Kitaaba Seera Bayiisaa
Seensa
Kitaab seera bayiisaa kun kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii ta garbumma'aan keessa leete keessaa attam akka baate odeessa. Kitaab kun kutaa afur ifi keessaa qaba. 1. Garbummaa jalaa bayiisa worra Ibrootaa. 2. Ideemiisa gara gaara Siina'aa. 3. Gondooroo Waaqi kolbaa ifii woliin gaara Siina'aa irratti gondooree fi seera Waaqaa, seera kolbaan ittiin bultuu fi seera dhugeeffanna'aa attam akka isaaniif kenne odeessa. 4. Seera Dunkaanii Woyyittii ijaariisaatii fi seeraa meya Dunkaanii Woyyitti'ii hujiisaa, seera marroo hayyootaatii fi seera marroo Waaqa Waaqonfatiisaa odeessa. Kolbaa ifii biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, nama keessaa nami Waaqi filate Muuse'e. Irra caalaa kutaan kitaaba kana keessatti beekkamu foora 20 ka ajaji kudhan keessatti barreeffame.
Haadhoo Dubbi'ii
Israa'el Biyya Gibxi'ii Keessaa Bilisa Baate1:1—15:21
Garbummaa biyya Gibxi'ii Keessaa1:1-22
Dhaloota Muuse'eetii Fi Attam Akka Inni Guddate2:1—4:31
Muuse'ee Fi Aaron Mootii Biyya Gibxi'ii Dura Dhaabbatane5:1—7:13
Waaqi balaa biyya Gibxi'iititti buuse: 7:14—11:10
Jila Irra Dabaramaatii Fi Biyya Gibxi'ii Keessaa Bayiisa12:1—15:21
Abbaayaa Diintuu Irraa Haga Gaara Siina'aa15:22—18:27
Seeraa Fi Gondooroo19:1—24:18
Dunkaanii Woyyitti'ii fi Qajeelfama Waaqa Waaqonfatiisaa25:1—40:38
1
Kolbaan Israa'elii Biyya Gibxi'ii keessatti Cunqurfante
1 Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamane, worri maatii ifii woliin gara biyya Gibxi'ii deemane maqaan isaanii asii gad jira: 2 Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, 3 Yisaakor, Zebuloon, Beniyaamin, 4 Daan, Niftaalem, Gaadi fi Asheer fa'a. 5 Laakkossi sanyii Yaaqoobii wolumatti torbaatama; ilmi isaa Yoseef isaaniin duraayyuu biyya Gibxi'ii keessa jira. 6 Barri isaanii geennaan Yoseef, obboleeyyan isaatii fi dhalooti sun marti du'ane. 7 Sanyiin Israa'elii ka achitti hafane ammoo horanee guddoo bacatanee, lafa Gibxi'ii guutane.
8 Achiin duuba mootiin haarenni ka marroo Yoseefii hin beenne biyya Gibxi'ii irratti mootii te'e. 9 Inni kolbaa ifiitiin, «Kunoo, Israa'elooti guddoo bacatanee nu caaliisatti jiran. 10 Laakkossi isaanii akka hin bacanne, lolli yoo ka'e diina keenna woliin nu lolanee biyyaa akka hin baane godhiisaaf kowa'a mala itti dhoonna» jedhe. 11 Tanaaf worri Gibxi'ii kolbaa Israa'elii cunqursiisaaf, worra hujii hunnaa isaan hujisiisu itti filane. Israa'elooti qachaa woy itti kuufatanu Fiitoomii fi Raamses mooticha Fara'ooniif ijaarane. 12 Te'uu malee akkuma worri Gibxi'ii irra caalaa Israa'eloota cunqursuun isaanille irra caalaa bacatanee lafa guutane; tanaaf, worri Gibxi'ii akka malee Israa'eloota sodaatane. 13 Worri Gibxi'ii Israa'elootatti gadhaa jabaatanee akka garbaatitti hujii hunnaa hujisiifatane. 14 Hujii jajjadduu faara loobiisaatii fi simintoo hujiisaatiin, hujii adda addaa ta fichaa keessaatiin, hujii hunnaa jajjadduu ifii mara gadhaa itti jabaatanee hujisiisanee jireenna itti hadheessane. 15 Achiin duuba mootiin Gibxi'ii worra dubartoota Ibrootaa deeysiisanu, ka, «Siifraa fi Phuwaa» jedhamanuun, 16 «Yennaa dubartoota Ibroota deeysiittanu annuun dhalatu dhiira yoo te'e yennuma san ijjeesa'a, durra yoo teete ammoo hin ijjeesina'a» jedhe. 17 Deeysiittooti sun ammoo Waaqa waan sodaataneef, akka mootiin Gibxi'ii isaan ajaje san hin goone; annoolee dhiiraalle hin ijjeenne. 18 Maarre Mootiin Gibxi'ii deeysiittoota san waamee, «Maaf akkas gootane? Annoolee dhiiraa maaf ijjeesuu dhaddane?» jedhee gaafate. 19 Isaanille deebisanee, «Dubartooti worra Ibrootaa akka dubartoota worra Gibxi'iitii moti; isaan jajjaba waan te'aneef, adoo deeysiittooti isaan bira hin geyin deyan» jedhane. 20 Maarre Waaqi deeysiittoota saniif waan dansaa godhe; kolbaan Israa'eliille irra caalaa bacatte. 21 Worri deeysiittootaa sun Waaqa waan sodaataneef, tokko tokkoo isaaniitiif maatii kenne. 22 Achiin duuba mootichi, «Ijoollee dhiiraa ta Ibrootaa ta dhalattu mara fuudha'aatii laga Nayiliititti gata'a, ijoollee durraa ta dhalattu ammoo hin gatina'a» jedhee kolbaa ifii mara ajaje.