24
Mootiin Waan Maraa Biyya Lafaa Hin Adaba
1 Kunoo, Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duwwaa godhee onsa; inni lafa gara balleessee, worra lafa irra le'u hin bittinneessa. 2 Wonni kolbaa irratti te'u, hayyicha irralle'etti hin te'a; wonni garbicha irratti te'u, goottaa isaa irralle'etti hin te'a; wonni garbittii irratti te'u, giittii isi'ii irralle'etti hin te'a; wonni nama bitatu irratti te'u, nama gurguratu irralle'etti hin te'a; wonni nama ergifatu irratti te'u, nama ergisu irralle'etti hin te'a; wonni nama liqeeffatu irratti te'u, nama liqeessu irralle'etti hin te'a. 3 Mootiin Waan Maraa dubbii tana waan dubbateef, latti guutumatti saamantee ijjumaa ona hin teeti.
4 Latti goddee wonni isii irraa qoorti; biyyi lafaa qom'oortee hin qoorti; qondaaltoti biyya lafaa hin qom'oorti.
5 Kolbaan biyya lafaa irra leetu seera Mootiin Waan Maraa eegatiisa, seerata isaa hordofuu diddee, gondooroo isaa ta bara baraa diiddee lafa batteessiteerti. 6 Tanaaf abaarsi biyya lafaa hin balleessa; kolbaan isi'iille yakkaa ifiitiif hin adabanti. Tanaaf kolbaan lafa irra leetu gubattee, worri diqqaan callaan hafeera. 7 Daadhiin woyni'ii haaretti dhumatte; muki woyni'iille goge; worri dur gammadu duudiin aade. 8 Qoonqoon dibbe'ee ta nama gammachiittu hatte; hogaan worra firinxiixuu cadhi jedhe; qoonqoon kiraara guddichaalle hatte. 9 Haganaa achi nami daadhii woyni'ii sirbaa hin unu; untoon nama macheessitu, worra unutti hin hadhootti. 10 Qachaan diigamee hin ona; eennulle akka hin seenne, seensumi mana maraa hin cufama. 11 Karaa irratti daadhii woyni'iitiif hin iyyan; gammadi gara gaddaa deebi'e; ililleettiin biyya lafaa keessaa badde. 12 Qachaan onee hafeera; karrille caccaddee bututteerti. 13 Maarre biyyi lafaatii fi gosi biyya adda addaa, akka muka ejersaa ka midhaan isaa irraa hargufameetii fi akka midhaan unkuruura muka woyni'ii irraa guuramee woxoon hafuu hin te'an.
14 Worri badii irraa hafe qoonqoo ifii ol qabatee, gammadaan hin ilillisa; worri gara aduun seentuu, guddinna Mootii Waan Maraa hin odeessa. 15 Worri gara aduun baatuulle Mootii Waan Maraatiif ulfinna hin kennan; worri oddoola keessa le'ulle maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin leellisan. 16 Qaccee biyya lafaa irraa faaruu leellisaa ta, «Ulfinni Waaqa balcha'aaf te'u» jettu hin dhageenna. Ani ammoo deebisee, «Ani huqqadhe! Ani huqqadhe! Aanne'e naaf! Worri maltooleen dabarsanee kennane; maltooleen maltummaa ifiitiin dabarsanee kennane» jedhe. 17 Ee, kolbaa biyya lafaa! Bararaqi, boollii fi tiyyoon isin eegatti. 18 Nami qoonqoo bararassitu baqatu, boolla keessa hin bu'a; nami boolla keessaa ol bayu tiyyo'oon hin qabama. Roobi hamaan ol gubba'aa hin rooba; hundeen lafaalle hin tachooti. 19 Latti dhodhootee, babbaqaxxee akka malee tatachoote. 20 Latti akka nama machowee hin tintinti; akka gosee qilleensa keessaa hin raafanti; yakkaan isi'ii waan itti ulfaatteef hin jiddi; ijjumaa deebitee hin kaatu.
21 Yennaa san Mootiin Waan Maraa hunna ol-gubba'aa maraa fi bulchitoota lafa irraa hin adaba. 22 Isaan akka namoota boolla keessatti hidhamaneeranuu, wolitti qabaman; haga yennaan isaan adabamanu geettutti manni hidha'aa isaanitti cufamee achi turan. 23 Mootiin Waan Maraa ka Waan Dade gaara Xiyoonii irratti, Yerusaalem keessatti mootii waan te'uuf, ji'aa fi aduun hin dimimmisan; jaarsoleen kolba'aalle ulfinna isaa hin dhaggiti.