10
Kolbaan Israa'elii akka muka woyni'ii ka banqaaqee, midhaan bacaa buusuu ti; isaan akkuma bacatane, addee ciinca'aa bacaa ijaarratane; akkuma latti isaanii tolte, soodduu woyyittii waaqa dharaalle seesanee hujane. Gadhaan isaanii sobaan guutameera; amma isaan yakkaa ifiitiif adabbii fudhatuu qaban. Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa ta isaanii hin caccassa; soodduu woyyittii waaqa dharaa ta isaaniille hin balleessa.
Achiin duuba isaan, «Nuuti Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenniisa waan dhanneef, mootii hin qannu; ammoo mootii adoo qabaannelle'ee maan nuu godhuu dande'a?» hin jedhan. Isaan waadaa hedduu galaa, kakuu dharaa kakataa, wolii galtee godhatan. Tanaaf, akkuma shuqunaan hadhaa ifi keessaa qaddu fichaa keessatti bacattee lattu, muraa isaan kennanu irratti moromaan hin bacatti.
Worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji'ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan. Waaqi dharaa ka jabbii fakkaatu sun gara biyya Asoorii geeffamee, mootii guddichaaf kennansa te'ee hin dhikaata. Kolbaan Efreemii hin salphatti; sababa waaqa dharaatiif hin fokkifatti. Samaariya'aa fi mootiin isi'ii akka hoomacha bisaan irraa hin badan. Addeen waaqonfanna'aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa'el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca'aa ta isaanii san irratti qore'ee fi qumi'uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla'a», koobotalle'een, «Nu irratti jiga'a» hin jedhan.
Mootiin Waan Maraa Muraa Israa'el Irratti Lallabe
Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, bara qachaa Giibe'aatii jalqaddanee cubbuu hujjane; achumatti itti jabaattane. Worra waan hantuu huju ka Giibe'aa keessaa lolli hin findhee ree? 10 Ani yennaa fedhe isaan hin adaba; marroo cubbuu dacha'aan hujanuuf, isaan adabiisaaf, gosi biyya adda addaa wolitti qabamanee isaan irratti hin ka'an.
11 «Kolbaan Efreemii akka goronsa leenjifamee, midhaan dhowiisa jaalatuu ti; maarre ani morma kolbaa Efreemii dansaa san irra waanjoo keyee hin oofa. Yihudaan lafa qotuu qaba; Yaaqoobille lafa laaffisuu qaba. 12 Ani, ‹Yennaan tun yennaa isin ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu waan teeteef, haga ani dhufee balchummaa isin irratti dhangalaasutti, ifumaaf balchummaa facaafadha'a; midhaan jaalala bara baraa haammadha'a; lafa hin qotamin qota'a› jedhe. 13 Isin ammoo hammeenna facaafattanee, waan hantuu haammattane; midhaan dhara teessanii nyaattane. Hunna teessanii fi bacinna jannoota teessanii waan addattaneef, 14 akkuma mootichi Shalmaan guyyaa lolaa qachaa Bet-Arbelii balleesse, haadha ijoollee isi'ii woliin lafa irratti macalaasee, lolli kolbaa teeti irratti hin ka'a; kusheen teessan martille hin baddi. 15 Ee kolbaa qachaa Bet'elii, hammeenni keessan guddaa waan te'eef, isin irralle'etti akkasuma hin teeti. Guyyaan sun yennaa geye mootiin Israa'elii ijjumaa hin bada.