33
Yaaqoobii Fi Esaawu Wol Dhaggane
Yaaqoob ol ilaalee, Esaawuun namoota dhibba afur woliin dhufiisatti jiruun dhagge; tanaaf inni ijoollee Liya'atti, Raahelii fi dubartoota tajaajiltoota lamaanitti qoqoode. Inni dubartoota tajaajiltoota lamaan ijoollee isaanii woliin dura aansee, Liya'aa fi ijoollee isi'ii itti aansee, Raahelii fi Yoseef duuba aanse. Yaaqoob isaaniin dura deemee, haga obboleessa ifii bira gewutti yennaa torba lafatti gad isaaf gombifame. Esaawu ammoo isa qophatiisaaf itti rukkisee, hanqafatee isa sunqate. Isaan lamaanuu bowane. Esaawu ol ilaalee, dubartootaa fi ijoollee yennaa dhagge, «Kolbaan si woliin jirtu tun ta eennuu ti?» jedhee gaafate.
Yaaqoob, «Isaan, ijoollee Waaqi badhaadha ifiitiin ana tajaajilaa keetiif kenne» jedheen. Achiin duuba dubartooti tajaajiltoota ijoollee ifii woliin dhufanee gad gombifamaneef; achiin duuba Liya'aa fi ijoolleen isi'ii dhufanee gad gombifamaneef; dhuma irratti Raahelii fi Yoseefille dhufanee gad gombifamaneef.
Esaawu, «Horiin cinna cinnaan oofanuun dhagge kana maan yaaddee naaf ergite?» jedhee gaafate.
Yaaqoob deebisee, «Goottaa kiyya, si duratti fudhatama dhaggatiisaaf erge» jedhe.
Esaawu ammoo, «Obboleessa kiyya, ani bacaa qaba. Keeti si'iifuu te'uu ti» jedhe.
10 Yaaqoob, «Waawwo'o; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, kennansa kiyya ana irraa fudhadhu. Ati waan na fudhatteef, fuula keeti dhaggiisi, fuula Waaqaa akka dhaggeetitti laakkowa. 11 Waaqi arjumma'aan waan naaf barbaachisu mara waan kenneef, maganne'ee kennansa ani si'iif fide kana fudhadhu» jedhe. Yaaqoob waan isa uttiseef, Esaawu kennansa fudhate.
12 Achiin duuba Esaawu, «Ka'i ideennaa ti. Ani si dura hin deema» jedhe.
13 Yaaqoob ammoo deebisee, «Goottaa kiyya, ijoolleen, hoole'ee fi re'een, ilmooleen isaaniille, loonii fi jabbiin dadhaboolee akka te'ane hin beetta. Guyyuma tokkoofille ariiti'iin*Ariiti'iin: Yookiin gussa'aan yoo oofamane, isaan martinuu hin du'an. 14 Tanaaf, maganne'ee goottaa kiyya, ati ana tajaajilaa keeti dura deemi. Ani akka ideensa hori'iitii fi ijoolle'eetitti laanumaLaanuma: Yookiin suutum. haga Edoomitti si dhaqqabutti si hordofa» jedhe.
15 Esaawu deebisee, «Namoota na woliin jiranu keessaa garii si biratti lakkisa» jedhe.
Yaaqoob ammoo, «Ani fuula goottaa kiyyaa duratti fudhatama dhaggatiisa qofa malee, kun maaniif barbaachisa?» jedhe. 16 Tanaaf Esaawu gaafuma san gara EdoomiiEdoom: Yookiin Se'iir jedhama. deebi'e. 17 Yaaqoob ammoo gara addee, «Suukoot» jedhantuu ideemee, achitti ifiif mana, loon ifiitiif gosee ijaare; tanaaf maqaa addee sanii, «Suukoot§Suukoot: Afaan Ibrootaatiin gosee yookiin gaaddisa jechu'u.» jedhee moggaase.
18 Yaaqoob phaadaan-Aaramii yennaa deebi'e, nageyaan gara qachaa Sheekemii ka biyya Kana'aanii keessaa dhufe; inni achi qacha'aan fuula dura qubate. 19 Inni sanyii Hamoorii, abbaa Sheekemii irraa lafa dunkaanii irratti dhaabate san, meetii dhibbaan bitate. 20 Inni achitti addee ciinca'aa ijaaree, «Waaqi, Waaqa Israa'elii ti» jedhee maqaa baase.

*33:13 Ariiti'iin: Yookiin gussa'aan

33:14 Laanuma: Yookiin suutum.

33:16 Edoom: Yookiin Se'iir jedhama.

§33:17 Suukoot: Afaan Ibrootaatiin gosee yookiin gaaddisa jechu'u.