7
Haamaanitti Duuti Murante
Maarre mootichii fi Haamaan gara areertii giittittiin Asteer qopheessitee dhaqane. Guyyaa lammeesso'oo daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu mootichi ammalle, «Giittittii Asteer, wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.
Giittittiin Asteer deebittee, «Mooticha kiyya, si duratti fudhatama dhaggadhee, ka si gammachiisu yoo te'e, akka ani hin duune na hamburi, wonni gaafadhu tana; kolbaa tiyyalle hamburi, wonni ani barbaadu tana. Anii fi kolbaan tiyya badiisaaf, ijjeefamiisaa fi muxuqi jedhiisaaf gurguranneera; nuuti dhiiraa fi dubartiin garba te'iisaaf adoo gurgurannee jiraanne, tun mooticha rakkisuu waan hin geenneef ani silaa hin cadhisaayyu» jette.
Achiin duuba mootichi Ahashiweros, «Nami tana godhiisaaf game eennu? Nami kun eessa jira?» jedhee giittittii Asteer gaafate.
Asteer deebittee, «Nyaaphi keennaa fi diinni keenna Haamaanii nama hamaa kana!» jette.
Achiin duuba Haamaan mootichaa fi giittittii duratti bararaqe. Mootichi aari'iin ol ka'ee, daadhii woyni'ii lakkisee gad bayee, gara oorruu mana mootumma'aa dhaqe. Haamaan ammoo akka mootichi isa ijjeesiisaaf murteeffate beekee, du'a irraa ifi hamburiisaaf, Asteer kadhatiisaaf duubatti hafe. Mootichi oorruu mana mootumma'aatii gara mana areerti'ii yennaa deebi'e, Haamaan taqee giittittiin Asteer irra irkattu irratti jigeeraayyu; mootichi, «Namichi kun mana keessatti, adduma ani jirutti giittittii Asteer woliin hunnaan rafiisa fedhaa?» jedhe.
Akkuma mootichi tana dubbateen, tajaajiltooti fuula Haama'aa gollane*Fuula Haama'aa gollane: Akka seera isaaniititti fuula golliis duuti akka itti murante mudhisa. Achiin duuba guneessota keessaa «Harbonaa» ka jedhamu, «Kunoo, muki nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa mana Haamaanii bira jira; Haamaan muka kana Mordekaayii si mooticha du'a irraa hamburiisaaf dubbate itti fannisiisaaf qopheesse» jedhe.
Mootichille, «Haamaan muka san irratti fannisa'a» jedhee ajaje.
10 Maarre Haamaan muka Mordekaayiif qopheesse san irratti fannifame; achiin duuba aariin mootichaa qabbanootte.

*7:8 Fuula Haama'aa gollane: Akka seera isaaniititti fuula golliis duuti akka itti murante mudhisa.