7
Qarummaa
1 Fiqiree dansa'aa mannaa, maqaa dansaa woyya; guyyaa dhalootaatii mannaa guyyaa du'aa woyya.
2 Gara mana nyaataa fi unto'oo dhaqiisaa mannaa, gara mana bowaa dhaqiisa woyya; duuti muummee nama maraa waan teeteef, worri jiraataan tana qalbeeffatuu ti.
3 Gaddi qalbeeffatiisaaf dansaa waan te'eef, kollaa mannaa, gadda woyya.
4 Nami qaroon marroo gaddaa yaadata; nami gowwaan ammoo marroo gammadaa qofa yaadata.
5 Faaruu worra gowwa'aa caqasu'uu mannaa, xixicha nama qaro'oo caqasuu woyya.
6 Kolli nama gowwa'aa akka qoree okkotee jalaa xaxa'ittuu ti; tunille bu'aa hin qaddu.
7 Cunqursiisi nama qaroo gowwaa gooti; safuun qalbii nama balleessiti.
8 Jalqaba waan tokkootii mannaa, muummee isi'ii woyya; koora mannaa, ossata woyya.
9 Aariin bobaa gowwa'aa keessa waan jirtuuf, ati ariifattee hin aarin.
10 Gaaffiin akkasii gaaffii nama qaro'oo waan hin te'iniif, «Bara ammaatii mannaa, maaf bara durii woyya?» jettee hin gaafatin.
11 Qarummaan akkuma dhalaa dansa'a; worra lafa irra le'uuf bu'aa qaddi. 12 Akkuma beeseen gollaa namaaf teetu, qarummaalle gollaa namaaf teeti; irra caalaa ammoo qarummaan jiruu nama isii qabuu hin eeddi.
13 Me waan Waaqi godhe ilaali! Waan Waaqi dasse eentu qajeelchuu dande'a ree? 14 Barri dansaa yennaa te'e, gammadi; barri badaa yennaa te'e ammoo, hubadhu; Waaqi akkuma waan tokko dade, waan dhibiille dade; tanaaf nami waan gara duraa te'u hin beeku. 15 Ani bara jiruu tiyyaa ka bu'aa hin qanne kana keessa, nami balchaan tokko adoo balchaa te'eeruu du'uun, nami hamaan tokko adoo hamaa te'eeruu bara dheeraa le'uun, waan lamaan kana dhaggeera. 16 Ati akka malee balchaa, akka malee qaroolle hin te'in. Yoo akkas teete ifi balleessita. 17 Yennaa teeti malee akka hin duuneef, akka malee hamaa, akka maleelle gowwaa hin te'in. 18 Waan tokko qabatanee, ta dhibiille lakkisuu dhabiis dansa'a. Nami Waaqa sodaatu waan mara irra haga taree hin deemu.
19 Bulchitoota kudhan qachaa tokko keessa jiranu caalaa, qarummaan nama qaroo tokkoof jabeenna kenniti.
20 Nami balchaan yennaa mara waan dansaa huju, cubbuulle ka ijjumaa hin hunye, lafa irra hin jiru.
21 Tajaajilaan keeti si abaaruun akka hin dhageenneef, jecha kolbaan jettu mara hin caqasin; 22 atinuu yennaa hedduu worra dhibii akka abaarte, gadhaan keeti hin beeka.
23 Ani qarumma'aan waan kana mara haga ilaalee, «Ani qaroo hin te'a» jedhee yaade. Qarummaan ammoo na irraa fagaatte. 24 Qarummaan waan teetelle teetu, waan fagoo jirtu; waan guddoo gad fagaatteertulle'e. Eentu barbaadee isii dhagguu dande'a? 25 Tanaaf ani qalbii tiyya gara beekkumsaa, gara wo qorqoriisaa, gara qarummaa barbaadiisaa, gara hiikkaa hundee waan mara barbaadiisaa, gara dadhabbii worra gowwoole'ee hubatiisaatii fi gowwummaan maraatiisa akka teete hubatiisaa deebifadhe.
26 Ani dubartii akka tiyyo'oo, ta yaad isi'ii akka fonxoro'oo, ta harki isi'ii akka haachabaa, ta du'a caalaa hadhoottu dhagge. Nami Waaqaa isii jalaa hin miliqa; cubbicha ammoo akka tiyyo'oo hin qabatti. 27 Lallabaan sun, «Kunoo, wonni ani qorqore tana: hundee waan maraa qorqoriisaaf, waan tokko waan dhibii irratti ede'ee, 28 adoo barbaadiisatti jiruu ammoo ammalle hin dhaggine. Namoota kuma oddu'utti namicha yaada qajeelaa qabu tokkocha dhaggeera; isaan mara oddu'utti ammoo dubartii qajeeltuu takkattiille hin dhaggine. 29 Ani tana callaa dhagge: Waaqi nama yaada qajeelaa qabu dade; namooti ammoo mala hedduu barbaadane» jedha.