5
Xalayaa Taatenaay Daariyosiif Erge
Yennaa san raagichi Haage'ee fi Zakaariyaasiin raagichi sanyii Iddoo Yihudoota Yerusaalemii fi lafa Yihuda'aa le'anuuf, maqaa Waaqa Israa'eliitiin raaga dubbatane. Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zerubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa deebisanee ijaariisa jalqabane; raagoti Waaqaalle isaan qarqaariisaaf isaan woliin jiraniiyyu. Yennaa san Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju dhufanee, «Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dalleya kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje» jedhanee isaan gaafatane. Isaan, «Maqaa namoota ijaarsa kana ijaariisatti jiranuu eennu fa'a» jedhanee gaafatane. Ammoo Waaqi isaanii maanguddoo sooreyyii Yihudootaa eegiisatti jiraayyu; dubbiin Daariyos bira geettee deebiin barreeffamaan haga deebitutti ijaariisa isaan hin dhooggine. Garagalchi Xalayaa Taatenaayii bulchaa kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worra isaan woliin hujuu, ka laga Efraaxiisiitiin gama gara aduun seentu biraa gara Daariyosii ergame kana: «Mooticha Daariyos, nageenni si'iif te'u! Nuuti gara kutaa biyya Yihuda'aa, gara Galma Waaqa gudda'aa akka dhandhe si mooticha biratti beekkamuu ti; kolbaan Galma Waaqaa keessa dhakaa gugurda'aa fi xawulaa mukaatiin dhaaba Galma Waaqaa deebittee ariiti'iin jabaattee ijaariisatti jirti.
«Nuutille, ‹Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dhaaba Galma Waaqaa kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje?› jennee sooreyyii kolba'aa gaafanne. 10 Nuuti ammalle sooreyyiin hujii tanaa eennu fa'a akka te'ane barreessinee sitti beessisiisaaf, maqaa isaanii gaafanne.
11 «Isaanille deebisanee, ‹Nuuti tajaajiltoota Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti; Galma Waaqaa ka mootiin Israa'elii guddaan bara heddu'uun dura ijaaree fixe deebinnee ijaariisatti jirra. 12 Abbootiin teenna ta durii ammoo Waaqa ol-gubba'aa waan mufachiitteef, innille nama biyya Kaldootaa mootii Baabilonii Nebukadnezaaritti dabarsee isaan kenne; innille Galma Waaqaa diigee, kolbaalle gara Baabilonii booji'e. 13 Te'uu malee, Qiiros mootii Baabilonii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti Galmi Waaqaa kun akka deebi'ee ijaaramuuf ajaje. 14 Inni meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Galma Waaqaa, ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee, galma waaqota dharaa ka worra Baabilonii keessa keyeeru, gad baase; achiin duuba meya san namicha akka inni biyya Yihuda'aa bulchuuf filate, Sheshbazaaritti kenne. 15 Qiiros: Galmi Waaqaa Yerusaalem keessatti addee ifii ta duriititti deebifamee ijaaramuu ti. Atille meya kana fuudhiitii Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti deebisi! jedhee isatti hime. 16 Maarre Sheshbazaariin kun dhufee hundee Galma Waaqaa Yerusaalem keessatti dhaabe; yennaa sanii jalqabee haga ammaatitti ijaaramiisatti jira; haga ammaa ammoo hin hobbaane› jedhane.
17 «Amma yoo si mooticha gammachiitte, Galmi Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee akka ijaaramuuf, mooticha Qiiros irraa ajaji bayee yoo jiraate, galmeen mana meya mootumma'aa ka Baabilon keessaa ilaalantuu ti! Waan dubbii tanaa murtee teeti nuuf ergi» ka jedhu.