8
Israa'el Hobonbolattii Haammatti
Mootiin Waan Maraa, «Tultullaa afaanitti keyadhu! Kolbaan tiyya gondooroo tiyya cassitee, seera kiyyalle waan mormiteef, diinni akka risa'aa kolbaa tiyya gubbaa mara. Israa'el, ‹Ee, Waaqa keenna, nuuti si beenna!› jettee gara kiyya iyyiti. Ammoo waan dansaa jibbiteerti; diinni isii hin ari'a.
«Isaan eeyyama kiyya malee mootota moosifataneeran; adoo na hin gaafatin qondaaltota filataneeran. Lafa irraa badiisaaf, meeti'ii fi worqii ifiitiin waaqota dharaa ifumaaf hujataneeran. Ee worra Samaariya'aa, waaqa dharaa keessan ka jabbii fakkaatu gata'a. Aariin tiyya worra waan kana godhu irratti hin bobeetti; isaan haga yoomii qulqullummaa dhaban ree? Israa'el keessatti, waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana nama hujii harkaa beeku tokkotti huje malee, wonni Waaqaa moti; waaqi Samaariya'aa ka jabbii fakkaatu sun caccabee hin bututa. Isaan qilleensa facaafatanee, hobonbolattii haammatan. Midhaan fichaa isaanii mataa hin qabu; midhaanille hin buusu; yoo midhaan buuselle ormatti nyaata. Kolbaan Israa'elii liqinfanteerti; gosa biyya adda addaa oddu'utti meya bu'aan hin qanne teeteerti. Isaan akka harree diidaa qofi joonjanee, gara worra Asoorii dhaqane; kolbaan Efreemii gatii kaffaltee jaalota godhatte. 10 Isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti gatii kaffalanee jaalota godhatanulle, ani amma wolitti isaan qabee isaan hin adaba; cunqursaa mootota hunnaameyyi'ii jalatti dadhabaa, dadhabaa hin ideeman.
11 «Kolbaan Israa'elii ciincaa sababa cubbu'uutiif addee ciinca'aa bacaa hujjulle, addeen ciinca'aa sun addee cubbuu itti hujanu teete. 12 Ani waan seera kiyya keessaa hedduu isaaniif barreesse; isaan ammoo waan san akka alaga'aatitti laakkowane. 13 Isaan kennansa ciinca'aa naaf dhikeessan; foon ciinca'aa hin nyaatan. Ani Mootiin Waan Maraa ammoo isaanitti hin gammanne. Ani amma hammeenna isaanii hin qaabadha; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba; isaanille gara biyya Gibxi'ii hin deebi'an.
14 «Israa'el ka isii dade deetee, mana mootumma'aa ijaarratte; kolbaan Yihuda'aalle qachoota dalleya dhaka'aa qabu hedduu ijaarratte. Ani ammoo ibidda qachoota isaaniititti hin erga; ibiddi sunille kushee isaanii hin fixa» jedha.