5
Waaqa Sodaadhu
Yennaa gara Galma Waaqaa seentu miila keetii eeggadhu; caqasiisaaf qophowanee dhikaatiis, ciincaa gowwoole'ee, ka worra waan hantuu akka huje hin beenne caalti. Afaan keetiin hin ariifatin; Waaqa duratti waan tokko dubbatiisaafille gadhaa keeti keessatti hin jarjarin. Waaqi ol-gubbaa jira; ati ammoo lafa irra jirta; maarre dubbiin teeti diqqoo teetuu ti. Hujiin yennaa bacattu akkuma oojjuu namatti fiddu, addee dubbiin bacattutti dubbii gowwa'aatitti jira. Waaqaaf yennaa waadaa galtu, muummessiisaaf hin turin. Inni worra gowwa'atti hin gammadu; waadaa keeti muummessi. Waadaa galtee muummessiisa dhabuu irra, waadaa galiisa dhabuu woyya. Afaan keeti gara cubbu'uu si hin geessin. Ergamaa Galma Waaqaatiin, «Waadaan ani gale dokonkora» hin jedhin. Maaniif Waaqi dubbii teetitti aaree hujii harka keetii balleessa ree? Oojjuun baca'aa fi dubbiin bacaan bu'aa hin qaddu. Tanaaf, Waaqa sodaadhu.
Durummaan Bu'aa Hin Qaddu
Biyya tokko keessatti hiyyeessi cunqurfamee, muraan haqaatii fi mirgi isaa dhooggameen yoo dhaggite, waan akkasii san hin baaseffatin; qondaalli tokko qondaala isa ajaju tokkoon ilaallama; isaan lachuu irralle'etti ol aanaa dhibi'ittuu jira.
Wonni latti baachu ta nama maraa ti; mootichinuu fichaa irraa fayyadama.
10 Nami beesee jaalatu ijjumaa beesee hin quufu; nami durummaa jaalatulle ijjumaa bu'aa hin quufu; tunille bu'aa hin qaddu. 11 Karri yennaa bacattu, worri nyaatulle hin bacatan. Ka horate ila ifiitiin ilaaliisa malee, maan bu'aa isaaf qaba? 12 Hojjataan diqqoo yookiin guddoo nyaatulle hirriiba dansaa rafa; bacinni karra dureessaa ammoo hirriiba isa dhooggiti.
13 Wonni hantuun ani biyya lafaa irratti dhagge takka, karra abbaa horate miidhiisaaf tuulantu, 14 yookiin karra dedhuma baddu; inni yennaa ilma uumatu, harka ifii duwwaa hafa. 15 Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu. 16 Tunille waan hantuu akka malee nama gaddisiittu; nami akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; wonni itti elowe sun akka waan qilleensi fudhatee eega teete, inni bu'aa maan dhaggata ree? 17 Inni bara jiruu ifii mara gadda gudda'aan, dhibe'ee fi aari'iin dukkana keessa le'a.
18 Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa'aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe. 19 Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti. 20 Waaqi gammada gadha'aa namaaf waan kennuuf, nami marroo bara jiruu ifiitiif hin yaaddowu.