11
Dhugeeffannaa
Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te'a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa. Worri durii dhugeeffanna'aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate. Ol-gubba'aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna'aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine irraa akka hujame hin beenna.
Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira.
Heenoki akka duuti isa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiiseeru dhugaan bayameeraaf. Dhugeeffanna'aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande'amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te'e dhugeeffatuu qaba.
Nohi marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sababa dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale.
Abrahaam biyya ifiitii bayee, addee akka dhaalaa fudhatu akka dhaquuf yennaa waamame gara itti dhaqaaru beekuu dhabulle, dhaqiisaaf dhugeeffanna'aan ajajame. Inni Yisihaqii fi Yaaqoobii isa woliin waadaa galame dhaalanu woliin, biyya waadaan galame keessa, akka ormaa dunkaanii keessa dhugeeffanna'aan le'e. 10 Inni qachaa guddaa hundee jabaa qabu, ka Waaqi akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare waan eeggataa tureef tana godhe.
11 Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne*Ta deya hin qanne: Maseena teetulle, Waaqi waadaa gale addatamaa akka te'e waan beekeeruuf, dhugeeffanna'aan hunna uumatiisaa dhaggateWoraabbiin gariin, «Saaraan ka isi'iif waadaa gale addatamaa akka te'e waan beetteef dulloontee deya dhaddulle dhugeeffanna'aan hunna gadhaachottu dhaggatte» jedhe. 12 Tanaaf Abrahaamii tokkocha akka nama du'eetitti laakkowamu irraa, finni akka urjii ol-gubba'aa fakkanuu fi akka maansa abbaayaa qarqaraa laakkossa hin qanne dhaggame.
13 Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu. 14 Worri akkas dubbatanu biyya ifii eegatiisatti akka jiranu mudhisan. 15 Biyya keessaa bayane san adoo yaadaa jiraatane itti deebi'iisaaf sila hin dande'aniiyyu. 16 Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra'an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaaniif qopheesseeruuf, «Waaqa isaanii» jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne.
17 Abrahaam yennaa Waaqi isa haga ilaale, dhugeeffanna'aan Yishaaqi woreega godhee dhikeesse. Abrahaamiin waadaa fudhate sun ilma ifii tokkochuma san woreega godhee kenniisaaf qophoweeraayyu. 18 Ilmi isaalle ka Waaqi, «Sanyiin teeti Yisihaqiin waammanti» jedheen san. 19 Waaqi du'aa kaasiisaaf dandeettii akka qabu Abrahaam waan hubateeruuf, akka waan du'aa ka'eetitti deebi'ee Yisihaq dhagge. 20 Yisihaq waan gara duraa te'u yaadatee dhugeeffanna'aan Yaaqoobii fi Esaawu eebbise.
21 Yaaqoob yennaa du'a geye, qaccee borjoo ifiititti irkifatee Waaqaaf sagadaa, dhugeeffanna'aan ilmaan Yoseefii tokkuma tokkoon eebbise.
22 Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne.
23 Yennaa Muuseen dhalate, haatii fi abbaan isaa akka inni shaggicha te'e dhagganee, ajaja mootichaa adoo hin sodaatin ji'a sad dhugeeffanna'aan dhossane.
24 Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna'aan ilma intala Fara'oonii jedhamee waamamuu dide. 25 Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate. 26 Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo MasiihiitiifMasiihiitiif: Kiristoosiitiif salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate.
27 Inni dhugeeffanna'aan, mufii mootichaa adoo hin sodaatin biyya Gibxiitii baye; Waaqa ilaan hin dhagginelle akka waan dhaggeetitti te'ee yaada qabutti jabaate. 28 Ergamaan Waaqaa ka akka ilmaan angafoota ijjeesuuf ajajame, angafoota kolbaa Israa'elii akka hin ijjeenneef jedhee, dhugeeffanna'aan Jila Irra Dabaramaatii fi aadaa fixiisa dhiigaa godhe.
29 Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame.
30 Worri Israa'elii dhugeeffanna'aan Yerikoo marsee, guyyaa torba irra naannoween duuba dalleenni dhaka'aa jige. 31 Sagaagaltittiin Rahaab jedhantu dootuu§Dootuu: Miillammee waan nageyaan fudhatteef, worra hin ajajane woliin du'iisa irraa dhugeeffanna'aan hatte.
32 Yoona tana caalaa maan jedhu ree? Marroo Giidewonii, Baaraaqii, Samsoonii, Yifta'aa, Daawitii, Saamu'eliitii fi raagotaa isinitti odeessiisaaf yennaan naa hin geettu. 33 Isaan dhugeeffanna'aan mootota injifatane; sirri'itti bulchane; waan waadaa galamelle fudhatane; afaan neenqaa cufane; 34 bobe'a ibiddaa dhaanfane; qara shallaaga'aa jalaa bayane; dadhabbii ifii irraa jajjabaatane; lolaan janna te'ane; loltoota ormaa ari'ane. 35 Dubartooti firoottan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane. 36 Worri kuun taphatamanee liche'een dhaanamanee, wodaroo sibiilaatiille'een hidhamanee, mana hidha'aatitti hidhamane. 37 Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin addee lamatti baqaffamane; shallaaga'aan ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee*Miidhamanee: Ari'amanee, akka malee tolfamane. 38 Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane.
39 Dhugeeffannaa isaan maraatiifuu dhugaan bayantulle, waadaa isaaniif galame ammalle hin fudhanne. 40 Waaqi waan caalu waan nu'uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te'iisaaf hin dande'anu.

*11:11 Ta deya hin qanne: Maseena

11:11 Woraabbiin gariin, «Saaraan ka isi'iif waadaa gale addatamaa akka te'e waan beetteef dulloontee deya dhaddulle dhugeeffanna'aan hunna gadhaachottu dhaggatte» jedhe

11:26 Masiihiitiif: Kiristoosiitiif

§11:31 Dootuu: Miillammee

*11:37 Miidhamanee: Ari'amanee