10
Akkuma tiitichi du'e fiqiree ajeessu, gowwummaan diqqoon qarumma'aa fi ulfinna namaa diqqeessiti. Qalbiin nama qaro'oo gara karaa qajeelaa isa geessiti; qalbiin nama gowwa'aa ammoo gara karaa dokonkoraa isa geessiti. Gowwaan karaa yennaa ideemuuyyuu, wodanaa hin qabu; inni attam gowwaa akka te'e eennulle'etti hin mudhisa.
Bulchaan keeti sitti aaree yoo si irratti ka'e, addee teeti gad hin lakkisin; sarmiis aarii guddoo qabbaneessiti.
Waan hantuu ani biyya lafaa irratti dhagge keessaa tokko, dokonkora bulchaan huju. Gowwooleen addee ulfinnaa tee'anee, dureeyyiin ammoo addee gad aantuu tee'aneeran. Qondaaltoti akka garbootaa miilaan ideentuun, garboota farda irratti dhagge.
Nami boolla qotu ifumaafuu keessa bu'a. Nama dalleya dhaka'aa diigu dhudhuufaan hin idda. Nama dhakaa fonqolchu, dhakaan hin miidha; nama muka fadhaansu muki sun hin madeessa. 10 Agaraan duude yoo hin qaramin, hunna guddoo barbaachisa; dandeettiin ammoo nama milkeessiti. 11 Dhudhuufaan adoo qorsaan hin muusowin yoo idde, namichi qorsaan muusessu sun womaa bu'aa hin dhaggatu. 12 Dubbiin afaan nama qaro'oo keessaa baatu, fudhatama qaddi; nami gowwaan ammoo dubbuma ifiitiin bada. 13 Jalqaba irratti dubbiin isaa gowwumma'a; dhuma irratti maraattummaa hantu'u. 14 Gowwaan dubbii baceessa.
Waan dhufu'uu jiru, nami beeku tokkolle hin jiru; nami du'een duuba, waan te'uuf jiru, eentu isatti himuu dande'a ree?
15 Hujiin gowwa'aa isuma dadhassiitti; inni karaa gara qacha'aa geessuuyyuu hin beeku.
16 Ee biyya mootiin ijoollichaa, ta qondaaltoti teeti ganamaan jila nyaataa fi unto'oo qopheeffattu si'iif aanne'e! 17 Ee biyya mootiin keeti sanyii dansa'aa, ta qondaaltoti teeti machi'iif adoo hin te'in, ittiin jabaatiisaaf, yennaa barbaachisaa teetetti nyaatanee unanu, ati ta hiree dansaa qaddu!
18 Nami yoo booseya te'e, heellichoon hin duufa; harka ifii maratee yoo tee'e, manni hin dhim'isa.
19 Jilti areerti'ii nama gammachiisiisaaf qophootti; daadhiin woyni'ii jiruu namaa gammachiitti; beeseen ammoo waan mara bitti.
20 Yaada keeti keessatti mootii hin abaarin yookiin kolloo teeti keessatti dureessa hin abaarin; sababille worri akka sinbirree koolaan kaatuu tokko dubbii teeti fuudhee, waan ati jettu hin hima fa'a te'a.