8
Yesuus Hayyicha Guddaa Gondooroo Haareyaa ti 
  1 Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna» ka jedhu.   2 Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante.   3 Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa.   4 Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu.   5 Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen.   6 Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala'a.   
 7 Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu.   8 Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee,  
«‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa woliin,  
gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan.   
 9 ‹Gondooroon tun,  
ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase,  
abbootii isaanii woliin gondooreetii moti;  
waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif,  
anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.   
 10 ‹Yennaa saniin duuba,  
kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru,  
Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya;  
gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa.  
Ani isaaniif Waaqa hin te'a;  
isaanille kolbaa tiyya hin te'an;  
ta jettu› jedha Goottaan.   
 11 ‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin,  
Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu;  
diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan.   
 12 Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama,  
cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.   
 13 Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.