40
Yoseef Oojjuu Worra Hidhameeruu Hiike
Wonni kun teetee yennaa diqqo'oon duuba, itti gaafatamaan daadhii woyni'ii mootichaatii fi itti gaafatamaan mana sagalee mootichaa yakkaa mooticha gaddisiichu hujane. Mootichi qondaaltota ifii lamaan itti gaafatamaa daadhii woyni'iitii fi itti gaafatamaa mana sagale'eetitti aaree, adduma Yoseef itti hidhameeru, mana ajajaa eeddotaa keessatti akka hidhamanu godhe. Ajajaan mana hidha'aa Yoseefitti isaan kennee, innille isaan tajaajile. Isaan mana hidha'aa keessa yennaa diqqoo turane.
Halkan tokko qondaaltoti mootichaa lamaanuu, itti gaafatamaan daadhii woynii mootichaatii fi itti gaafatamaan mana sagalee mootichaa oojjuu oojjatane. Oojjuun tokko tokkoon isaaniituu oojjatane tun, hiikaa adda addaa qaddiiyyu. Boruyyaa ganama yennaa Yoseef gara isaanii dhufe, isaan fuula badaneeranuun dhagge. Inni, «Isin adha maaf fuula baddaneertan?» jedhee isaan gaafate.
Isaan deebisanee, «Halkan edaa nuuti lamaanuu oojjuu oojjannee, ammoo nami hiiku tokkolle dhabame» jedhane.
Yoseef isaaniin, «Oojjuu hiikiisaaf ka dandeessisu Waaqa; oojjuu teessan natti hima'a» jedhe.
Itti gaafatamaan daadhii woynii mootichaa oojjuu ifii Yoseefitti himee, «Ani oojju'uun muka woyni'ii tokko fuula kiyya duratti dhagge; 10 muki woyni'ii sun dameelee sad qabaayyu. Akkuma baala baaseen daraaree, unkuruurrille bilchaate. 11 Ani muduunuu mootichaa qabadheeraayyu; maarre ani unkuruura fuudhee, muduunuu keessatti cunfee, mootichatti kenne» jedhe.
12 Yoseef namichaan, «Hiikkaan Oojjuu teetii tana: dameeleen sadiin sun guyyoota sad. 13 Guyyaa sad keessatti mootichi Gibxi'ii hidhaa keessaa si hiika; yakkaa teeti sii lakkisee, addee hujii teeti duriititti si deebisa; akkuma dur itti gaafatamaa daadhii woyni'ii isaa yennaa teeteertu gootu, muduunuu harka mootichaatitti hin kennita. 14 Yennaa si'iif tolu sanitti ammoo na yaadadhu! Maganne'ee, marroo waan kiyyaa mooticha Gibxi'iititti himiitii, mana hidha'aa kana keessaa na baasiisaan waan dansaa naa godhi! 15 Ani biyya Ibrootaa keessaa hunnaan hatamee dhufe; biyya kanalle'etti waan mana hidha'aa keessa na galchu, waan tokkolle hujee hin jiru» jedhe.
16 Itti gaafatamaan mana sagale'eelle hiikkaan oojju'uu dansaa akka teete dhaggee, oojjuu ifiille Yoseefitti himatee, «Anille oojju'uun daabboon kollonjoon sadiin mataa irra na jirtuun dhagge. 17 Kollonjoo ol aantu keessa sagaleen adda addaa ta mootichaaf qophoottetti jiraayyu; sinbirrooti ammoo kollonjoo san keessaa sagalee san nyaatiisatti jirtiiyyu» jedhe.
18 Yoseef deebisee, «Hiikkaan oojjuu teetii tana: saaxaraan sadiin sun guyyoota sad. 19 Guyyaa sad keessatti mootichi Gibxi'ii hidhaa keessaa si hiikee, morma keeti si irraa mursiiseen duuba reeffa keeti mukatti hin fannisiisa; sinbirrootille foon keeti hin nyaatan» jedhe.
20 Guyyaa sadiin duuba, mootichi biyya Gibxi'ii jila dhaloota ifii irratti, qondaaltota ifiitiif nyaata qopheesse; inni fuula qondaaltota ifii duratti itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifiitii fi itti gaafatamaa mana sagalee ifii hiike. 21 Mootichi itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifii addee isaa ta duriititti deebise; innille akkuma durii muduunuu harka mootichaatitti kenne. 22 Itti gaafatamaa mana sagale'ee ammoo muka irratti fannisiise. Wonni marti akkuma Yoseef isaaniif hiike teete. 23 Itti gaafatamaan daadhii woyni'ii ammoo Yoseef hin qaabanne; inni marroo waan isaa mara dedhe.