30
Kolbaa Mataa Jabaatuuf Aanne'e
1 Mootiin Waan Maraa, «Ijoollee mataa jabaattuuf, karoora kiyya hin te'in ta baafattuuf, fedhii tiyyaan ala gosa biyya adda addaa woliin ta wolii galtuuf, ta cubbuu irratti cubbuu dabaltuuf aanne'e! 2 Isaan na irraa gorsa adoo hin fudhatin, gara biyya Gibxi'ii gad bu'an; mootii Gibxi'ii qarqaarsa godhatanee, gaaddisa Gibxi'ii jalatti baqatan. 3 Mootii Gibxi'ii qarqaarsa waan godhattaneef hin fokkifattan; gaaddis Gibxi'iille isin hin qaanessa. 4 Qachaa Zo'aanii keessatti qondaaltota qabaattanulle, worri isin ergitane qachaa Gibxi'ii Hanees geyanulle, 5 kolbaan sun fokko'oo fi qaanii isaanitti fiddi malee, bu'aa hin qaddu; isaan qarqaaruu waan hin dandeenneef, marti isaanii hin qaanowan» jedhee dubbateera.
6 Marroo bineensota biyya Negebii wonni dubbatame asii gad jirti: worri ergame karra ifii harre'etti, meya gatii guddo'oo ka ifiille gaalatti fe'atanee, lafa soda'aa fi rakkinni jiru keessa deemanee, addee neenqi dhala'aa fi kormi, buuti'ii fi dhudhuufaan gugatu jiranu keessa dabaranee, gara kolbaa isaaniif bu'aa hin qannee, 7 gara worra Gibxi'ii ka qarqaarsi isaanii bu'aa hin qannee hin dhaqan. Tanaaf ani worra Gibxi'ii, «Jawwee abbaaya'aa ta cadhittee teettu» jedhee maqaa baase.
Kolbaa Hin ajajanne
8 Amma dhaqiitii fuula isaanii duratti gabatee irratti barreessi; kitaaba maramaa keessalle'etti barreessi. Kunille baroota dhufuuf, haga bara baraa dhugaa baya hin te'a. 9 Isaan kolbaa finqiltuu, ijoollee dharaameyyii gorsa Mootii Waan Maraa hin caqanne. 10 Isaan worra mudhii dhagguun, «Haganaa achi mudhii hin dhaggina'a», raagole'een, «Raaga dhuga'aa nutti hin raagina'a; waan nu gammachiisuu fi waan nu'uuf dansaa te'e qofa nutti hima'a. 11 Karaa dhuga'aa kana lakkisa'a; daandii irraa gora'a. Marroo Waaqa Woyyicha Israa'elii san nutti hin himina'a» jedhan.
12 Tanaaf Waaqi Woyyichi Israa'elii, «Isin waan ani isinitti dubbadhu waan tuffataneef, nama cunqursiisaa fi sobiisatti waan addattaneef, 13 yakkaan tun akka dalleya dheeraa caccabee, dedhuma jigee bututuu isin hin gooti. 14 Akkasuma akka meya faaraa ka caccabee bututuu, ka bassoo ibidda ittiin fudhatanu yookiin ta bisaan boolla keessaa ittiin woraabbatanuulle keessatti hin dhagganne hin teetan» jedhe.
15 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii, «Isin yoo cubbuu teessan faaci'attanee foorfattane hin fayyitan; cadhittanee naaf yoo addatantane hin jabaatta; isin ammoo diddanee, 16 ‹Waawwo'o! Nuuti fardo'oon hin baqanna› jettan; tanaaf isin hin baqattan; isin, ‹Fardoo qolchoolee irra teenna› jettan; worri isin ari'ulle qolchaa hin te'a. 17 Isaan keessaa nami tokko yennaa isin sodaachisee xixe, isin keessaa nami kum hin baqata; nami shan yennaa xixe, isin martinuu hin baqattan. Utubaa baandira'aa keessan ka gaara irratti dhaabbatee fi beessisa ka kooba irra jiru malee, isin keessaa nami tokkolle achitti hin hafu» jedhe. 18 Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka'a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti.
Waaqi Kolbaa Ifii Hin eebbisa
19 Ee kolbaa Xiyoonii, ka Yerusaalem keessa leetanu, haganaa achi hin boottanu; yennaa isin itti iyyattanu, akkuma qoonqoo teessan dhage'een, inni isiniif mararee deebii isiniif hin kenna. 20 Goottaan sagalee rakkinnaatii fi bisaan farraa isiniif kennulle, barsiisaan keessan haganaa achi isin duraa hin dhokatu; isin iluma teessaniin isa hin dhaggitan. 21 Yennaa isin gara middaa yookiin gara bita'aa deebitanu, qoonqoo isin duubaan, «Karaan kana, isa irra ideema'a» jettu gurri keessan hin dhage'a. 22 Achiin duuba isin waaqota dharaa keessan ka meeti'iin gonfamee fi fakkii waaqota dharaa ta worqi'iin gonfante hin salphittan; akka hoccuu xurti'ii gattanee, «Ila teenna duraa bada'a» isaaniin hin jettan. 23 Mootiin Waan Maraa midhaan isin facaafattanuuf, bokkeya hin roobisiisa; lattille midhaan dansaa hedduu hin baatti. Guyyaa san horiin keessan kaloo badho'otti hin tikatan. 24 Qotiyyo'oo fi harreen teessan ta lafa qottu, okeya sooddaan mi'eessanee fi marra gossanee horooro'oo fi akkafa'aan garagaggalchanee miidhassane hin nyaatan. 25 Guyyaa xelleephoon diinaa diigantee diinni sun dhumatu, gaara gugurda'aa fi kooba dhedheertuu mara irraa bisaan maddee hin yaa'a. 26 Yennaa Mootiin Waan Maraa cannana kolbaa ifii hidhu, madaa isaan madeesselle yennaa fayyisu, jiin akka adu'uu hin ifa; ifi adu'uulle ifa guyyaa torbaa dachaa torba hin te'a.
Waaqi Asoor Hin adaba
27 Kunoo, Mootiin Waan Maraa aarii akka ibiddaa bobeettuun, ta akka hurrantaa aaraatiin fagoo irraa hin dhufa; inni aari'iin dubbata; arrabi isaalle akka ibiddaa nama fixa. 28 Hafuurri isaa akka bisaan ori'ee guutee morma namaa gewuu ti; inni meemmee badi'iitiin, gosa biyya adda addaa hin meemmessa; bixaala karaa irraa isaan gorsu, afaan isaanii keessaa hin keya. 29 Isin guyyaa jila woyyittii jilifattanu galgala akkuma faarsitanu, hin faarsitan; kolbaan gara gaara Mootii Waan Maraa, gara rassaa Israa'elii, suusullee afuufaa gammadaa akkuma ol baatu, isinille hin gammaddan.
30 Mootiin Waan Maraa aarii bobeettuun, ibidda nama fixuun, bubbee bokkeya barada'aatiin, bubbee bokkeyaa mandiisu'uutii fi dhakaa bokkeyaatiin qoonqoo ifii ta arnya qaddu namooti akka dhage'anu hin godha; irreen isaa yennaa dhuttu akka isaan dhagganu hin godha. 31 Yennaa Mootiin Waan Maraa ulee ifiitiin isaan dhowu, qoonqoon isaa worra Asoorii hin rifachiitti. 32 Mootiin Waan Maraa ulee adabbii ifiitiin yennaa isaan adabu mara, dibbe'ee fi kiraarri guddichi hin dhowaman; inni dhowicha harka ifiitiin isaan hin lola. 33 Addeen, «Toofet» jedhantu, ta wo itti gubanu, bara heddu'uun dura qophootteerti; mooticha worra Asooriitiifille qophootteerti; addeen ibiddaa sun qile'e; badhoolle'e; qoraan baca'aa fi ibiddi guddaan achi jira; hafuurri Mootiin Waan Maraa baafatu akka dhakaa bobe'uu, ibidda itti hin qassiisa.