43
Obboleeyyan Yoseefii Beniyaamin Woliin Gibxi'itti Deebi'ane
Lafa Kana'aanii keessa beelti ittuma jabaataa deente. Maatiin Yaaqoobii midhaan isaan biyya Gibxi'iitii fidane san nyaatanee yennaa fixane, abbaan isaanii, «Ammalle gara biyya Gibxi'ii dhaqa'aatii midhaan diqqaa isaa nu'uuf bita'a» jedheen.
Yihudaan ammoo abba'aan, «Namichi sun, ‹Isin yoo obboleessa keessan fiddanee woliin dhufuu dhabaattane, deebitanee fuula kiyya hin dhaggitanu› jedhee nu ifi eeggachiiseera. Ati yoo Beniyaamin nu woliin ergite, dhandhee midhaan si'iif hin binna. Yoo isa hin ergin ammoo, bulchaan biyya sanii, ‹Obboleessa keessan fiddanee yoo hin dhufin fuula kiyya dura hin dhikaatina'a› waan nuun jedheeruuf, nuutille achi hin dhandhu» jedheen.
Israa'elille*Israa'el: Ka dur Yaaqoob jedhamu kaanuma., «Isin obboleessa dhibii akka qaddanu namichatti hintanee, maaf rakkoo guddoo natti fiddane» jedhe.
Isaan deebisanee, «Namichi marroo teennaa fi marroo maatii teennaa jabeessee nu gaafatee, ‹Abbaan keessan jiraa? Obboleessa dhibii qaddanii?› jedhe. Nuutille gaaffii isaa deebinne. Akka inni, ‹Obboleessa keessan as fida'a› nuun jedhu attam beekuu dandeenna ree?» jedhaneen.
Achiin duuba Yihudaan, abbaa ifii Yaaqoobiin, «Nuuti, atii fi ijoolleen teenna beelaan akka hin duune, Beniyaamin na woliin ergi. Nuutille ammuma kaanee ideenna. Ani wobii isaa hin te'a; isaaf itti hin gaafatama. Ani yoo deebisee isa si'iif hin fidin, bara le'ii tiyyaa mara na komadhu. 10 Nuuti adoo turuu dhannee jiraannee, silaa haga ammaa yennaa lama achi geennee deebineerraayyu» jedhe.
11 Achiin duuba abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Yoo akkas teete, waan biyya teennatti dhaggamu keessaa waan irra caalaa tolu: fiqiree, damma, uddowaa, qumbii, midhaan muka ‹Almond› jedhamuu, midhaan meexxi'iille qalqalluu keessan keessa keya'aatii kennansa namichaaf kenna'a. 12 Beeseen gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keessanii keessatti dhaggantelle, hin dedhanteerti fa'aa, deebisa'aa geessa'aaf! Tanaaf beesee harka lama qabadha'aa dhaqa'a! 13 Obboleessa keessanille fudhadha'aatii, ammuma gara namicha sanii deema'a. 14 Waaqi waan mara dande'u, namichi sun akka isin mararee, obboleessa keessan ka dhibii kaanii fi Beniyaaminille akka isiniif gad lakkisu godhuu ti. Ani ijoollee tiyya ka dhabu yoo te'e, dhabuu ti» jedhe.
15 Maarre obboleeyyan sun kennansa sanii fi beesee harka lama san, Beniyaaminille fuudhanee, gara biyya Gibxi'ii ka'ane. Isaan dhaqanee Yoseef dura dhaabbatane. 16 Yoseef yennaa Beniyaamin isaan woliin jiruun dhagge, toowataa mana ifiitiin, «Namoota kana gara mana kiyyaa geessi. Isaan sagalee guyya'aa na woliin waan nyaatanuuf, horii tokko qaliitii qopheessi» jedhe. 17 Toowataan sun akkuma Yoseef itti hime godhee, namoota san gara mana Yoseefii geesse.
18 Namooti sun gara mana Yoseefii waan geeffamaneef sodaatanee, «Nuuti waan beesee gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keennaa keessa keyanteef, achi geeffamaarra. Inni nu lolee, harree teenna fudhatee, garboota ifii nu godhata» jedhanee yaadane. 19 Tanaaf isaan balbala manaa dura yennaa geyane, toowataa mana Yoseefiitiin, 20 «Gootta'a, nuuti tanaan dura yennaa tokko, midhaan bitatiisaaf gara Gibxi'ii dhunneerraayyu. 21 Addee bulletti ammoo, qalqalluu keenna hiinnee, tokko tokkoon keennaayyuu beesee midhaaniin bitanne akkuma jirtuun afaan qalqalluu keennaa keessatti dhaggine; amma beesee san deebinnee finneerra. 22 Midhaan daballee bitatiisaaf beesee daballee finneerra. Yennaa san nama beesee teenna qalqalluu keenna keessa keye nuuti hin beennu» jedhane.
23 Toowataan sun, «Hin yaaddoyina'a. Hin sodaatina'a. Waaqi keessan, Waaqi abbaa keessanii, beesee qalqalluu keessan keessa keyeera. Ani kaffaltii teessan fudhadheera» jedhe. Achiin duuba inni Shimi'oon gara isaanii gad baase.
24 Toowataan sun namoota san gara mana Yoseefii seensisee, bisaan miila dhiqatanu kenneef. Harreelee isaaniitiifille okeyaOkeya: Waan horiin nyaatu. kenne. 25 Isaan akka Yoseef woliin sagalee guyya'aa nyaatanu waan dhage'aneeranuuf, kennansa ifii isaaf kenniisaaf qopheessane. 26 Yennaa Yoseef manatti gale, isaan kennansa qopheessane isaaf kennanee, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef. 27 Yoseef nageya isaanii gaafatee, «Jaarsi abbaan keessan sun attam? Haga ammaa hinuma jiraa?» jedhe.
28 Isaan deebisanee, «Garbichi keeti, abbaan keenna, fayya'a; haga ammaalle hinuma jira» jedhaneen. Isaan ulfinna Yoseefiitiif, fuula isaa duratti lafatti gad jedhane.
29 Yoseef obboleessa tiruu ifii Beniyaamin yennaa dhagge, «Obboleessi keessan maandhichi ka isin marroo isaa natti hintane kanaa?» jedhee gaafate. Inni, Beniyaaminiin, «Ilma kiyya, Waaqi si eebbisu» jedhe. 30 Yoseef yennaa obboleessa ifii dhagge, waan itti dhage'ameef, ariifatee gad bayee, kolloo ifii keessa dhaqee achitti bowe. 31 Achiin duuba inni fuula ifii dhiqatee, gad baye. Ifi qabateeIfi qabatee: Ifi toowatee jechu'u., sagalee akka fidanu ajaje. 32 Gibxooti worra Ibrootaa woliin nyaatiis tuffatama waan itti fakkaattuuf, Yoseefiif qorii takka'atti, obboleeyyan isaatiif qorii dhibi'itti, Gibxoota Yoseef biratti akka nyaatanuuf qorii dhibi'itti dhikeessane. 33 Obboleeyyan Yoseefii akkuma angafumma'aa fi maandhummaa isaaniititti, fuula isaa dura tetee'ane. Isaan baaseffatiisaan wol ilaalane. 34 Qorii Yoseefii irraa sagalee fuudhanee isaaniif kennanee, Beniyaaminiif ammoo worra kaan caalaa harka shan kennane. Akka kanaan obboleeyyan Yoseefii isa woliin nyaatanee unanee guddoo gammadane.

*43:6 Israa'el: Ka dur Yaaqoob jedhamu kaanuma.

43:24 Okeya: Waan horiin nyaatu.

43:31 Ifi qabatee: Ifi toowatee jechu'u.