40
Mudhii Galma Waaqaa Haareyaa
Nuuti booji'annee woggaa diddamii shaneesso'oo, qachaan Yerusaalemii diigameen duuba, woggaa kudhanii arfeesso'oo, ji'a jalqabaa guyyaa kudhaneesso'oo, guyyuma san irreen Mootii Waan Maraa ana irra jiraayyu; inni na fuudhee gara qachaa Yerusaalemii na geesse. Inni mudhii Waaqaatiin gara lafa Israa'elii na geessee, gaara akka malee dheeraa tokko irra na dhaabbachiise. Wonni akka ijaarsa qacha'aa jiru tokko gara kibbaatiin gaara san irra jiraayyu. Yennaa inni achi na geesse, kunoo, namichi tokko ka bifi isaa sageettuu fakkaattu, wodaroo quncee talba'aatii fi ulee ittiin mikanu*Ulee ittiin mikanu: Ta dheerinnaa fi badhinna woyii ittiin haga ilaalanu. harka ifiititti qabatee seensuma karraa keessa dhaabbateeraayyu. Namichi sun anaan, «Ee ilma namaa! Ila teetiin ilaali; gurra keetiin dhage'i; qalbii teetille waan ani sitti mudhisu kana mara irra keyadhu; wonni ati as dhutteef, akka ani waan kana sitti mudhisu waan teeteef, waan dhaggite mara kolbaa Israa'eliititti himi» jedhe.
Karra Gara Karaa Adduun Baatuu
Kunoo, adaala Galma Waaqaa mara dalleya dhaka'aatitti marseeraayyu; harka namichaa keessa ulee miki'ii ta dheerinni isi'ii ciqilee namichaa jaatitti jiraayyu; ciqileen namichaa ciqilee tokkoo fi taakku'u. Inni dalleya dhaka'aa san yennaa miku, furdinni isaa ulee miki'ii san tokko, hojjaan ulee miki'ii san tokko te'e. Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatu jiruu dhufee, yaabbannoo karraa irra ol bayee, eeddummee karra duraa yennaa mike ulee miki'ii tokko teete. Kollooti worra eeddotaa ta cina'aa dheerinni isaanii ulee miki'ii san tokko, badhinni isaaniille ulee miki'ii san tokko; kollooti cina'aa sun ciqilee shan gargar fagaatan; dheerinni eeddummee seensuma karra soroo Galma Waaqaa bira, gara keessaatiin dhuma irra jirtuu, ulee miki'ii tokko. Achiin duuba inni soroo seensuma karra Galma Waaqaa gara keessaatiin jirtu mike. Soroo karaa seensuma karraa sun ciqilee saddeeti; utubaan isi'ii ciqilee lama furdata; soroon seensumaa sun gara keessaatiin jirti. 10 Kolloon eeddotaa ta karra karaa aduun baatuu garanaan sad gara kaanille'een saditti jiraayyu; isaan sadiinuu wol qixxe'e; utubooti kolloota san garanaa fi gara kaaniin jiranulle wol qixxe'e. 11 Achiin duuba inni badhinna seensuma karra sanii ciqilee kudhan, dheerinna isi'ii ciqilee kudhanii sad mike. 12 Kolloo eeddotaa ta garanaa fi garakaaniin jirtu san tokko tokkooyyuu dura dalleenni dhaka'aa gabaabaan ka hojjaan isaatii fi furdinni isaa ciqilee tokkootitti jiraayyu; badhinni kolloo eeddotaa wol qixxee te'anee ciqilee jaa. 13 Achiin duuba inni karra san qaccee dhaaba kolloo eeddotaa tokko irraa gara duubaatiin haga qaccee dhaaba kolloo eeddotaa ta gara kaaniititti ciqilee diddamii shan mike. 14 Inni utuboota soro'oo sanille yennaa mike ciqilee jaatama teete; adaala soroo seensumaa san badhinna dalleya keessaatitti jiraayyu. 15 Seensuma karraa fuula duraa kaasee haga soroo seensumaa qaccee isi'ii ta gara keessaatitti ciqilee shantama. 16 Kollooti eeddotaa gara maraan akkuma soroo seensumaa middaa fi bita'aan foddaa dhidhiphoo qaban; foddaan adaala sanii marti karra seensumaa fuula dura jiran; utuboota irra fakkii muka meexxi'iititti jiraayyu.
Badhinna Dalleya Keessaa Ka Alaa
17 Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geesse. Kunoo, kollootaa fi dhakaa afametti adaala badhinna dalleya keessaa san jiraayyu. Dhakaa afameeru san fuula dura kolloota soddomatti jiraayyu. 18 Dhakaan afameeru ka jalaa karra seensumaatiin wol qabatee hujameera; badhinni isaalle haguma dheerinna karra sanii ti.
19 Achiin duuba inni karra gara jalaa fuula duraa kaasee haga badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatiin fuula duraatitti fageenna jiru ciqilee dhibba tokko te'e.
Karra Gara Kaabaa
20 Achiin duuba inni karra gara kaabaatitti jirtu, ta fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaa dheerinnaa fi badhinna isi'ii mike. 21 Kollooti isi'ii ta eeddotaa garanaan sad, gara kaanille'een sad; utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii haguma ka karra qaraa ti; dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 22 Foddaan isi'ii, soroon isi'iitii fi fakkiin muka meexxi'ii ta isii irra jirtu ta karra karaa aduun baatuu woliin woluma qixxe'e; yaabbannoo torbaan gara seensuma karra sanii ol bayan; soroon seensuma karra sanii qaccee gara keessaatiin jirti. 23 Akkuma karra karaa aduun baatuu, karri karaa kaabaatitti jirtu, ta fuullee badhinna dalleya keessaa ta gara keessaalle jirti; karra tokko irraa haga karra taaniititti yennaa inni mike ciqilee dhibba teete.
Karra Gara Kibbaa
24 Achiin duuba inni gara kibbaa na geesse; achille, kunoo, karri gara kibbaatitti fuula galteertu takka jirti. Innille utuboota isi'iitii fi soroo isi'ii mike; isaanille karra dhibi'iin woluma qixxe'e. 25 Karri sunii fi soroon isi'ii akkuma karra dhibi'ii naannoo ifii irratti fooddota qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 26 Yaabbannoon torba ta gara isi'ii ol ittiin bayanutti jira; soroon isi'ii fuullee saniin jirti; utuboota cinaa isi'ii ka gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti irra jira. 27 Badhinni dalleya keessaa ka gara keessaa karra gara kibbaatitti fuula galteertu qaba; inni karra san irraa jalqabee haga karra gara kibbaa ta gara alaa mikee, ciqilee dhibba teete.
Badhinna Dalleya Keessaa Ka Keessaa
28 Achiin duuba karaa karra kibbaatiin gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geessee, inni yennaa karra kibbaa san mike, isiin karra dhibi'iin woluma qixxee teete. 29 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 30 Sorooti adaala san maratti naannowaneeranu, dheerinni isaanii ciqilee diddamii shan, badhinni isaanii ciqilee shan. 31 Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galteerti; utuboota isi'ii irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.
32 Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ka karaa aduun baatuu na geessee, karra san mike. Isiille karra dhibi'iin woluma qixxee teete. 33 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 34 Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galtee, utuboota isi'ii ka gara lamaanittuu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.
35 Achiin duuba inni gara karra karaa kaabaa na geesse. Yennaa inni isii mike karra dhibi'iin woluma qixxee teete. 36 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 37 Soroon seensumaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti fuula galteerti. Utuboota gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.
Kolloo Ciincaa Itti Qopheessanu
38 Soroo karra karaa kaabaa ta gara keessaa bira kolloo balbala qaddu ta kennansi gubamu itti dhiqamutti jiraayyu. 39 Soroo san keessa xarapheessaan lama lama cinaa lamaanuu ka kennansi gubamu, kennansi sababa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatu irratti qalamu jiran. 40 Soroo seensuma karra karaa kaabaa gara alaatiin yennaa ol bayanu cinaa lamaanuu xarapheessaa wol fakkaatu lama lamatti jiraayyu. 41 Maarre karra san gara keessaatiin xarapheessaan horiin ciinca'aaf dhikaatu irratti qalamanu afur, cinaa taanille'een xarapheessaan afur wolumaa galatti xarapheessaa saddeetitti jiraayyu. 42 Xarapheessaan afur ka dhakaa irraa hujamane, ka dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, hojjaan isaanille ciqilee tokkoo, ka kennansi gubamu irratti dhikaatu achi jiran. Xarapheessota kana hayyooti meya horii kennansa gubamuu fi ciincaa dhibi'iif dhikaatanu ittiin qalanulle irra keyatan. 43 Hookkoti qaccee lamaa ka dheerinni tokko tokkoo isaanii taakkuu tokko tokkoo naannoo dhaaba mana dhaka'aa san mara irratti dongoramaneeran; xarapheessota san foon kennansaaf dhikaatutti irra keyama.
Kolloota Hayyootaa
44 Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa keessa, karra keessaatiin ala kolloota lamatti jiraayyu; takkattiin cinaa karra karaa kaabaa gara kibbaa fuula galtee, takkattiin cinaa karra kibbaa gara kaabaa fuula galteerti. 45 Inni anaan, «Kolloon karaa kibbaa fuula galteertu tun ta hayyoota itti gaafatantoota hujii Galma Waaqaa keessa ti; 46 kolloon karaa kaabaa fuula galteertu tun ta hayyoota itti gaafatantoota hujii addee ciinca'aa ti; hayyooti tun sanyii Zaadoqii, ilmaan Lewwi'ii worra Mootii Waan Maraatitti dhikaatee isa tajaajiliisaaf eeyyama qabuu ti» jedhe. 47 Inni badhinna dalleya keessaa ka gara keessaalle mike; dheerinni isaa ciqilee dhibba, badhinni isaalle ciqilee dhibba; cinaan isaa arfanuu wol qixxe'e. Addeen ciinca'aa Galma Waaqaa dura jirtiiyyu.
Soroo Galma Waaqaa
48 Achiin duuba inni gara soroo seensuma Galma Waaqaa na geessee, inni utuboota isi'ii tokko tokkoon yennaa mike, ka cinaa lamaaniituu dheerinni isaanii ciqilee shan shan te'ane; badhinni seensumaa ciqilee kudhanii afur, furdinni gindaa isi'ii ka cinaa lamaaniituu ciqilee sad sad te'ane; 49 Dheerinni soroo sanii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii lama; yaabbannoo kudhaniin gara isi'ii ol bayan. Yaabbannoota san cinaa lamaan utubootatti jiraayyu.

*40:3 Ulee ittiin mikanu: Ta dheerinnaa fi badhinna woyii ittiin haga ilaalanu.