32
Faaruu Gaddaa Ta Marroo Fara'oonii
1 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a kudhanii lammeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2 «Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitiif faaruu gaddaa faarsiitii, isaan, ‹Ati gosa biyya adda addaa keessatti akka neenqaa ti; te'uu malee akka bineensa naacha fakkaatu ka abbaayaa keessaa ti; ati laga keeti keessa bisaan facaasaa, miila keetiin kokorsaa laga isaanii booressita. 3 Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa heddu'uun caccoo tiyya si irratti hin diriirsa; isaan caccoo tiyyaan ol si hin harkisan. 4 Ani lafa irratti si hin gata; diida irra si hin buusa; allaattiin adda addaa akka si irra tee'anu hin godha; bineensoti lafa irraa marti si nyaatanee akka quufanu hin godha. 5 Ani foon keeti gaarota hedduu irratti hin xeera; dhooqa hedduulle foon keetiin hin guuta. 6 Ani dhiiga keeti ka dhangala'uun haga gaaraatitti lafa hin obaasa; lagi marti dhiiga keetiin hin guutaman. 7 Ani yennaa haxowee si balleessu, ol-gubbaa hin golla; urjoota ol-gubba'aalle hin dukkaneessa; aduu duumensaan hin golla; jiinille ifa ifii hin kennu. 8 Ifa ol-gubba'aa mara si irratti hin dukkaneessa; lafa teeti irratti dukkana hin fidda› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
9 «Biyya ati hin beenne keessatti, gosa biyya adda addaa oddu'utti ani badii yennaa sitti fidu, gadhaa kolbaa heddu'uu hin raasa. 10 Ani isaan duratti shallaagaa kiyya yennaa mirmisse, kolbaan hedduun marroo waan keetiitiif akka rifatanu hin godha; mootoleen isaaniille sodaatanee hin hollatan. Guyyaa jinnana keetii tokko tokkoon isaanii yennaa mara lubbuu ifiitiif hin sodaatan.
11 «Goottaan Mootiin Waan Maraa mootii Gibxi'iitiin, ‹Shallaagaan mootii Baabilonii si irratti hin dhufa. 12 Ani kolbaa teeti bindillaa shallaagaa worra hunnaameyyi'ii, gosa biyya adda addaa gadhi-jabeeyyi'iitiin akka ijjeefamanu hin godha. Isaan koora Gibxi'ii hin balleessan; kolbaan isi'ii bindillaan sun marti hin baddi. 13 Ani horii isi'ii mara bisaan hedduu biraa hin balleessa; haganaa achi miilli namaa yookiin kotteen hori'ii bisaan san hin booressu. 14 Achiin duuba ani bisaan worra Gibxi'ii qararee akka qullowu hin godha; lagi isaanii akka zayiti'ii laana akka lola'u hin godha. 15 Yennaa ani biyya Gibxi'ii onsee, waan isii keessa guute mara balleesse, worra achi keessa le'u mara yennaa dhowe, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 16 Faaruun gaddaa ta isaan faarsanu tana; dubartooti gosa biyya adda addaa faaruu gaddaa isi'iif hin faarfatan; isaan Gibxi'ii fi kolbaa isi'ii bindilla'aaf faaruu gaddaa hin faarfatan› jedha» jedhe.
17 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 18 «Ee ilma namaa! Kolbaa bindillaa Gibxi'iitiif bowi; isaanii fi dubartoota gosa biyya adda addaa hunnaameyyi'ii worra gara boollaa gad deemu woliin gara qilee lafa jalaa gad ergi. 19 Isaaniin, ‹Isin dansumma'aan worra kaan caalaa hin jaalatantanii ree? Gad bu'a'aatii worra Waaqa malee le'u odduu irkadha'a› jedhiin.
20 «Isaan worra shallaaga'aan ijjeefamane wodhakka'atti hin jigan; Gibxiin shallaaga'aaf dabarfantee kennanteerti; isi'ii fi kolbaa isi'ii bindillaalle harkisa'aa gata'a. 21 Sooressitooti hunnaameyyiin, addee worri du'e jiru keessaa marroo Gibxi'iitii fi marroo kolbaa isi'ii bindilla'aa, ‹Isaan as gad dhufanee worra Waaqa malee le'u, ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin irkataneeran› jedhanee hin dubbatan.
22 «Asoorille awwaala loltoota ifii maraan marfantee achi jirti; isaan martinuu shallaaga'aan ijjeefamanee, 23 boolla qilee keessa jiran; loltooti isi'iille adaala awwaala isi'ii ciisan; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti shallaaga'aan ijjeefamane.
24 «Elaamille awwaala kolbaa isi'ii bindilla'aa maraan marfantee achi jirti; marti isaaniituu shallaaga'aan ijjeefamane; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti du'a worra waaqa malee le'uu du'anee, boolla qile'eetitti gad bu'aneeran; worra boolla qile'eetitti gad bu'e woliin salphataneeran. 25 Isaan kolbaa isi'ii bindillaa adaala awwaala isi'ii jiranu mara woliin, worra qalame odduu taqee isi'ii keyane; marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane. Lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, worra boolla qile'eetitti gad bu'u woliin salphataneeran; isaan worra qalame odduu ciisaneeran.
26 «Meshekii fi Tubaalille awwaala kolbaa isaanii bindilla'aatiin marfamanee achi jiran; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane. 27 Isaan worra hunnaameyyii bara heddu'uun dura du'ee, meya ifii ka woraanaa mara woliin addee worri du'e jirutti gad bu'e woliin hin irkanne. Worri hunnaameyyiin kun yennaa lubbu'uun jiranu worra kolbaa bararasse, ka shallaagaa ifii boraafatanee, wontee ifii qoma irratti qabatanee awwaalame.
28 «Ee mootii Gibxi'ii! Atille caccaddee, worra Waaqa malee le'u ka shallaaga'aan ijjeefame odduu hin irkatta.
29 «Edoom, moototi isi'iitii fi qondaaltoti isi'ii marti achi jiran; isaan adoo worra hunnaameyyii te'anee jiranuu, worra shallaaga'aan ijjeefame woliin irkataneeran; worra Waaqa malee le'uu ka gara boolla qile'ee gad bu'e woliin irkataneeran.
30 «Qondaaltoti gara kaabaatii fi worri Sidoonii marti achi jiran; isaan worra qalamee woliin salphatanee gara boollaa gad bu'ane; hunni isaanii ta akka nami bararaqu gootu adoo teetuu, worra dhumatane, ka salphatane, ka Waaqa malee le'anu, ka shallaaga'aan ijjeefamanee boolla qile'etti gad bu'ane woliin irkataneeran.
31 «Mootiin Gibxi'ii yennaa isaan dhagge, gadda loltoota ifii bindillaa shallaaga'aan dhumatanee mara irraa hin jajjabaata.
32 «Ani lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu akka inni tolchu godhulle, mootii Gibxi'iitii fi loltooti isaa bindillaan marti worra Waaqa malee le'u ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin hin irkatan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.