24
1 Nami tokko dubartii takka fuudheen duuba, waan isii irratti jibbu tokko yoo dhagge, woraqata lakkisiisaa barreessee itti kennee, mana ifiitii baasee isii ari'uu ti. 2 Isiin baatee nama dhibii yoo heerumte, 3 dhirsi lammeesso'oolle isii jibbee, woraqata lakkisiisaa barreessee, itti kennee mana ifiitii baasee yoo isii ari'e yookiin yoo du'e, 4 muttaaraan eega isiin battoottee deebi'ee isii hin galfatin; wonni akkasii Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, cubbuu akkasii hin hujin.
5 Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te'ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti.
6 Lubbuu namaa fudhatiisa waan te'eef, daakuu yookiin ilmaachuu qaddii hin fudhatin.
7 Nami Israa'elii tokko gosa ifii Israa'el keessaa nama tokko hatee garboonfatuun yookiin gurguratuun yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.
8 Marroo dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, waan Lewwooti hayyooti si ajaje mara akka dansaa ifi eegadhu. Ati Waan ani isaan ajaje akka dansaa eegatuu qadda. 9 Isin biyya Gibxi'ii keessaa baatanee karaa irra jirtanuun, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Miiryaam irratti godhe qaabadhu.
10 Waan tokko namaaf yennaa liqeessitu, qaddii irraa fudhatiisaaf mana isaa hin seenin. 11 Ati ala dhaabbattuun, nami ati liqeessiteef sun, qaddii san gad bayee sii fiduu ti. 12 Namichi sun hiyyeessa yoo te'e, woyaa qaddii isa irraa fuute irraa hin bulchin. 13 Inni woyaa ifii uffatee bulee, akka si eebbisuuf adoo aduun hin seenin deebisiif. Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti balchummaa sii teeti.
14 Ati obboleeyyan teeti nama Israa'elii keessaa yookiin alagaa lafa teeti keessa qachoota keeti keessa le'u keessaa, nama hiyyeessa rakkataa qaxaramee huju hin cunqursin. 15 Inni hiyyeessa waan te'eef, beesee san marroo eegatuuf, gatii inni ittiin qaxarame san adoo aduun hin seenin gaafasuma isaaf kaffali; yoo kaffaluu dhadde inni gara Mootii Waan Maraa iyyee, cubbuu sitti teeti.
16 Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin.
17 Haqa alaga'aa, haqa ijoollee haadhaa fi abbaan hin qanneelle hin dassin. Woyaa haadha hiyyeessaa qaddii hin fudhatin. 18 Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootuuf si ajaje.
19 Midhaan keeti fichaa keeti keessaa haammattee yennaa galfattu, laddee fichaa keessatti deete fudhatiisaaf, duubatti hin deebi'in; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetii akka eebbisuuf, laddeen sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif teetuu ti. 20 Muka ejersaa keeti irraa midhaan yennaa harcaattu, ka damee irratti hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti. 21 Midhaan muka woyni'ii keeti yennaa guurattu, ka hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti. 22 Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teeteertu qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootu si ajaje.