49
Tajaajilaa Mootii Waan Maraa
Isin worri oddoola keessaa na caqasa'a!
Isin gosi biyya adda addaa ka fagoo jirtanu tana dhage'a'a!
Gadhaa haadha tiyyaa keessa adoo jiruu
Mootiin Waan Maraa na waame;
adoo ani hin dhalatin maqaa na baase.
Inni dubbii afaan kiyyaa
akka shallaagaa qaramee godhe;
gaaddisa harka ifii jalatti na golle;
daaya qarame na godhe;
gonofaa daaya ifii keessalle'etti na dhosse.
Inni anaan, «Ee Israa'el, ati tajaajila kiyya;
ani si'iin ulfinna kiyya hin mudhisa» jedhe.
Ani ammoo, «Toluma elowe;
hunna tiyyalle waan bu'aa hin qanne irratti fixadhe;
te'uu malee bu'aa hujii tiyyaa
Mootii Waan Maraatitti
naaf murteessa;
gatiin hujii tiyyaa
harka Waaqaa keessa jirti» jedhe.
 
Ani tajaajilaa isaa akka te'uuf,
Yaaqoob gara isaa akka fiduuf,
Israa'eloota akka isaaf wolitti qabuuf,
ka gadhaa haadha tiyyaa keessatti na dade,
fuula ifii duratti ulfinna naaf kennee,
ka jabeenna naaf te'e,
Mootiin Waan Maraa ammalle,
anaan, «Ati gosa Yaaqoobii ade'etti deebisiisaaf,
kolbaa Israa'elii worra jiru'uun hafe deebittee fidiisaaf,
tajaajilaa kiyya te'iis keeti kaso'o.
Fayyisiisa kiyya haga qaccee biyya lafaa
akka dhaqqassiittuuf,
worra Yihudoota hin te'iniifille
ifa si hin godha» jedhe.
 
Mootiin Waan Maraa, Woyyichi Israa'el wodu,
tajaajilaa bulchitootaa,
ka nama gosa biyya adda addaatiin
guddoo tuffatamee jibbameen,
«Mootiin Waan Maraa addatamaan,
Woyyichi Israa'elii waan si fileef,
moototi si dhaggitee, ol si'iif hin kaati;
qondaaltotille si dhaggitee si'iif hin sagaddi» jedhe.
Deebitee Ijaaramiisa Yerusaalemii
Mootiin Waan Maraa, «Yennaa na biratti fudhatama qaddutti
ani deebii si'iif hin kenna;
guyyaa fayyinna keetii ani si hin qarqaara;
ani si eegee, kolba'aaf gondooroo akka teetu hin godha;
kolbaa adde'etti hin deebitta;
lafa isaanii ta onte isaaniif hin deebitta.
Worra hidhameen, ‹Baya'a!›
Worra dukkana keessa jiruun,
‹Ifatti baya'a!› akka jettu si hin godha;
isaan irga kara'aatii hin nyaatan;
kooba godduu mara irralle'ee sagalee hin dhaggatan.
10 Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan mararfadhuuf,
gara madda bisaaniille waan isaan sooressuuf,
isaan hin beelotanu; hin dheebotanu;
o'i goomole'ee yookiin adu'uu isaan hin miidhu.
 
11 «Ani gaarota kiyya mara karaa hin godha;
karaan guddaan kiyyalle isaaniif wol hin qixxawa.
12 Kunoo, isaan biyya fago'oo irraa
worri gariin biyya kaabaa irraa
worri gariin karaa aduun seentu irraa
worri kuun biyya Siiniimii*Siiniim: Yookiin Aswaan amma qachaa biyya Gibxi'ii ti. irraa hin dhufan» jedha.
13 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jajjabeessuuf,
worra rakkatelle waan mararuuf,
ee ol-gubba'a, faarfadha'a!
Ee lafa, gammada'a!
Ee gaarota, ilillisa'a!
 
14 Xiyoon ammoo, «Mootiin Waan Maraa na gateera;
Goottaan na dedheera» jette.
15 Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu
dedhuu dandeettii?
Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?
Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
16 Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti
si barreeffadheera;
dalleenni keeti ka dhaka'aan ijaarame
yennaa mara fuula kiyya dura jira.
 
17 «Ijoolleen teeti ariiti'iin gara keeti hin deebiti;
worri diigee si balleesse si keessaa hin baqatan.
18 Ol jedhiitii adaala keeti ilaali!
Ilmaan teeti marti wolitti qabantee gara keeti hin dhutti.
Dhugaa ana jiraata'aa,
‹Ati isaan mara akka seesaa hin uffata;
akka waajibaalle ijoollee teetiin hin miidhadda› jedhee kakadha.
 
19 «Ati diigantee ontulle,
latti teeti duwwaa teetulle,
amma worra si keessa jirutti dhiphattulle,
worri si balleesse si irraa hin fagaata.
20 Ijoolleen teeti ta ati gadditeertuun dhalatte,
si'iin, ‹Latti tun nutti diqqaatteerti;
lafa leenu badhoo nu'uuf kenni› jettuun hin dhageetta.
21 Achiin duuba ati gadhaa keeti keessatti,
‹Ani ijoollee tiyya dhabeera; eega san hin deenne;
isaan kana eentu naaf deye?
Ani booji'amee, jibbatameeraayyu;
isaan kana eentu naaf guddise ree?
Ani qofi hafeeraayyu;
isaan kun eessaa dhufane ree› hin jetta» jedhe.
22 Goottaan Mootiin Waan Maraa,
«Gosa biyya adda addaa harkaan hin haatadha;
baandiraa kiyyalle kolba'aaf ol hin kaasa.
Isaan ilmaan teeti habbaaranee,
ijoollee durraa teetille gurmuu ifii irratti kaasanee hin fidan.
23 Moototi abbootii guddisoo ijoollee teetii hin teeti;
giittoti isaanii haadhotii guddosoo ijoollee teetii hin teeti.
Isaan fuula ifiitiin lafatti gad hin gombifaman;
miila keeti irralle'ee bukuu hin arraaban.
Achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta;
worri na addatu hin qaanowu» jedhe.
 
24 Nama jabaa irraa waan inni saame,
yookiin nama gadhaa jabaatu irraa
nama inni booji'e harkaa fuudhuu hin dande'anii?
25 Mootiin Waan Maraa ammoo,
«Ee, Wonni nami jabaan saame isa irraa hin fudhatanti;
nama gadhaa jabaatu irraa nami inni booji'e
isa harkaa hin fuudhama;
ani worra si mormu hin morma;
ijoollee teetille hin woda.
26 Worri si cunqursu foon ifii akka nyaatu hin godha;
isaan dhiiga ifii akka daadhii woyni'ii unanee hin machowan.
Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa hunnaamessi Yaaqoobii
ka si fayyisuu fi ka si wodu akka te'e
sanyiin namootaa marti hin beetti» jedhe.

*49:12 Siiniim: Yookiin Aswaan amma qachaa biyya Gibxi'ii ti.