17
Ergaa Marroo Damaasqo'oo
1 Ergaan marroo Damaasqo'oo ta asii gad jirtu;
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, qachaan Damaasqo'oo haganaa achi qachummaan isaa hafee, tuulaa waan bututee hin te'a. 2 Qachooti Aro'erii hin onan; addee tika hori'ii hin te'an; nami horii san sodaachisu hin jiru. 3 Qachaan dalleya dhaka'aa Efreem keessaa, mootummaalle Damaasqoo keessaa hin baddi; worri Sooriyaa keessatti jiru'uun hafe, akkuma Israa'elootaa hin salphatan. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheeraa.
4 «Guyyaa san, ulfinni Israa'elii gad hin deebi'a; gabbinni nafa isi'iille irraa hin dhumata; 5 akka fichaa midhaan irraa haamamee, akka dhooqa Refaa'iimii ta woxoo keessaa qocataneelle hin te'a. 6 Akka muka ejersaa ka yennaa hargufanu, qaccee isaa irratti midhaan lama yookiin sad, dameelee isaa irralle'etti midhaan afur yookiin shan hafuu hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedha.
7 Guyyaa san kolbaan gara ka isaan Dadee hin ilaalti; ila ifiille gara Woyyicha Israa'elii hin deebifatti. 8 Isaan gara addee ciinca'aa ta harka ifiitiin hujatanee, gara utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi gara addee hixaanaa ta harka ifiitiin hujataneelle hin ilaalanu.
9 Akkuma qachooti Hiiwotaatii fi Amoorotaa, yennaa Israa'elooti qabatane te'ane, guyyaa san qachooti keessan ka dalleya dhaka'aa qabanulle ona hin te'an; hin diigamanille'e.
10 Isin Israa'el, Waaqa fayyisaa keessan deetaneertan; rassaa itti baqattanulle hin qaabanne; tanaaf biqiltuu dansa'aa fi biqiltuu biyya ormaa dhaabbatanulle, 11 guyyuma dhaabbatane san akka guddatanu gootanee, boruyyaa ganama isiniif daraarulle, guyyaa dhukkubi hin fayyine itti bu'u, waan haammattanu hin qabaattanu.
12 Hoola! Qoonqoon kolbaa heddu'uu akka abbaayaa bulphittuutii ti; qoonqoon gosa biyya adda addaalle akka shookkettii bisaan gudda'aa ti! 13 Kolbaan hedduun akka bisaan yaa'uu shookkittulle, yennaa Waaqi isaan xixu, akka hicaacee kooba irraa qilleensi bittinneessuu, akka bukuu hobonbolatti'iin bittinnoottuu fagoo hin bittinnowan. 14 Halkan hin bararaqan; adoo latti hin bari'in hin dhabaman. Worri nu saamu akkasuma hin te'a.