32
Ee ol-gubba'a ani hin dubbadha caqasa'a;
ee lafa atille jecha afaan kiyyaa dhage'i.
Barsiisi kiyya akka bokkeyaa roobuu ti;
jechi kiyyalle akka fixeensa coccophuu ti.
Marra quunxu irratti akka tiifu'uu
lattuu irratti akka bokkeya jaba'aa roobuu ti.
Ani maqaa Mootii Waan Maraa hin lallaba;
isinille guddinna Waaqa keennaa leellisa'a!
 
Inni rassa'a,
hujiin isaa dhidhinna hin qaddu;
karaan isaa marti qajeela'a.
Inni Waaqa addatamaa hin dokonkorre;
Waaqa qajeela'a, balcha'alle'e.
Isaan isa irratti hantuu waan hujaneef,
haganaa achi ijoollee isaatii moti;
isaan dhaloota jallaameyyi'ii fi micciirama'a.
Ee isin kolbaa gowwoole'ee fi qarummaa hin qanne,
akki isin Mootii Waan Maraatiif deebittanu akkanaa?
Abbaan keessan ka isin dade,
ka isin hujee fi ka isin miidhasse isaa motii ree?
 
Guyyoota durii qaabadha'a;
woggoota dhaloota heddu'uu hubadha.
Abbootii teessan gaafadha'a;
isaanille isinitti hin himan.
Maanguddoo teessan gaafadha'a;
isaanille isiniif hin diidessan.
Waaqi Ol-Aanaan gosa biyya adda addaatiif,
dhaala isaanii yennaa kenne,
sanyii namaa mara yennaa addaan baase,
akka laakkossa kolbaa Israa'eliititti
meessaa gosa biyya adda addaatiif baase.
Sababille qoodi Mootii Waan Maraa kolbaa isaa ti;
Yaaqoob dhaala isaa ti.
10 Inni lafa goomolee keessa,
ona gammoojjii qiillee keessatti isa dhagge.
Inni wontee isaaf te'ee, isa kunuunsee,
akka gumaa ila ifii isa eege.
11 Inni akka risaa mandhee ifii diigee,
ilmee ifii irratti gonboobee,
koola ifii isaan irratti badhisee,
isaan irratti kabbuutii fi
koola ifiitiin isaan ba'atuu ti.
12 Mootii Waan Maraa qofattuu isa sooresse;
waaqi ormaa isa woliin hin jiru.
 
13 Inni lafa koobotaa mara akka bulchu isa godhee,
midhaan ficha'aa isa nyaachise.
Rassaa keessaa damma isa nyaachisee,
dhakaa jabaa keessaa zayitii isaaf kenne.
14 Dhadhaa looniitii fi aanan hoole'eetii fi re'e'ee
cooma buruusoo hoole'ee,
ta korbeeyyii hoolee Baashaaniitii fi re'e'ee
xaltaa qamadii dansa'aa woliin kenneef;
inni daadhii woynii dansa'aalle une.
 
15 Yeshuuruun*Yeshuuruun: Afaan Ibrootaatiin qajeelaa jechu'u. Maqaa kolbaan Israa'elii ittiin waamantu.
gabbatee finqile.
Quufee, furdatee, cululuqe;
inni Waaqa isa dade lakkisee,
rassaa fayyinna ifii tuffate.
16 Isaan waaqota ormaatiin
akka hinaafu isa godhanee,
battumma'aan isa aarsane.
17 Isaan durriisota Waaqa hin te'iniif,
waaqota hin beenneef,
waaqota haareya
ka abbootiin isaanii hin sodaatiniif
ciincaa dhikeessane.
18 Ati rassaa abbaa sii te'e lakkittee,
Waaqa jiruu sii kenne deete.
 
19 Ilmaan isaatii fi ijoolleen durraa ta isaa
waan isa aarsaneef,
Mootiin Waan Maraa
tana dhaggee isaan tuffate.
20 Inni, «Ani fuula kiyya
isaan hin dhoffadha;
muummeen isaanii
maan akka teetu hin ilaala;
isaan dhaloota micciiramaa,
ijoollee hin addatanne.
21 Isaan waan Waaqa hin te'iniin akka
ani hinaafu na godhanee,
waaqota dharaa ifiitiin na aarsane.
Anille kolbaa tuffatanteen
akka isaan hinaafanu isaan hin godha;
kolbaa hubantii hin qannelle'een
isaan hin aarsa.
22 Mufii tiyyaan ibiddi waan bobe'eef,
haga addee worri du'e jiruutitti hin guba.
Lafaa fi waan isiin baattu hin fixa;
hundee gaarotaalle hin guba.
 
23 «Ani badii isaan irratti hin tuula;
daaya kiyya isaan irratti hin fixa.
24 Ani beela isaan balleessitu
dhukkuba hamaa isaan fixuu fi
balaa isaanitti hin fida;
kalaadaa bineensotaa
hadhaa dhudhuufa'aa isaanitti hin erga.
25 Karaa irratti
shallaagaan ijoollee isaanii hin fixa;
mana isaanii keessa bararaqi hin guuta.
Dargaggootii fi durri,
annoole'ee fi jaarsoleen hin dhumatan.
26 Ani: Isaan bittinneessee,
akka nami isaan hin qaabanne
hin godha jedheeraayyu.
27 Garuu nyaaphoti isaanii,
‹Irree teennaan injifanne malee,
tana mara Mootiin Waan Maraa hin goone› jedhanee
akka hin koorre diinota isaanii yaade.
 
28 «Isaan qarummaa hin qabanu;
hubantiin isaan keessa hin jirtu.
29 Isaan adoo qaroolee te'anee jiraatanee,
tana hubatanee, muummeen isaanii
maan akka teetu hin beekaniiyyu.
30 Rassaan isaanii yoo isaan gurgure malee,
Mootiin Waan Maraa yoo isaan lakkise malee,
attamiin nami tokko nama kuma ari'uu dande'a ree?
Yookiin attamiin nami kum kudhan nama lama baqata?
31 Rassaan isaanii akka rassaa keennaatii moti;
diinoti keennaayyuu tana hin mormanu.
32 Muki woynii isaanii woynii Sodoomii irraa
fichaa Gomora'aa keessaa waan dhufuuf,
midhaan woynii isaanii hadhaa qaba;
unkuruurri woynii isaanii hin hadhowa.
33 Daadhiin woynii isaanii
akka hadhaa dhudhuufa'aatii fi
akka hadhaa buutii hantu'uu ti.
34 Tun na biratti wolitti qabanteertii motii ree?
Mana kuusa'aa kiyya itti cufee
chaappaa itti dhoweeraa motii ree?
35 Haluun tiyya; ka haluu bayu ana;
yennaa miilli isaanii mucucaatutti jira;
Guyyaan badii isaanii waan dhikaateef,
muraan ariifattee isaanitti hin dhutti» jedhe.
36 Garbooleen yookiin ka garboolee hin te'in
nami tokkolle adoo hin hafin,
hunni isaanii akka dhumatte yennaa dhagge,
Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiif hin mura;
tajaajiltoota ifiitiifille hin marara.
37 Inni, «Waaqoti isaanii,
rassaan isaan itti baqatanu,
38 ka cooma ciincaa isaan dhikeessanu nyaatanu,
ka kennansa daadhii woynii isaaniille unanu,
ka'anee isaan qarqaaranuu ti me!
Gollaa isaaniif te'anuu ti me!
 
39 «Amma ilaala'a; Waaqi anuma;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
Ani hin ijjeesa; hin jiraachisalle'e;
ani hin madeessa; hin fayyisalle'e;
harka kiyya keessaa ka baasuu dande'u hin jiru.
40 Ani harka kiyya gara ol-gubba'aa kaasee,
‹Ani haga bara baraa jiraata'a› jedhee daadimadhe.
41 Shallaagaa kiyya balaqqisaa qaradhee,
harki kiyya mura'aaf yennaa isa qabatu,
ani diinota kiyya haluu hin baya;
worra na jibbuufille gatii hin kenna.
42 Daaya kiyya,
dhiiga mataa sooressitoota diinotaa worra qalameetii fi
worra booji'ameetiin hin macheessa;
shallaagaan kiyyalle
foon diinotaa hin nyaata» hin jedha.
 
43 Inni dhiiga tajaajiltoota ifii baasee,
diinota ifiille haluu bayee,
kolbaa ifiitii fi lafa ifiitiif
gumaa cubbu'uu waan godheef,
ee gosa biyya adda addaa
kolbaa isaa woliin gammada'a.
44 Muuseen Iyaasuu ilma Nunii woliin dhufee, jecha faaruu tanaa mara kolba'aaf dubbise. 45 Muuseen jecha kana mara kolbaa Israa'elii maraaf dubbisee fixeen duuba, 46 isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha'a; 47 jechi kun ka jiruu isiniif kennu malee, ka bu'aa hin qannee moti; jecha kanaan isin laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabatu'uuf jirtanu keessa bara dheeraa hin leetan» jedhe.
Duuti Muuse'ee Durfamee Himame
48 Guyyuma san Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 49 «Gaarota Abaariimii keessaa, gara gaara Neboo, ka lafa Mo'aabii ta fuullee Yeriko'oo jirtu keessa jirutti ol bayiitii, lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san ilaali. 50 Akkuma obboleessi keeti Aaron gaara Hoorii irratti du'ee, abbootii ifii ta durii bira dhaqe, atille gaara itti ol baatu san irratti duutee, abbootii teeti ta durii bira hin dhaxxa. 51 Tun isin lamaanuu Israa'eloota duratti bisaan Mariiba'aa ka qachaa Qaadeshii biratti, goomolee Ziinii keessatti waan na yakkitanee fi Israa'eloota oddu'utti woyyummaa tiyya waan hin ulfeessiniif tun teeti. 52 Tanaaf ati lafa san ifiin duratti hin dhaggita malee, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanitti hin galtu» jedhe.

*32:15 Yeshuuruun: Afaan Ibrootaatiin qajeelaa jechu'u. Maqaa kolbaan Israa'elii ittiin waamantu.