Kitaaba Seera Dadaa
Seensa
Kitaab seera dadaa marroo dadama biyya lafaa, marroo dhufa sanyii namaa, marroo jalqaba cubbu'uutii fi rakkinna biyya lafaa irraa, marroo wol qunnamtii Waaqi nama woliin qabuu dubbata. Seerri dadaa kutaa gugurdoo lamatti qoodamuu dande'a:
1. Foorri 1-11: Marroo dadama biyya lafaatii fi marroo dabarsii ilmaan namaa ta durii dubbata; dabarsiin Addaamiitii fi Heewwanii, Qaayiniitii fi Abeelii, Nohiitii fi bisaan badi'ii, ta xelleephoo Baabiloniille kutaa kana keessa jiran.
2. Foorri 12-50: kutaan kun marroo dabarsii abbootii Israa'elootaa ta durii dubbata; isaan keessaa ka qaraa dhugeeffannaa ifiitii fi ajajama Waaqaaf qabuun beekkamaa ka te'e Abrahaam. Achiin duuba dabarsii ilma isaa Yisihaqii, akaakoo isaa Yaaqoobiitii fi ilmaan Yaaqoobii kudhanii lama, ka hundee fira Israa'elii kudhanii lamaa te'anetti itti aana. Ijoollee Israa'elii kudhanii lama keessaa keessattuu Yoseef irratti, akkasuma Yaaqoobii fi haala ijoollee isaa dhibii ta gara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf fide irratti xiyyeeffata.
Kitaab kun marroo dabarsii kolba'aa ka dubbatu te'ulle irra caalaa hujii Waaqi huje odeessa; dabarsii Waaqi dada mara dadeen jalqabee, waadaa Waaqi kolbaa ifiitiif yaaduu akka hin lakkinne mudhittuun fixa. Kitaaba kana keessa qacce'ee haga qacce'eetitti abbaan dabarsi'ii, ka worra dokonkora hujutti muruu fi adabu, ka kolbaa ifii sooressuu fi qarqaaru, ka dabarsii isaaniille miidhassu Waaqa. Kitaab durii kun dabarsii dhugeeffannaa kolba'aa galmeessiisaa fi dhugeeffannaan sun akka jiraattu godhiisaaf barreeffame.
Haadhoo Dubbi'ii
Dadama dada maraatii fi sanyii namaa1:1—2:25
Jalqaba cubbu'uutii fi rakko'oo3:1-24
Addaam irraa kaasee haga Nohii4:1—5:32
Nohii fi bisaan badi'ii6:1—10:32
Xelleephoo Baabilonii11:1-9
Seem irraa kaasee haga Abraamii11:10-32
Abbootii: Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoob12:1—35:29
Sanyii Esaawu'uu36:1-43
Yoseefii fi obboleeyyan isaa37:1—45:28
Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessatti46:1—50:26
1
Dabarsii Dadaa
Waaqi jalqaba ol-gubba'aa fi lafa dade. Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle'e. Dukkanti qilee abbaaya'aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho'aa ture. Achiin duuba Waaqi, «Ifi te'uu ti» jedhe. Ifille te'e. Waaqi ifi dansaa akka te'e dhagge; inni ifa dukkana irraa gargar baase. Waaqi ifaan «Guyyaa», dukkanaan «Halkan» jedhee maqaa baase. Kun guyyaa qaraa ti.
Waaqi, «Bisaan gad hafee fi bisaan ol hafe akka gargar baasu, gubbaan gombobbittiin teetuu ti» jedhe. Maarre Waaqi gubbaa gombobbittii godhee, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan gad jiru, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan ol jiruun gargar baase. Akkasuma teete. Waaqi gubbaa gombobbittii «Gubbaa» jedhee maqaa baase. Dhiite, bariitelle'e. Kun guyyaa lammeesso'oo ti.
Waaqi, «Latti godduun akka mudhattuuf, bisaan gubba'aan jala jiru wolitti dacha'uu ti» jedhe. Akkasuma teete. 10 Waaqi, lafa goddu'uun, «Lafa», bisaan wolitti dacha'een, «Abbaayaa» jedhee maqaa baase. Tunille dansaa akka teete dhagge.
11 Achiin duuba Waaqi, «Latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu, baachuu ti» jedhe. Akkasuma teete. 12 Maarre latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu baache; Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge. 13 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa sadeesso'oo ti.
14 Akkasuma Waaqi, «Guyya'aa fi halkan gargar baasiisaaf gubbaa irratti ifooti jiraatanuu ti! Isaan beessisa yenna'aa, beessisa bonaa-gannaatii fi wogga'aa, 15 ifoota gubba'aa te'anee lafa irratti ka ifa kennanu te'anuu ti» jedhe. Tunille akkasuma teete. 16 Waaqi ifa gugurdaa lama godhe; ifi guddichi guyyaa, ifi diqqayyichi halkan akka ifu godhe. Urjootalle dade. 17 Waaqi akka lafa irratti issanuuf gubbaa irra isaan keye. 18 Guyya'aa fi halkan irratti baallii akka isaan qabatanuuf, ifa dukkana irraa gargar akka baasanuuf inni achi isaan keye. Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge. 19 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa arfeesso'oo ti.
20 Achiin duuba Waaqi, «Bisaan lubbuu qabeeyyii adda addaatiin ka guutame te'uu ti; sinbirrootille lafaan gubbaa irra kaatuu ti» jedhe. 21 Maarre Waaqi bineensa gugurdaa abbaayaa keessaa, lubbuu qabeeyyii bisaan keessa le'anu mara, sinbirroota gosa adda addaa mara dade. Waaqi Tunille dansaa akka teete dhagge. 22 Waaqi, «Hora'aa heddadha'a; bisaan abbaaya'aa guuta'a; sinbirrootille lafa irra guuttuu ti» jedhee isaan eebbise. 23 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa shaneesso'oo ti.
24 Achiin duuba Waaqi, «Latti, dada lubbuu qabanu, gosa adda addaa mara: horii, bineensota lafarra lowanu, bineensa gudda'aa fi diqqaa mara baattuu ti» jedhe. 25 Waaqi bineensota lafaa akka gosa isaaniititti, horii akka gosa isaaniititti, bineensota lafa irra lowanu mara akka gosa isaaniititti dade. Inni tunille dansaa akka teete dhagge. Tunille akkasuma teete.
26 Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe. 27 Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade. 28 Waaqi, «Hora'a, heddadha'a, lafa guuta'a, harkatti isii galfadha'a! Qurxummii abbaaya'aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise. 29 Waaqi, «Ani biqiltuu midhaan buuttuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buuttu ta lafa irraa duudii akka nyaattanuuf isinii kenneera. 30 Akkasuma bineensa maraa fi sinbirroota qilleensaa maraaf, akka sagalee isaaniif te'u marraa fi biqiltuu baalaa isaaniif kenneera» jedhe; tunille akkasuma teete. 31 Waaqi waan huje mara ilaale; martinuu guddoo dansaa teete; latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa jayeesso'oo ti.