26
Faaruu Injifacha'aa
1 Yennaa san faaruun asii gad jirtu lafa Yihuda'aa keessatti hin faarfanti:
«Nuuti qachaa jabaa qanna;
Waaqi dalleya dhaka'aatii fi
kushee qacha'aa saniin nu hambure.
2 Kolbaan balchittiin
ta dhugeeffannaa ifii eegatte akka seentuuf,
karra qachaa sanii bana'a.
3 Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,
waan inni sitti addateef,
ati nageya guutu'uun isa hin eedda.
4 Inni rassaa bara baraa waan te'eef,
haga bara baraa
Mootii Waan Maraatitti addadha'a.
5 Inni qachaa kooru hin salphisa;
worra achi keessa le'ulle hin adaba.
Inni qachaa ol ka'e san gara lafaa gad hin qaba;
bukuu keessalle'etti gad hin gata.
6 Miilli worra cunqurfamanee
isa irra hin ideema;
faanti worra hiyyeeyyi'ii isa irra sirbiti.
7 «Ee Mootii Waan Maraa qajeela'a!
Ati balchootaaf karaa hin qulqulleessita;
daandii isaan irra ideemanulle
wol hin qixxeessita.
8 Ee Mootii Waan Maraa!
Karaa seera keetii irra ideemaa,
addi'iin si eeganna;
maqaa keetii fi waan ati nuu goote
qaabatiisa dharraana.
9 Halkan lubbuun tiyya si dharraati;
ayyaanni kiyyalle si dharra'a;
yennaa ati lafatti murtu,
kolbaan biyya lafaa irra leetu
balchummaa hin baratti.
10 Worra hama'aaf gadhaa yoo laafanelle,
balchummaan maan akka teete hin baratanu.
Isaan lafa qajeelumma'aa keessalle'etti
waan hantuu hujan;
arnya Mootii Waan Maraalle
hin qalbeeffatanu.
11 Ee Mootii Waan Maraa,
harki keeti isaan adabiisaaf ol ka'eera;
isaan ammoo hin dhagganu;
akka ati kolbaa teetiif hinaattu
dhagganee qaanowanuu ti;
ibiddi ati diinaaf qopheessite isaan fixuu ti.
12 «Ee Mootii Waan Maraa,
ati nageya nuuf hin kennita;
waan nuuti hunye mara nuuf muummessiteerta.
13 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna!
Goottoleen dhibiin nu bulchaneeran;
nuuti ammoo maqaa keeti qofa ulfeessina.
14 Isaan amma du'aneeran;
haganaa achi hin jiraatanu;
ekeraan isaanii hin kaatu.
Ati isaan addaddee balleessite;
dabarsii isaanii mara ijjumaa balleessite.
15 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti baceessite;
ati isaan baceessitee, ulfinna ifiif fudhatte.
Meessaa lafaalle karaa maraan badhitte.
16 Ee Mootii Waan Maraa,
isaan yennaa rakko'oo gara keeti dhufane;
yennaa ati isaan adaddu
hasaassa'aan si daadimatane.
17 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma dubartiin ulfaa,
yennaa deyiisaaf ciniinsifattu iyyitu,
nuutille si duratti akkasuma teene.
18 Akka dubartii ulfoottee ciniinsifattee teene;
ammoo womaa hin deenne;
waan biyya qarqaaru, waan hunye hin qannu;
biyya lafaa irralle'etti nama hin daballe.
19 «Kolbaan teeti ta duute hin kaati;
reeffi isaanii hin ka'a.
Isin worri awwaalantaneertanu
ka'a'aatii, ilillisa'a!
Ee Mootii Waan Maraa,
Fixeensi ati ergitu fixeensa jiruu kennu waan te'eef,
latti ekeraa ol hin baatti.
Mura'aa Fi Boojuu Irraa Deebi'iisa
20 «Ee kolbaa tiyya, kolloo teessan ol seena'aatii, balbala teessan cufadha'a; haga mufiin isaa dabartutti haga diqqaa dhokadha'a. 21 Kolbaa biyya lafaa cubbuu isaaniitiif adabiisaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa addee bultoo ifiitii dhufiisatti jira. Latti dhiiga isii irratti dhangala'e hin mudhitti; haganaa achi worra ijjeefamane hin dhossitu» ta jettu.