64
1 Akka gaaroti si sodaatanee raafamanu, ol-gubbaa tarsaattee adoo gad buutee, maaloo! 2 Akkuma nami haasume'een ibidda bobeessee, ibiddi sun bisaan danfisu, gosi biyya adda addaa si duratti akka hollattu, gad bu'iitii diinota keetitti maqaa keeti beessisi. 3 Waan nuuti hin yaadatin, waan sodaachisu yennaa goote, ati gad buutee gaaroti si duratti hollatane. 4 Worra isa addi'iin eegatuuf ka maadee huju, Waaqi akka keetii ka dhibiin tokkolle hin jiru; durii jalqabee dhage'amee, dhaggameelle hin beekkamu. 5 Ati worra hujii sirri'ii gammadaan hujuu fi worra karaa keeti qaabatu qarqaarta. Nuuti cubbuu ittuma waan hunyeef, ati nu irratti mufatte. Maarre nuuti attam fayyuu dandeenna ree? 6 Nuuti marti cubbu'uun xuroonneera; hujiin teenna balchittiille akka hoccuu xuri'ii teeteerti. Cubbuun teenna akka baala qooree qilleensi haxowee deemuu, nu mara haxoottee ideenteerti. 7 Ati fuula keeti nu irraa deebifattee, cubbuu teennatti dabarsitee waan nu kenniteef, nami maqaa keeti waammatu tokkolle hin jiru; nami gara keeti deebi'iisaaf wodhaanulle hin jiru.
8 Te'uu malee, ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; nuuti faara; ati faara irraa nu hujje. Nuuti marti hujii harka keetii ti. 9 Nuuti marti kolbaa teeti waan teeneef, ee Mootii Waan Maraa! Maganne'e, gara keenna ilaali; akka malee nutti hin aarin; haga bara baraa cubbuu teenna nutti hin laakkowin. 10 Qachooti woyyichi keeti akka goomole'ee duwwaa te'eera; Xiyooninuu duwwaa teeteerti; Yerusaalem duwwaa teeteerti. 11 Galmi woyyichi keenna ka ulfinna qabu, addeen abbootiin teenna ta durii itti si leellifatte, ibiddaan gubame; wonni nu gammachiisu marti diigame. 12 Ee Mootii Waan Maraa, tun marti yennaa nu irra dhaqqaddu, ati nu hin qarqaartuu ree? Ati cadhittee akka malee nu hin adaddaa ree?