7
Badiin Israa'elii dhikaatte
1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2 «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Lafa Israa'elii duudii irratti badiin dhikaatteerti. 3 Ee kolbaa Israa'elii! Kunoo, badiin teessan dhikaatteerti; ani aarii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; akkuma ideensa keessaniititti isinitti hin mura; battummaa teessan maraaf isin hin adaba. 4 Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu› jedha. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedhe.
5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Badiin, badii irratti isinitti dhufaarti. 6 Muummeen dhutteerti! Dhutteerti! Isin irratti kaateerti; kunoo, dhutteerti. 7 Ee, isin worra lafa keessa leetanu, badiin teessan dhutteerti; yennaan dhutteerti; guyyaan sun guyyaa raafamaa ti malee, guyyaa gaara irratti firinxiixanuu moti.
8 «Ani ammuma mufii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; aarii tiyyalle isin irratti hin baafadha; akka ideensa keessaniititti isinitti hin mura. Hujii battittii teessan maraafille isin hin adaba. 9 Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu. Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa ka adabu akka te'e hin beettan.
10 «Guyyaan sun kunoo ti! Kunoo, dhufeera! Badiin teessan dhutteerti. Hunnaan nama irratti ka'iis guddateera; koorrille bacateera. 11 Hunnaan nama irratti ka'iis guddattee, ulee hammeennaa teeteerti. Isaan keessaa yookiin gumii isaanii keessaa, qabeenna isaanii keessaa, waanuma gatii qabu keessalle'ee ka hafu tokkolle hin jiru. 12 Kunoo yennaan dhutteerti; guyyaan geyeera; mufiin tiyya gumii isaanii mara irratti waan dhufaartuuf, ka bitatu hin firinxiixin; ka gurguratulle hin gaddin. 13 Mudhiin marroo gumii maraa waan hin jijjiiraneef, ka gurguratee fi ka bitate haga jiru'uun jiranu, ka gurgurate lafa gurgurate san deebifatiisaaf hin dande'u. Sababa yakkaa isaaniitiif, isaan keessaa nami lubbuu ifii hamburatuu dande'u tokkolle hin jiru. 14 Mufiin tiyya gumii mara irra waan jirtuuf, tultullaa afuufanee waan mara qopheeffatanulle, nami gara lolaa dhaqu tokkolle hin jiru.
Addabbii Marroo Cubbuu Israa'elii
15 «Alaan shallaagaan, keessaan dhukkubaa fi beelatti jira; worri qacha'aan ala jiru shallaaga'aan dhumata; worri qachaa keessaalle dhukkubaa fi beelaan hin dhumata. 16 Isaan keessaa worri miliqee hafe, sababa yakkaa ifiitiif, akka saphaliisa dhooqa keessaa, gaara irraa hin aadaan. 17 Harki marti hin laashowa; jilbi marti hin lelleqa. 18 Woyaa gaddaa hin uffatan; wonni hantuun nami dhaggee bararaqu isaan hin liqinsiti; mataan isaanii hin haadama. Isaan marti hin qaanowan. 19 Isaan meetii ifii karaa irratti hin gatan; worqiin isaaniille akka waan batti'iititti hin laakkowanti. Guyyaa mufii ana Mootii Waan Maraa meeti'ii fi worqiin isaanii isaan baasuu hin dande'anu. Akka isaan yakkaa hujanu waan isaanitti te'aneef, nyaatanee ittiin hin quufanu yookiin gadhaa ifii ittiin hin guutatanu. 20 Isaan seesa ittiin kooranu saniin, waaqota dharaa diqachiisa'aa fi waan battii hujataneeran; tanaaf waan kana mara waan battii isaanitti hin godha.
21 «Seesa isaanii ormi akka saamu, hamaaleyyiin lafa san irraalle akka booji'anu harka isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaanille seesa san hin batteessan. 22 Ani fuula kiyya isaan irraa hin deebifadha; isaanille karra tiyya hin batteessan. Saantuun itti tintee hin batteessiti.
23 «Latti dhiiga dhangalaasiisaan waan guutanteef, qachaalle hunnaan nama irratti ka'iisaan waan guutameef, wodaroo sibiilaa qopheeffadhu. 24 Gosa biyya adda addaa keessaa worra irra caalaa hamaaleyyii fidee, qabeenna mana isaanii akka saamanu hin godha. Koora worra hunnaameyyi'ii hin balleessa; addeen woyyittiin isaanii marti hin battootti. 25 Muddam yennaa dhufu, isaan nageya hin barbaaddan; garuu hin dhaggatanu. 26 Badiin, badii irratti, oduulle, oduu irratti hin dhutti. Isaan raagaa irraa mudhii hin barbaadan; barsiisi seeraa hayyicha irraa, gorsi jaarsolee irraa hin bada. 27 Mootichi hin bowa; qondaalli ijjumaa addii hin kutata; harki kolbaa lafa sanii hin romma. Ani akkuma ideensa isaaniititti isaan hin adaba; akkuma muraa isaaniititti isaanitti hin mura. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.