20
Ergaa Marroo Biyya Gibxi'iitii Fi Biyya Itoophiya'aa
1 Bara ajajaan loltootaa Sargon mootii Asooriitiin ergamee, biyya Ashidoodii lolee qabate, 2 yennaa san Mootiin Waan Maraa ilma Amosii Isaayaasitti dubbatee, «Dhaqiitii woyaa gaddaa teeti ifi irraa, kophee teetille miila keeti irraa baafadhu» jedhe; innille akkuma ajajame godhee, woyaa ifi irraa baafatee miila duwwaa ideeme. 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Beessisaa fi ifi eeggachiisiisa biyya Gibxi'iitii fi Itoophiya'aa*Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali., tajaajilaan kiyya Isaayaas qullaa ifiitii fi kophee miila ifii baafatee woggaa sad akkuma ideeme, 4 akkasuma mootiin biyya Asoorii worra Gibxi'ii qabatee, worra Itoophiya'aa†Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. booji'ee, dargaggootaa fi jaarsolee qullaa isaanii, kophee miila isaanii irraa baasee, hudduu qullaa isaan oofee hin ideema; maarre worri Gibxi'ii hin qaanowa. 5 Worri Itoophiya'atti‡Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. addatee fi worri Gibxi'iin koore, hin sodaata; hin qaanowalle'e. 6 Guyyaa san worri qarqara Abbaaya'aa§Qarqara Abbaaya'aa: Qarqarri abbaaya'aa kum ka abbaayaa Filisxeemotaa te'uu dande'a. le'u, ‹Kunoo, worri nuuti mootii biyya Asoorii jalaa akka nu baasanuuf addannee, qarqaarsaaf itti baqanne eega akkas te'e, nuuti attamiin isa jalaa baana ree?› hin jedhan» jedhe.