14
Eebba Dhaggatiisaaf Cubbuu Irraa Deebi'iisa
1 Ee kolbaa Israa'elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi'a'a. 2 Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha'aatii gara Mootii Waan Maraa deebi'a'a'a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti'iin nu fudhadhu. 3 Asoor nu baasuu hin dande'u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si'iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha'aan.
Mootiin Waan Maraa Jiruu Haareya Israa'eliif Kenniisaaf Waadaa Gale
4 Mootiin Waan Maraa,
«Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraa
isaan hin fayyisa;
aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef,
ani akkasumaan isaan hin jaaladha.
5 Ani Israa'eliif
akka tiifu'uu hin te'a.
Isaan akka daraara'aa hin baqan;
akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan.
6 Isaan quunxoo haareya hin baasan.
Akka muka ejersaa hin miidhagan;
fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti.
7 Isaan deebi'anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan.
Akka midhaanii hin latan;
akka muka woyni'ii hin daraaran;
akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan.
8 Ee kolbaan Efreemii,
waaqota dharaa biraa
ani maan qaba ree?
Ka deebii isiniif kennu,
ka isin kunuunsu ana.
Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti;
eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha.
9 Nami qaroon waan kana hin hubata;
nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata;
karaan Mootii Waan Maraa qajeela'a;
balchooleen irra ideeman;
finqiltooti ammoo keessatti gufatan.