36
Sanyii Esaawu'uu
1 Hiddi sanyii Esaawuu ka «Edoom» jedhamuu asii gad jiran. 2 Esaawuun dubartoota Kana'aan keessaa, Aadaa intala Eloonii nama gosa Heetii, Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibe'onii nama gosa Hiiwoo fuudhe; 3 ammalle intala Ishimaa'elii, obboleettii Nabaayootii, Basmaati fuudhe. 4 Aadaan, Eliifaaziin isaaf deette; Basmaati Rewu'el deetteef; 5 Oholiibaamaan ammoo Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahi deetteef; ilmaan Esaawu'uu tun biyya Kana'aaniititti dhalatane.
6 Esaawuun dubartoota ifii, ilmaan ifii, durra ifii, namoota mana ifii mara, loon, horii dhibii mara, qabeenna biyya Kana'aaniititti horate maralle fudhatee, Yaaqoobii obboleessa ifii biraa ka'ee, gara lafa dhibi'ii deeme. 7 Qabeenni isaanii guddoo waan bacateef, latti isaan gewuu waan dhaddeef, isaan lamaanuu woliin le'iisa hin dandeenne. 8 Tanaaf Esaawuun ka «Edoom» jedhamu biyya koobittii Se'iir keessa le'e.
9 Hiddi dhaloota sanyii Esaawu'uu, ka «Edoomota» jedhamanu, worra biyya koobittii Se'iir keessa le'eef abbaa ka te'ee, asii gad jiran. 10 Esaawuun niitii ifii Aadaa irraa ilma Eliifaaz, niitii ifii Basmaati irraa ilma Rewu'el uumate. 11 Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataamii fi Qenaz. 12 Eliifaaziin ilmi Esaawu'uu, niitii gursumeettii «Tiimnaa» jedhantu qabaayyu; isiille Amaaleqi deetteef. Isaan kun akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawu'uu ti. 13 Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miiza'a. Isaan kun akkoowwan Basmaatii haadha manaa Esaawu'uu ti.
14 Oholiibaamaan, niitiin Esaawu'uu, intalti Aannaa ilma Zibe'onii, ilmaan, «Ye'ush, Yaalam, Qoraahi» jedhamanu Esaawu'uuf deette.
15 Bulchitooti sanyii Esaawu'uu, ta ilma isaa angaficha Eliifaaz irraa dhutte: Temaan, Omaar, Zafoo, Qenaz, 16 Qoraahi, Gaataamii fi Amaaleqi; isaan ilmaan Eliifaazii worra lafa Edoomiititti bulchitoota te'e, akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawu'uu ti.
17 Bulchitooti sanyii Rewu'elii ilma Esaawu'uu: Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miiza'a; isaan kun ilmaan Rewu'elii worra lafa Edoomiititti bulchitoota te'ane, akkoowwan Basmaatii haadha manaa Esaawu'uu ti.
18 Worri Oholiibaamaa haadha manaa Esaawu'uu irraa dhalatanee, bulchitoota te'ane: Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahi; isaan kun Oholiibaamaa haadha manaa Esaawu'uu intala Aannaa irraa dhalatanee bulchitoota te'ane. 19 Isaan kun sanyii Esaawu'uu ka «Edoom» jedhamuu, worra bulchitoota te'ane.
Sanyii Se'iirii
(1 Dab. 1:38-42)
20 Ilmaan Se'iirii nama biyya Hoorii, worri duruu biyya keessa jiranu: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, 21 Diishon, Ezerii fi Diishaan; isaan kun lafa Edoomiititti worra bulchitoota gosa Hoorii te'ane.
22 Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaan; Tiimnaan obboleettii Loxaanii ti.
23 Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam.
24 Ilmaan Zebe'onii: Ayya'aa fi Aannaan; Aannaaniin kun harree Zibe'onii abbaa ifii adoo tissuu, goomolee keessatti ka madda o'u dhagge.
25 Ilmi Aanna'aa Diishon; intalti isaa Oholiibaama'a. 26 Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan.
27 Ilmaan Ezerii: Bilhaa, Zaawaanii fi Aqaan.
28 Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan.
29 Bulchitooti worra gosa hoorii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, 30 Diishon, Ezer, Diishaan. Isaan kun lafa Edoomiititti worra bulchitoota gosa Hoorii te'ane.
Mootota Biyya Edoomii
(1 Dab. 1:43-54)
31 Israa'el irratti mootiin adoo hin mootomin dura, lafa Edoomii irratti moototi mootomane ka asii gad jiranu. 32 Bel'aan ilmi Be'orii biyya Edoomii irratti mootii te'e; maqaan qachaa isaa Diinhaba'a. 33 Bel'aan yennaa du'e, Yobaab ilmi Zera'aa nami biyya Bozra'aa mootii te'e. 34 Yobaab yennaa du'e, Hushaam nami biyya Teema'aa mootii te'e. 35 Hushaam yennaa du'e, Hadaad ilmi Badadii ka cinaa biyya Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate mootii te'e; maqaan qachaa isaalle Aawiit jedhama. 36 Hadaad yennaa du'e, Samlaan nami biyya Masreqa'aa mootii te'e. 37 Samlaan yennaa du'e, Shaawul nami qachaa Rehobotii ka laga qarqaraa mootii te'e. 38 Shaawul yennaa du'e, Ba'aal-Hanaan ilmi Akborii mootii te'e. 39 Ba'aal-Hanaan ilmi Akborii yennaa du'e, Hadaad mootii te'e; maqaan qachaa isaa Phaawu jedhama. Niitiin isaa ta «Mahexaabel» jedhantu, intala Maxiredii nama biyya Mezahabii ti.
40 Bulchitooti sanyii Esaawu'uu irraa dhufane tun, akka maatii maatii isaaniititti, akka addee addee isaaniititti tarreeffamaneeran. Maqaan isaanii: Tiimnaa, Alwaa, Yetet, 41 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon, 42 Qenaz, Temaan, Miibzaar, 43 Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sanyii Esaawu'uu, bulchitoota Edoomii ti. Latti maatiin tun tokko tokkoonuu leete, maqaa maatii saniitiin beekkama. Esaawuun kun abbaa Edoomotaa ti.