9
Mooticha Nageyaa Ka Dhufu'uu Jiru
Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le'u.
Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya'aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te'iniitiif ulfinna hin kenna.
Kolbaan dukkana keessa leete,
ifa guddaa dhaggite;
worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'eefille
ifi baye.
Waaqa, ati gosa baceessiteerta;
gammada isaaniille itti edeeteerta;
namooti yennaa midhaan galfatanu,
boojuulle yennaa qoodamanu akkuma gammadanu,
isaan si duratti hin gammadan.
Akkuma bara worri Miidiyaanii injifatame goote,
waanjoo isaanitti ulfaate,
ciiraa gurmuu isaanii irraa,
ulee worra isaan cunqursuulle caccassiteerta.
Kopheen loltooti yennaa lolaa keyatanu marti,
woyaan dhiiga keessa gangalfante martinuu
akka qoraanii ibiddaan hin gabbatti.
Annuun nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;
maqaan isaa, «Gorsaa maade'ee,
Waaqa hunnaamessa,
abbaa bara baraa,
qondaala nageyaa» hin jedhama.
Baalliin isaatii fi
nageenni isaa dhuma hin qabanu;
inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'ee,
mootummaa isaa hin bulcha;
haqaa fi balchumma'aan dhaabee,
ammaan jalqabee haga bara baraatitti
isii hin jabeessa;
hinaaffaan Mootii Waan Maraa
Ka Waan Mara Dadee, tana hin gooti.
Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Adaba
Mootiin Waan Maraa jecha mura'aa Yaaqoobitti erge; kunille sanyii isaa kolbaa Israa'elii irratti muummowe.
Worri Efreemiitii fi
worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u,
kolbaan marti tana hin beekan;
isaan kooriisaa fi bondhooriisaan,
10 «Dalleenni faara loobameen ijaarame jige;
nuuti ammoo
dhakaa bocameen deebinnee hin ijaarra.
Muki harru'uu murameera;
nuuti ammoo addee muka harru'uu
muka hindheensaa hin buunna» jedhan.
11 Mootiin Waan Maraa ammoo
nyaapha Resiinii isaan irratti kaase;
diinota isaaniille isaan irratti kakkaase.
12 Worri Sooriya'aa karaa aduun baatuun, worri Filisxeemotaa karaa aduun seentuun dhufanee, afaan bananee Israa'el kukkutataneeran; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
13 Kolbaan ammoo gara Mootii Waan Maraa ka isaan adabee hin deebine; yookiin Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hin barbaadanne. 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa worra akka mata'aatii fi eege'ee, worra akka damee muka meexxi'iitii fi allaadu'uu guyyaa tokkotti Israa'el keessaa hin balleessa; 15 mataan sun jaarsole'ee fi worra ulfinna qabu; eegeen raagota soba nama barsiisanu. 16 Worri kolbaa tana sooressu isaan dokonkorseera; worri isaaniin sooreffamulle karaa irraa joonjayeera. 17 Isaan marti worra Waaqa malee le'uu fi waan hantuu huju; marti isaaniituu waan hantuu dubbatan; tanaaf Mootiin Waan Maraa dargaggoota isaaniititti hin gammadu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef, haadhotii hiyyeessotaatiifille hin mararu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira. 18 Hammeenni kolba'aa akka ibidda qumi'uudu'uu fi qoree gubuu ti; gongomaa ciggaa qabatee, aarri isaa akka utuba'aa dhaabbata. 19 Aarii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin latti hin gubatti; kolbaalle akka qoraan ibiddaa hin teeti; obboleessa ifii ka baasuu dande'u tokkolle hin jiru. 20 Harka middichaan hin kukkutatan; ammoo beeluma qaban; harka bitaachaan hin nyaatan; ammoo hin quufanu; tokko tokkoon isaanii foon ijoollee ifii hin nyaatan. 21 Kolbaan Minaase'ee kolbaa Efreemii nyaatti; kolbaan Efreemiille kolbaa Minaase'ee nyaatti; isaan lamaanuu gosa Yihuda'aa irratti hin ka'an; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.