Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif hin eeyyamu. 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan kolbaa teessan keessaa raagicha akka kiyyaa isiniif hin kaasa; isin isa caqasa'a.
16 Tun martinuu akka halchaa teessanii ta isin guyyaa yaa'ii gaara Siina'aa, «Nuuti akka hin duune, deebinee qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka hin dhageenne, ibidda guddaa kanalle deebitanee akka hin dhaggine» jettanee Mootii Waan Maraa Waaqa keessan daadimattanee ti. 17 Mootiin Waan Maraa anaan, «Wonni isaan jedhane sirri'i. 18 Ani raagicha akka keetii kolbaa isaanii oddu'uu isaaniif hin kaasa; jecha kiyya afaan isaa keessa hin keya; inni waan ani ajaju mara isaanitti hin hima. 19 Nama jecha kiyya ka inni maqaa kiyyaan dubbatu caqasuu didu mara ani hin adaba. 20 Raagichi tokko adoo ani dubbatiisaaf isa hin ajajin, dubbii tokko maqaa kiyyaan ka dubbatu yookiin maqaa waaqota dhibi'iitiin ka dubbatu ijjeefamuu ti» jedhe.
21 Isin gadhaa keessan keessatti, «Jecha Mootiin Waan Maraa hin dubbatin san attamiin beekuu dandeenna?» yoo jettane, 22 Raagichi tokko maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbatee, jechi sun muummowuu yookiin dhugaa te'uu yoo dhabe, jechi sun ka Mootiin Waan Maraa dubbatee moti; raagichi sodaa malee waan dubbateef isa hin sodaatina'a.