21
Shallaagaa Mootii Waan Maraa
1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Yerusaalemii deebifadhuutii, gara addee waaqonfanna'aa ta isi'ii irratti lallabi; lafa Israa'elii irratti raaga dubbadhu. 3 Lafa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani si irratti ka'eera; shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhee, balchichaa fi cubbaalessalle si irraa hin balleessa. 4 Ani balchichaa fi cubbaalessalle si irraa waan balleessuuf, shallaagaan kiyya nama mara irratti kibbaa haga kaabaatitti gonofaa keessaa hin buqqifama. 5 Nami marti akka ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhe hin beeka. Shallaagaan sun deebi'ee gonofa'atti hin deebi'u jedha› jedhi.
6 «Ee ilma namaa! Ati aadi; qalbii gad jettee fi gadda hadhowuun isaan duratti aadi. 7 Yennaa isaan, ‹Maaf aadda?› siin jedhane, ati isaaniin, ‹Marroo oduu dhufaartuutiif aada; yennaa wonni kun dhuttu, onneen marti hin baxxi; harki marti hin laashowa; lubbuun marti hin gaggaddi; jilbi marti bisaan hin te'a. Kunoo, wonni kun hin teeti; hin muummottille'e, jedha Mootiin Waan Maraa› jedhiin» jedhe.
8 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 9 «Ee ilma namaa! Ati raagiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Shallaagaa tokko! Shallaagaa tokko! Ka qaramee morodame; 10 qaliisaaf ka qarame; akka balaqqeetti'ii balaqqisiisaaf ka morodame! Kolbaan tiyya ifi eeggachisiisaa fi adabbii mara waan tuffatteef haganaa achi firinxiixi hin jiraa ree? 11 Shallaagaan harkatti akka qabatamu morodamiisaaf kennameera; shallaagaan kun ka nama ijjeesutti kennamiisaaf qaramee morodame. 12 Ee ilma namaa! Shallaagaan kun kolbaa tiyyaa fi qondaaltota Israa'elii mara waan balleessuuf iyyii wiiccifadhu. Isaan kolbaa tiyya woliin hin ijjeefaman. Tanaaf gaddaan qoma teeti dhowadhu. 13 Dhugumaan haga ilaallatamiis hin dhufa; cubbuu irraa yoo hin deebi'in kun marti isaan irratti hin te'a› jedha Mootiin Waan Maraa.
14 «Ee ilma namaa! Raagi. Harka keeti aari'iin dhowi; shallaagaan nama qalu yennaa lama, yennaa sadille isaan dhowuu ti; shallaagaan nama bacaa qalu gara maraan isaan marseera. 15 Onneen isaanii baxxee, hedduun isaanii akka gufatanu, karra isaanii mara duratti ani shallaagaa nama qalu isaan dura keyeera; kunoo, shallaagaan akka balaqqisuuf morodameera; ittiin qaliisaafille buqqifameera. 16 Ee, shallaaga'a! Gara middaatititti, gara bita'aalle'etti, garuma qarri keeti itti fuula galetti muri. 17 Anille harka kiyya aari'iin hin dhowa; aarii tiyyalle hin baafadha; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
Shallaagaa Mootii Baabilonii
18 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 19 «Ee ilma namaa! Karaa lama ka mootiin baabilonii shallaagaa qabatee dhufu fakkii kaasi; fakkiin kara'aa sun lamaanuu biyya tokko keessaa ka'uu ti; addee fakkiin kara'aa sun gara qacha'aa irraa gorutti beessisa dhaabi. 20 Karaa shallaagaan qachaa Amoonotaa Raabaatitti dhufu fakkii tokko, karaa shallaagaan biyya Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii ka dalleya dhaka'aa qabu dhufutti fakkii tokko kaasi. 21 Mootiin Baabilonii gorsuma kara'aa irra hin dhaabbata; moru'uun karaa itti goru beekiisaaf daayaan hixaa buufata; waaqota ifii ka dharaa gorsa hin gaafata; moora*Moora: Worri Baabilonii tiruu ilaallatan. horii qalamee hin ilaallata. 22 Waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu akka dhaabu, qaliisaaf ajaja akka baasu, iyya lolaalle akka dhageessisanu, waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu karra qacha'aa duratti akka dhaabu, biyyee tuulee akka kushee ijaaru, kunoo, hixaa daayaa ka gara Yerusaalemii akka inni deemu isatti himu harka middichatti qabateera. 23 Worra Yerusaalemii ka isa woliin kaku'uun wolii galaneef moruu dharaa hin fakkaatti; mootiin Baabilonii ammoo cubbuu isaanii isaan issee isaan hin booji'a. 24 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Cubbuun teessan mudhatteerti. Isin yakkaameyyii akka teetane nami marti hin beeka; isin waan hujjane maraan cubbuun teessan mudhatteerti. Tanaaf, ani akka isin booji'anuuf, diinota keessanitti dabarsee isin hin kenna.
25 « ‹Atille ee qondaala Israa'elii batticha hamaalessa! Guyyaan muumme'ee ka ati adabantu dhufeera. 26 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Marata mata'aa ifi irraa hiikadhu! Kallachalle ifi irraa baafadhu! Wonni akka amma jirutti hafu hin jiru. Worri gad qabame ol qabama; worri ol qabame gad qabama. 27 Badii, badii, badii ani Yerusaalemitti hin fida. Haga abbaan mura'aa ka ani Yerusaalem akka balleessu itti kennu sun dhufutti badiin tun hin teetu; ani Yerusaalem isatti hin kenna› jedha.
Shallaaga'aa fi Worra Amoonotaa
28 «Ee ilma namaa! Ati marroo worra Amoonotaatii fi marroo murgoo isaanii raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa,
«‹Shallaaga'a! Shallaaga'a!
Gonofaa keessaa buqqifami;
akka ijjeettuuf balaqqisiisaaf morodami.
29 « ‹Isaan mudhii dharaa si mootii Baabiloniitiif dhaggane; moruu sobaa si mootii Baabiloniitiif morane; morma worra batticha hamaaleyyi'ii ka guyyaan isaanitti muramu geyee, ka muummeen yennaan isaanii geette irra shallaagaan keeti hin keyama.
30 « ‹Ati shallaagaa gonofa'atti deebisi! Ani addee ati itti dadantetti, biyya itti dhalattetti sitti hin mura. 31 Ani aarii tiyya ta akka bobe'a ibiddaa si irratti hin dhangalaasa; harka worra nama balleessiisaan beekkametti dabarsee si hin kenna. 32 Ati ibiddaan hin badda; dhiigi keeti biyyuma teeti keessatti hin dhangala'a; ani Mootiin Waan Maraa tana waan dubbadheef, haganaa achi nami deebi'ee si qaabatu hin jiru› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe.