47
Bisaan Galma Waaqaa Keessaa Burqu
1 Achiin duuba namichi sun gara balbala Galma Waaqaa deebisee na fide; kunoo, mikikkila Galma Waaqaa san jalaa bisaan burqee, Galmi Waaqaa karaa aduun baatutti fuula waan galeeruuf, bisaan sun gara karaa aduun baatuu laana yaa'uun dhagge; bisaan sun addee ciinca'aa irraa gara kibbaatiin, Galma Waaqaa maddii kibbaatiin karaa aduun baatu gad yaa'e. 2 Achiin duuba namichi sun karaa karra gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessaa na baasee, gara alaatiin na marsiisee, gara karra gara alaa ta fuullee karaa aduun baatuu na geesse; kunoo, bisaan karra san gara kibbaatiin karaa aduun baatu laana yaa'uun dhagge. 3 Namichi sun wodaroo miki'ii qabatee bisaan karaa aduun baatu yaa'u gula deemee ciqilee kuma tokko mike; achiin duuba inni akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun gulubii na geye. 4 Ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun jilba na geye; ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee, akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun hidha na geye. 5 Itti dabalee inni ciqilee kuma tokko mike; bisaan sun waan guuteeruuf, qilee ka nami daakiisaan malee gamatti bu'iisa hin dandeenne waan te'eef, anille keessa deemee gamatti bu'iisa hin dandeenne. 6 Namichi sunille, «Ee ilma namaa! Ati tana dhaggiteertaa?» naan jedhe.
Achiin duuba inni gara qarqara lagaa duubatti na deebise. 7 Ani adoo deebi'iisatti jiruu qarqara laga sanii gamaa fi gamanatti mukoota akka malee bacaa dhagge. 8 Namichi sun anaan, «Bisaan kun gara lafa karaa aduun baatuu, gara dhooqa Yordaanosiititti gad yaa'a. Bisaan kun yennaa abbaayaa sooddaa seene, bisaan abbaayaa sooddaa sun haareffamee bisaan dansaa hin te'a 9 Addee bisaan sun dhaqu maratti dadi lubbuu qaddu marti lubbu'uun hin jiraatti; addee bisaan kun dhaqu maratti qurxummiin bacaan hin jiraatti; bisaan kun achi waan dhaquuf bisaan abbaayaa sooddaa tolee dansaa hin te'a; maarre addee bisaan kun dhaqu maratti wonni marti lubbu'uun hin jiraatti. 10 Worri qurxummii qabatu qarqara abbaayaa sooddaa hin dhaabbatan. En-Gedii jalqabee haga En-Eglaayimiititti lafa caccoo qurxummii ittiin qabatanu itti afatanu hin teeti; qurxummiin isi'ii akka qurxummii abbaayaa Mediteraaniya'aa qurxummii gosa adda addaa bacaa hin teeti. 11 Te'uu malee caffaan isi'iitii fi haroon isi'ii soodduma te'anee hafan malee tolanee bisaan dansaa hin te'anu. 12 Qarqara laga sanii gamaa fi gamana mukooti adda addaa ka sagalee te'anu hin latan. Isaan bisaan Galma Waaqaa jalaa burqu waan dhaggatanuuf, baalli isaanii hin qooru; midhaan isaaniille hin dhabamu; ji'uma ji'aan midhaan haareya buusan; midhaan isaanii nyaataaf, baalli isaanii qorsaaf hin te'a» jedhe.
Meessaa Lafaa
13 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Meessaan lafa ati gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qoodduu ka asii gad jiru kana. Gosi Yoseefii qooda lama qabaattuu ti. 14 Lafa tana wol qixxee qoodama'a; ani abbootii teessan ta duriitiif lafa tana kenniisaaf kaku'uun waadaa waan galeeruuf, latti tun dhaala keessan hin teeti.
15 «Meessaan lafa tanaa akkana hin te'a: Meessaan kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee, karaa qachaa Hetlooniitiin haga seensuma Haamaatii dhaqee, dabareelle haga qachaa Zedaadii, 16 haga qachaa Beroota'aatii fi qachaa Siibraayimii ka meessaa Damaasqo'ootii fi meessaa Haamaatii wodhakkaa jiranuu, haga qachaa Haazer-Hatiikonii ka meessaa biyya Hawuraanii dhaqa. 17 Akka kanaan meessaan abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa karaa aduun baatu, meessaa Damaasqo'oo gara kaabaatiin, qachaa Haamaatii gara kaabaatitti lakkisee, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa; kun meessaa kaabaa ti.
18 «Meessaan karaa aduun baatuu Damaasqo'oo fi Hawuraan wodhakka'aan dabaree, laga Yordaanosii gula lafa Giil'aadiitii fi lafa Israa'elii wodhakkaa dabaree, gara abbaayaa sooddaa ta karaa aduun baatuu haga qachaa Taamaarii dhaqa; kun meessaa karaa aduun baatuu ti.
19 «Meessaan kibbaa Taamaarii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii ti; achille'ee laga gogaa Gibxi'ii gula haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa; kun meessaa kibbaa ti.
20 «Meessaan karaa aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee haga fuullee seensuma Haamaatii dhaqa; kun meessaa gara aduun seentuu ti.
21 «Gosoota teessan Israa'el oddu'utti lafa tana qoqoodama'a; 22 isin ifii fi worra ormaa ka odduu teessan jiru ka ijoollee qabanuufille, dhaala godha'aatii hixaa buusa'aatii qoodama'a; isaan akkuma ijoollee Israa'elii ka worra dhalataa biyyaa te'anuu ti. Gosa Israa'elii oddu'utti hixaa buufatiisaan qooda lafaa qabaatanuu ti. 23 Nami ormaa ka Israa'el keessa le'u kolbaa gosa Israa'elii ka keessa le'u woliin qooda ifii qabaatuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.