47
1 Yoseef gara mooticha Gibxi'ii dhaqee, «Abbaan kiyyaa fi obboleeyyan tiyya, hoolotaa fi re'oota ifii, horii ifiitii fi waan qabanu mara woliin lafa Kana'aaniitii dhufaneeran. Isaan amma lafa Gooshenii keessa jiran» jedhe. 2 Inni obboleeyyan ifii keessaa nama shan filee mooticha dura dhikeesse.
3 Mootichi, «Hujiin teessan maan?» jedhee obboleeyyan Yoseefii gaafate.
Isaan deebisanee, «Nuuti, tajaajiltooti teeti, akkuma abbootii teenna ta durii, horsiittuu hoole'ee ti. 4 Lafa Kana'aanii keessa beelti waan jabaatteef, horiin keennalle marra dheedu waan dhabeef, nuuti yenna'aaf as le'iisaaf dhunneerra. Tanaaf maganne'ee, lafa Gooshenii keessa akka leenu nuu eeyyami» jedhane.
5 Achiin duuba Mootichi Gibxi'ii Yoseefiin, «Abbaan keetii fi obboleeyyan teeti eega sii dhufanee, 6 Latti Gibi'ii kunoo harka keeti jirti; biyya Gibxi'ii keessaa lafa irra caalaa dansa'aa Gooshenitti isaan qussiisi. Isaan keessaa dandeettii addaa ka qabanu yoo jiraatane, horii kiyya irratti itti gaafatantoota godhi» jedhe.
7 Achiin duuba Yoseef abbaa ifii Yaaqoob ol seensisee mooticha dura dhikeesse; Yaaqoobille mooticha eebbise. 8 Achiin duuba mootichi, «Woggaan teeti meeqa?» jedhee Yaaqoob gaafate.
9 Yaaqoobille, «Ani asii fi achi daaqaa woggaa dhibbaa fi soddoma tureera. Woggooti sunille abbootiin tiyya ta durii asii fi achi daaqaa ta turte caalaa diqqo'oo fi rakkinnaan ta guutante» jedheen. 10 Achiin duuba Yaaqoob mooticha eebbisee biraa deeme. 11 Maarre Yoseef akkuma mootichi ajaje abbaa ifiitii fi obboleeyyan ifii lafa Gibxi'ii keessaa addee irra dansa'aa, qachaa Raamsesii bira lafa kenneef. 12 Yoseef abbaa ifii, obboleeyyan ifiitii fi worra mana abbaa ifii maraaf, akkuma laakkossa nama harka isaanii eegatuutitti sagalee isaaniif kenne.
Beela Biyya Gibxi'ii Keessaa
13 Lafa duudii keessa beelti waan jabaatteef, wonni nyaatanu dhabame; kolbaan Gibxi'iitii fi Kana'aanii beelaan guddoo miidhante. 14 Yoseef beesee namooti biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii ittiin midhaan bitatane mara wolitti qabee, gara mana mootummaa mooticha Gibxi'ii fide. 15 Beeseen worra Gibxi'iitii fi Kana'aanii yennaa dhumatte, worri Gibxi'ii martinuu gara Yoseefii dhufee, «Nuuti maaf ila teeti duratti duuna? Beeseen teenna dhumatteerti. Sagalee nuu kenni» jedhane.
16 Yoseef deebisee, «Beeseen isin duraa yoo dhumatte, horii keessan fida'a! Ani jijjiirraa isaanii midhaan isiniif hin kenna» jedhe. 17 Maarre kolbaan horii ifii gara Yoseefii fiddee, inni jijjiirraa fardoo, hoolee, re'ee, loonii fi harree isaaniitiif sagalee isaaniif kenne. Woggaa san inni jijjiirraa horii isaanii maraaf sagalee isaaniif kenne.
18 Woggaan sun yennaa dabarte, woggaa itti aantu isaan gara isaa dhufanee, «Beeseen teenna akka dhumatte, horiin keennalle keeti akka te'e, si goottaa keenna hin dhossinu; nafaa fi lafa teenna malee, wonni nuuf hafe tokkolle hin jiru. 19 Nuutii fi latti teennalle ila teeti duratti bannaa ree? Nu'uu fi lafa teennalle bitadhuutii sagalee nuu kenni; nuuti lafa teenna woliin mootichaaf garboota hin teena. Nyaannee jiru'uun akka leenuuf midhaan nuu kenni; latti teennalle duwwaa akka hin teene sanyii facaafannu nuu kenni» jedhane.
20 Maarre Yoseef lafa biyya Gibxi'ii mara mootichaaf bite. Beelti waan jabaatteef, nami Gibxi'ii martinuu lafa ifii Yoseefitti gurgure; Lattille qabeenna mootichaa teete. 21 Yoseef biyya Gibxi'ii qacce'ee haga qacce'eetitti kolbaa garboota mooticha Gibxi'ii godhe. 22 Yoseef lafa hayyootaa callaa hin binne; hayyooti durgoo yennaa mara mooticha irraa waan fudhatanuuf, isaan lafa ifii hin gurgurre. 23 Yoseef kolba'aan, «Ani amma isinii fi lafa teessan mootichaaf waan biteef, kunoo ani sanyii isiniif hin kenna, fichaa keessanitti facaafadha'a. 24 Ammoo yennaa midhaan galutti, harka shan keessaa tokko mootichaaf hin kennitan. Harka afur ka hafe sanyi'iif, sagalee teessaniif, sagalee worra keessaniitii fi ijoollee teessanii te'uu ti» jedhe.
25 Isaan deebisanee, «Ati lubbuu teenna hamburteerta; gootta'a, si'uma duratti fudhatama dhagganuu ti; nuuti garboota mootichaa hin teena» jedhane. 26 Maarre Yoseef biyya Gibxi'ii keessatti harka shan keessaa tokko mootichaaf akka kennamu seera haga adhaa jiru tume. Latti qabeenna mootichaa hin te'in lafa hayyootaa qofa.
Dhaamata Yaaqoobii Ka Muumme'ee
27 Israa'elooti biyya Gibxi'ii lafa Gooshenii keessa le'ane. Isaan achitti qabeenna dhaggatanee, ijoollee horanee laakkossaan bacatane. 28 Yaaqoob biyya Gibxi'ii keessa woggaa kudhanii torba le'e; woggaan isaalle dhibba tokkoo fi afurtamii torba teete. 29 Yennaan Yaaqoob du'u dhikaannaan, inni ilma ifii Yoseef gara ifii waamee, «Ani si duratti fudhatama yoo qabaadhe, harka keetiin gudeeda kiyya qabadhuu akka biyya Gibxi'ii keessatti na hin awwaalle naaf kakadhu. 30 Yennaa ani du'e, biyya Gibxi'ii keessaa fuudhii na baasiitii, addee abbootiin tiyya itti awwaalamanetti na awwaali» jedheen.
Yoseef deebisee, «Ani akkuma ati jette hin godha» jedhe.
31 Yaaqoob, «Anaaf kakadhu» jedheen; Yoseefille akka tana godhu kakate. Achiin duuba Yaaqoob mataa taqee ifii irratti Waaqaaf sagade.