3
Waan Maraaf Yennaan Jirti
Waan maraaf yennaan jirti;
waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.
Dhalatiisaaf yennaan jirti;
du'iisaafille yennaan jirti;
Dhaabiisaaf yennaan jirti;
buqqisiisaafille yennaan jirti.
Ijjeesiisaaf yennaan jirti;
fayyisiisaafille yennaan jirti.
Diigiisaaf yennaan jirti;
ijaariisaafille yennaan jirti.
Bowiisaaf yennaan jirti;
kolliisaafille yennaan jirti.
Gaddisaaf yennaan jirti;
sirbiisaafille yennaan jirti.
Dhakaa bittinneessiisaaf yennaan jirti;
dhakaa wolitti qabiisaafille yennaan jirti.
Hanqafatiisaaf yennaan jirti;
hanqafatiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.
Barbaadiisaaf yennaan jirti;
barbaadiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.
Maffatiisaaf yennaan jirti;
gatiisaafille yennaa jirti.
Tarsaasiisaaf yennaan jirti;
hodhiisaafille yennaan jirti.
Cadhisiisaaf yennaan jirti;
dubbatiisaafille yennaan jirti.
Jaalatiisaaf yennaan jirti;
jibbiisaafille yennaan jirti.
Lolaaf yennaan jirti;
nageyaafille yennaan jirti.
Nami waan itti elowe irraa bu'aan maan dhaggata ree? 10 Ani hujii ulfaattuu Waaqi namootatti fe'e dhaggeera. 11 Waaqi waan mara yennaa isi'iititti miidhassee dadeera. Inni halchaa yennaa dhuma hin qannee yaada namootaa keessa keyeera; te'uu malee isaan waan Waaqi jalqabaa haga dhumaatitti godhu beekuu hin dande'anu. 12 Nami bara jiruu ifii waan dansaa hujee itti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre beekeera. 13 Nami martinuu nyaatee, unee, waan itti elowetti gammadiisille kennansa Waaqaa ti.
14 Wonni Waaqi huje martinuu haga bara baraa akka jiraattu ani hin beeka; wonni itti ede'amuu fi irraa fuudhamu tokkolle hin jiru. Nami martinuu akka isa sodaatuuf, Waaqi waan kana godhe. 15 Wonni amma jiru kama dur jiru; wonni gara duraa te'ulle kama dur te'eeru; Waaqi woma dabare deebisee fida.
16 Ani ammalle lafaa irratti waan dhibii dhagge: addee muraa haqaatitti, hammeenna, addee balchumma'aatitti, daba dhagge. 17 Ani, «Waaqi waan maraa fi hujii maraafille yennaa waan qabuuf, balcha'aa fi cubbichalle gara mura'aa hin fida» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaadadhe. 18 Ani ammalle, «Namooti akka bineensotaa akka te'ane akka ifi dhagganuuf, Waaqi haga isaan ilaala» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaade. 19 Hireen namaatii fi bineensaalle tokkuma. Akkuma kuun du'u kuunille du'a; isaan marti hafuuruma tokko qaban; nami bineensa hin caalu. Wonni martinuu bu'aa hin qaddu. 20 Martinuu addee takkaa dhaqan; martinuu akkuma biyyee irraa dadamane, garuma biyye'ee hin deebi'an. 21 Lubbuun namaa gara gubba'aa akka baatu, lubbuun bineensaa gara lafaa gad akka buutu eentu beeka? 22 Namaaf hiree isaa waan teeteef, hujii ifiititti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre hubadheera. Nami du'een duuba waan te'u akka inni dhagguuf, eentu deebisee isa fiduu dande'a ree?