22
Abrahaam Haga Ilaallatame
1 Wonni kun teeteen duuba, Waaqi Abrahaam haga ilaale. Inni, «Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
2 Achiin duuba Waaqi, «Ilma keeti tokkochuma jaalattu san Yisihaq fuudhiitii, lafa Moriiya'aa dhaqi! Gaara ani sitti mudhisu tokko irratti ciincaa godhii isa naaf dhikeessi» jedhe.
3 Maarre Abrahaam boruyyaa barii ganamaan ka'ee, qoraan ciincaa ittiin ciincessu caffatee, harree ifii fe'atee, ilma ifii Yisihaqii fi tajaajiltoota ifii ta dhiiraa dargaggeeyyii lamaan fudhatee, lafa Waaqi isatti hime dhaqiisaaf kara'atti baye. 4 Guyyaa sadeesso'oo Abrahaam ol ilaalee addee san fago'otti dhagge. 5 Achiin duuba Abrahaam tajaajiltoota dargaggeeyyii ifiitiin, «Isin harree woliin as tura'a; anii fi mucaan kiyya achi dhandhee, Waaqa waaqonfannee gara keessan hin deebina» jedhe.
6 Abrahaam qoraan ciincaan ittiin ciinceffamu fuudhee ilma ifii Yisihaqitti ba'achiisee, ifiif ibiddaa fi billowa qabate. Maarre isaan lamaanuu woliin ideemane. 7 Yisihaq abbaa ifii Abrahaamiin, «Abbaa!» jedhe; innille, «Ilma kiyya, maan?» jedhe. Yisihaqille, «Ibiddii fi qoraan kunoo ti; ammoo hooleen ciincaa ciincessinu meet ree?» jedhe.
8 Abrahaam deebisee, «Ilma kiyya, Waaqinuu hoolee ciincaa ciincessinu hin qopheessa» jedhe. Isaan lamaanuu woliin deemiisa itti fufane.
9 Isaan addee Waaqi isatti mudhise san yennaa geyane, Abrahaam addee ciincaa itti ciincessanu achitti ijaaree, qoraan miidhassee irra naqee, ilma ifii Yisihaq hidhee, qoraan gubbaa irkise. 10 Achiin duuba Abrahaam ilma ifii qaliisaaf, billowa fudhatee harka diriirfate. 11 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo ol-gubbaa irraa, «Abrahaam, Abrahaam!» jedhee isaa waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
12 Ergamaan Mootii Waan Maraalle, «Mucaa hin tuqin yookiin waan tokkolle isa hin godhin; ati ilma keeti tokkochuma san waan naaf hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu beekeera» jedhe.
13 Abrahaamille adaala ifii ilaalee, korbeessa hoole'ee ka gaafi isaa haxanxari'iin qabameeru tokko dhagge. Inni dhaqee korbeessa fuudhee, addee ilma ifii ciincaa dhikeesse. 14 Maarre Abrahaam addee san, «Yaahwee yir'ee*Yir'ee: Afaan Ibrootaatiin Waaqi hin qopheessa jechu'u.» jedhee moggaase; adhalle namooti, «Mootiin Waan Maraa gaara irratti hin qopheessa» jedhan.
15 Ergamaan Mootii Waan Maraa ol-gubbaa irraa yennaa lammeesso'oo Abrahaam waamee, 16 «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati kana waan gooteef, ilma keeti tokkochuma sanille naaf waan hin mararfatiniif, ani maqaa kiyyaan kakadheera; 17 ani dhugumaan si hin eebbisa; sanyii teeti akka urjoota ol-gubba'aatii fi akka maansa abbaaya'aa hin baceessa. Isaan qachoota diinota ifii hin qabatan. 18 Ati waan naaf ajajanteef, sanyii teetiin gosi biyya adda addaa marti hin eebbifaman› jedheera» jedhe.
19 Achiin duuba Abrahaam gara tajaajiltoota dargaggeeyyii ifii ta dhiiraa deebi'ee, isaan woliin ka'ee gara qachaa Bersheeba'aa deebi'anee achi le'e.
Sanyii Naahorii
20 Wonni kun teeteen duuba, Abrahaam obboleessa isaa Naahoriif, Miilkaan ijoollee akka deette dhage'e; isaanille 21 angafichi Uz, obboleessi isaa Buus, Qamu'elii abbaa Aaramii, 22 Kesed, Hazoo, Fiildaashi, Yiidlaafii fi Butu'el. 23 Butu'el Ribqaa uumate; isaan kana saddeeti, Miilkaan Naahorii obboleessa Abrahaamiitiif deette. 24 Gursumeettiin ta «Ri'umaan» jedhantulle Xebaa, Gaaham, Tahashii fi Ma'akaa Naahoriif deette.