15
Ergaa Marroo Mo'aabii
1 Ergaan marroo Mo'aabii ta asii gad jirtu;
Qachaan Aarii ka Mo'aab keessaa halkan tokkotti diigamee bade; qachaan Qiirii ka Mo'aab keessaalle halkan tokkotti diigamee bade. 2 Kolbaan qachaa Diibonii bowiisaaf gara galma ifii gara addee waaqonfanna'aa ol baati. Kolbaan Mo'aabii duudiin marroo qachaa Nebo'ootii fi Medeba'aa guddoo gadditee, mataa ifii haadattee areeda ifii murattee bootti. 3 Isaan woyaa gaddaa uffatanee karaa irra deeman; heellichoo mana ifii irratti, badhinnalle'etti bowaa imimmaan dhangalaasan. 4 Kolbaan qachaa Heshibooniitii fi Ele'aale hin iyyiti; qoonqoon iyya isaaniille haga qachaa Yaahasiititti hin dhage'anti; tanaaf loltooti Mo'aabii hin iyyiti; gadhaan isi'iille soda'aan hin raafama. 5 Gadhaan kiyya qachaa Mo'aabiitiif hin bowa; kolbaan achi keessaa gara qachaa Zo'aariitii fi gara Eglaat-Shelshiiya'aatitti hin baqatti; isaan bowaa gara Luhii ol hin bayan; karaa Horonaayimii irralle'etti marroo badii isaaniitiif gaddaa hin iyyan. 6 Bisaan Niimriimii hin goga; marrille hin qoora; biqiltuun baddee wonni bisileen tokkolle hin jiraatu. 7 Tanaaf isaan karra horatanee fi waan wolitti qabatane ba'atanee laga olaati'iitiin gamatti hin buufatan. 8 Iyyi isaanii haga meessaa Mo'aabiititti hin dhage'anti; wiiccifatiisi isaanii haga qachaa Eglaayimii, gaddi isaaniille haga qachaa Be'er-Eliimii hin dhaqqaba. 9 Bisaan qachaa Diibonii dhiigaan hin guuta; ani Mootiin Waan Maraa rakkoo ta caaltu qachaa Diiboniititti hin fida; worra qachaa Mo'aabii keessaa baqatee bayuu fi worra achitti miliqee hafe neenqa itti hin erga.