60
Ulfinna Yerusaalemii Ka Gara Duraa
Ee Yerusaalem, ifi keeti waan dhufeef, ka'ii issi!
Ulfinni Mootii Waan Maraalle si irratti ifeera.
Kunoo, dukkanti lafa hin golliti;
dukkanti dimmille kolbaa hin dhossiti.
Si'iif ammoo ifi Mootii Waan Maraa hin ifa;
ulfinni isaalle si irratti hin mudhata.
Gosi biyya adda addaa gara ifa keetii,
moototille gara ifa keeti ka ganamaa hin dhufan.
 
Ol jedhiitii adaala keeti ilaal:
Isaan marti wolitti qabamanee
gara keeti hin dhufan.
Ilmaan teeti fagoo irraa hin dhufan;
ijoolleen durraa teetille worri isaan guddisu
isaan habbaarrateeruun gara keeti dhufan.
Ati yennaa isaan dhaggite, fuulli keeti hin ifa;
gadhaan keetille gammadaan hin firinxiixa.
Qabeenni abbaayaa irra qaxxaamuree dhufu,
karri gosa biyya adda addaalle teeti hin teeti.
 
Gaaloti bindillaan,
gaaloti orgeen biyya Miidiyaaniitii fi Eefa'aa irraa dhufanee
lafa teeti hin guutan.
Namooti biyya Sheeba'aatii dhufanu marti
worqi'ii fi hixaana fidanee hin dhufan;
Isaan galata Mootii Waan Maraa hin lallaban.
Hooleen worra Qedaarii marti
gara keeti wolitti hin qabaman;
korbeeyyii hoole'ee ta worra Nabaayotiille
ciinca'aaf itti hin fayyadanta.
Isaan marti addee ciinca'aa irratti fudhatama hin dhaggatan.
Mootiin Waan Maraa Galma ifii ka ulfinnaa irra caalaa
akka ulfinna dhaggatu hin godha.
 
Worri akka duumensaatii fi
akka saphaliisa gara mandhee ifii koolaan ka'uu,
fiigu kun eennu fa'a?
Dhugumaan ilmaan teeti worri oddoola keessaa addi'iin Mootii Waan Maraa hin eegatan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii ulfinna waan sii kenneef, ulfinna isaatiif jedhanee, ilmaan teeti fagoo irraa, meeti'ii fi worqii isaanii woliin fidiisaaf hobolooti gugurdoon Tarshiishii hin dursiti.
 
10 Mootiin Waan Maraa Yerusaalemiin,
«Worri ormaa dalleya keeti ka dhaka'aa deebisanee hin ijaaran;
moototi isaaniille si hin tajaajilan;
ani aaree si adabeeraayyu;
amma ammoo jaala kiyyaan si hin marara.
11 Gosi biyya adda addaa
karra ifii gara keeti akka fidanuuf,
moototi isaaniille tarre'een akka ol seenanu,
seensumi karra teetii yennaa mara banamee tee'a;
halkanii fi guyyaalle hin cufamu.
12 Kolba'aa fi mootummooti si hin tajaajille hin badan;
isaan ijjumaa hin badan.
 
13 «Addee Galma kiyyaa ittiin seesiisaaf,
muka gugurdaa Libaanonii hindheensa, muka shuwaashuwwe'eetii fi sookkee gara keeti hin fidan;
ani addee miilli kiyya ijjatu tana hin ulfeessa.
14 Ilmaan worra si cunqursee,
sagadaa gara keeti hin dhufan.
Worri dur si tuffate marti
miila keetitti hin jigan.
Isaan, ‹Qachaa Israa'elii woyyicha ka teete,
qachaa Mootii Waan Maraa Xiyoon› jedhanee si hin waaman.
 
15 «Ati ta lakkifante, ta jibbatante,
ta nami tokkolle si keessa hin dabarre teetulle,
ani haga bara baraa ta ittiin kooranu si hin godha;
dhaloota maraafille addee gammadaa si hin godha.
16 Akkuma ijoolleen harma haadha ifii hootu,
atille qabeenna gosa biyya adda addaatii fi moototaa,
hin hoota.
Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa,
hunnaamessi Yaaqoobii,
ka si fayyisuu fi ka si wodu
akka te'e hin beetta.
 
17 «Ani addee sageettu'uu worqii,
addee sibiilaa meetii,
addee mukaa sageettuu,
addee dhaka'aa sibiila si'iif hin fida.
Ani nageya mootii keeti,
balchummaalle bulchaa keeti hin godha.
18 Haganaa achi biyya teeti keessatti,
hunnaan nama irratti ka'iis,
meessaa keetitti diigamiisi yookiin badiisi hin jiraatu.
Ati ammoo dalleya dhaka'aa ka qachaa keetii, ‹Fayyinna›,
seensuma karra teetiille, ‹Leellisa› jettee hin waanta.
 
19 «Ani Mootiin Waan Maraa ifa bara baraa,
Waaqi keeti ulfinna waan sii te'uuf,
haganaa achi guyyaa aduun,
halkan jiin
ifa si'iif hin te'u.
20 Aduun teeti deebitee hin seentu;
jiin keetille ifiisa hin lakkisu.
Ani Mootiin Waan Maraa ifa bara baraa
si'iif hin te'a
barri gadda keetiille hin dhumata.
21 Achiin duuba kolbaan teeti marti balchoolee hin te'an;
isaan lafa san haga bara baraa hin dhaalan.
Isaan ulfinna kiyya mudhisiisaaf biqiltuu ani harka kiyyaan dhaabe.
22 Maatiin diqqoon kuma hin teeti;
ta mara caala diqqo'oo kolbaa jadduu hin teeti.
Ani Mootii Waan Maraa ti;
yennaa isi'iititti tana mara
ariifadhee hin muummessa» jedha.