2
Phawuloosii Fi Ergantoota Taan
1 Eega san woggaa kudha afuriin duuba, Tiitoos ifi faana fudhadhee, Baarnaabaas woliin gara Yerusaalemii deebi'ee dhaqe. 2 Akka ani achi dhaqu, Waaqi natti mudhinnaan dhaqe. Hujiin ani kanaan dura hujee fi ta amma hujiisatti jiru, tola akka hin banneef jedhee, Oduu Gammadaa ta worra Yihudoota hin te'initti lallabu, sooreyyii gugurdo'oof qofitti hime. 3 Tiitoosiin na woliin jiru, nama Giriikii te'ulle, akka haqanqabaa qabatu hunnaan hin godhanne. 4 Te'uu malee obboleeyyan dharaameyyiin tokko tokko, ka luuxanee nu odduu seenane, akka inni haqanqabaa qabatu barbaadaneeraniiyyu. Isaan bilisummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu dooyanee, garbumma'atti nu deebisiisaaf barbaadanee, luuxanee seenane. 5 Dhugaan Oduu Gammadaa, akka yennaa mara isin woliin jiraattuuf, nuuti yennaa diqqolle'eef isaaniif hin ajajane.
6 Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe. 7 Ammoo akka Waaqi, akkuma Pheexroos Oduu Gammadaa worra Yihudootaatiif akka lallabuuf adaraa itti kenne, anille Oduu Gammadaa worra Yihudoota hin te'iniif, akka lallabuuf adaraa natti kenneeru beekaneeran. 8 Waaqi akka Pheexroos ergamaa worra Yihudootaa te'ee tajaajilu godhe, akka anille ergamaa worra Yihudoota hin te'inii te'ee tajaajilu godheera. 9 Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexroosii fi Yohaannis, badhaadha naaf kenname hubatanee, tokkummaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi na woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra. 10 Isaan marroo hiyyeeyyi'iitiif akka nuuti yaadannu callaa nutti dubbatane, kun waan ani dhugumaan godhiisaaf fedhuuyyu.
Anxokiya'atti Phawuloos Pheexroosiin Morme
11 Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme. 12 Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee*Golii worra haqanqabaa qabatee: Golii, «Worri worra Yihudootaa hin te'in keessaa dhugeeffate haqanqabaa qabatuu qaba» jettu. sodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate; 13 Worri Yihudoota keessaa dhugeeffatanelle, kijiba Pheexroosii hordofaneeran; Baarnaabaasinuu kijiba isaaniitiin duubatti harkifameera. 14 Akka isaan akka dhugaa Oduu Gammadaatitti hujaa hin jirre, ani yennaa dhagge, isaan mara duratti Pheexroosiin, «Ati Yihudii teetee, akka Yihudi'iititti adoo hin te'in, akka nama Yihudii hin te'iniititti eega jiraatte, attamiin worri Yihudoota hin te'in, akka Yihudootaatitti akka jiraatuuf uttitta ree?» jedhe.
Namuu Dhugeeffanna'aan Fayya
15 Nuuti dhalootaan Yihudoota malee, worra Yihudoota hin te'in worra cubbichaa moti. 16 Te'uu malee nami Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan malee, Seera eeggatiisaan akka hin balchoonne beenneerra. Nuutille Seera eeggatiisaan adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan akka balchoonnuuf Yesuus Kiristoositti dhugeeffanneerra. Eennulle Seera Muuse'ee eeggatiisaan hin balchoomu.Far. 143:2; Rom. 3:20,22 17 Kiristoositti dhugeeffatiisaan balchoomiisaaf adoo barbaannuu, nuutinuu cubbaalleyyii teenee yoo mudhanne, akka cubbuu tolchinu ka godhiisatti jiru Kiristoos jechu'u ree? Ijjumaa, hin teetu! 18 Ani Seera diige deebisee yoo ka ijaaru te'e, aninuu nama Seera diigu te'uu kiyya mudhisiisatti jira jechu'u. 19 Ani Waaqaaf le'iisaaf, karaa Seeraatiin Seera duraa du'eera; ani Kiristoos woliin fannifameera. 20 Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a. 21 Ani badhaadha Waaqaa gatii hin dhooggu; Seera eeggatiisaan adoo waan balchoomanu teete, Kiristoos toluma du'e jechu'uu motii ree!