3
Yesuus Muusee Caala
Tanaaf dhugeeffattooti woyyoontanee, worra waamicha ol-gubba'aa qoodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha'a. Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te'ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama'a. Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse'een caalaa ulfinna dhaggatuu qaba. Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa. Muuseen waan gara duraa jedhamu'uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te'e. Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama'a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.
Foora Kolbaa Waaqaa
Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu,
«Adha, qoonqoo Waaqaa
yoo dhageettane, akkuma guyyaa ilaallacha'aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee san
mataa hin jabaatina'a!
Waaqi, ‹Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle'e;
woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggite.
10 Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree,
gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora,
isaan karaa kiyyalle hin beenne.
11 Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera› jedhe».
12 Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a! 13 Ammoo eennulle isin keessaa cubbu'uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan «Adha» jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya'aan wol jajjabeessa'a! 14 Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muumme'eetitti jabeessinee yoo qabanne, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena. 15 Tun akkuma Barreeffami Woyyichi,
«Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane,
akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina'a!» jedhu.
16 Worri qoonqoo Waaqaa dhage'ee finqile eennu fa'a? Worruma Muuse'een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii? 17 Waaqi woggaa afurtama eennufa'atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole'ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii? 18 Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa'a? 19 Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te'e dhaggina.