37
Saanduqa Gondooro'oo
Bazaali'el Saanduqa Gondooro'oo ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa, hojjaan isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huje. Inni keessa isi'iitii fi duuba isi'ii worqii qulluu itti gonfe; roga isi'ii irra naannessee xiyyoo worqii itti huje. Inni qubee worqi'ii afur hujee, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi'ii afurittuu qassiise. Achiin duuba inni muka gololchaa irraa danqaraa bocee worqii itti gonfe. Danqaraa isii ittiin ba'atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro'oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa galche. Qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa worqii irraa huje. Achiin duuba inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo irratti huje. Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba'aa ta koola qaddu ta lammeesso'oo qaccee garakaaniititti keye; dada ol-gubba'aa ta koola qaddu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo lamaanittuu wolitti qassiisee tokko tolche. Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonboobaneeraniiyyu; fuula ifiille wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalaniiyyu.
Xarapheessaa Daabboo Waaqaaf Dhikaattu Irra Keyanu
10 Inni Xarapheessaa dheerinni isaa ciqilee lamaa, badhinni isaa ciqilee tokkoo, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huje. 11 Achiin duuba inni Worqii qulluu itti gonfe; roga isaa irralle naannessee worqii itti gonfe. 12 Inni xiyyoo haga badhinna ganaa harkaa geettu irga isaa irratti naannessee worqii itti gonfe. 13 Xarapheessaa saniif qubee worqi'ii afur hujee, addee miilli isaa afur jirutti roga isaa afur irratti qassiise. 14 Qubeeleen afur sun danqaraa xarapheessaa ittiin ba'atanu akka qaddu, xiyyoo san bira keye. 15 Danqaraa muka gololchaa irraa huje; xarapheessaa san ittiin ba'atiisaaf worqii itti gonfe. 16 Waan daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu gabataa, qorii, kobolaa fi muduunuu worqii qullittii irraa huje.
Waan Issaa Irra Keyanu
17 Inni Waan issaa irra keyanu worqii qullittii irraa huje. Miila isi'ii, ulee isi'ii, muduunuu daraaraa fakkaattu, guntuta daraara'aatii fi daraaraa seesaa waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiisee tokko tolchee huje.
18 Waan ifa irra keyannu kana irratti dameelee jaa, gara tokkoon sad, gara kaaniin sad huje. 19 Dameelee waan issaa irra keyanuu jaanuu irratti, muduunuun daraaraa muka «Almond» jedhamuu fakkaattu ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu sad jiraniiyyu. 20 Waan issaa irra keyanu san irra, muduunuun daraaraa muka «Almond» jedhamuu fakkaattu afur ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu jirtiiyyu. 21 Dameelee waan issaa irra keyanuu lamaan qaraa jala guntuti daraara'aa tokko, dameelee lamaan ka lammeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka lammeesso'oo, dameelee lamaan sadeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka sadeesso'oo jiraniiyyu. 22 Guntuti daraara'aatii fi dameeleen sun martinuu waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiifamanee tokko te'anee, worqii qullittii irraa hujamane. 23 Inni ifa torba waan ifa irra keyanu, qarapha'aa fi waan daadhaa itti harcaasanu worqii qulluu irraa huje. 24 Inni waan issaa irra keyanuu fi meya isi'ii mara worqii qullittii kiiloogiraama soddomii shanii irraa huje.
Addee Ciinca'aa Ta Hixaana Itti ciincessanu
25 Inni addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa. Roga arfanittuu gaafota itti baase 26 Inni gubbaa isi'iitii fi roga isi'ii mara, gaafota isi'iille worqii qulluu itti gonfe. Roga isi'ii irra naannessee xiyyoo worqi'ii itti huje. 27 Inni danqaraa keessa loosanee addee ciinca'aa ittiin ba'atanu, qubee worqi'ii lama hujee, xiyyoo jalatti gama lamaanittuu qassiise. 28 Inni muka gololchaa irraa danqaraa hujee worqii itti gonfe. 29 Inni akka worri fiqiree dansaa qopheessu hujuu, zayitii woyyittii ta muudaatii fi hixaana qulluu ka foolee dansa'aalle huje.