Kitaaba Abbootii Mura'aa
Seensa
Kitaab abbootii mura'aa, kolbaan Israa'elii biyya kana'aanii haga seenteen jalqabee, mootummaan mooti'iin jalatti bultu haga ijaarrantetti dabarsii jirtu ka himu; barri sun bara kolbaan Israa'elii, waaqota dharaa waaqonfatiisaan Waaqaaf ajajamuu didatte. Dabarsiin tun marroo hujii worra jannoota, «Abbootii mura'aa» jedhamuu dubbatti. Abbootii mura'aa tana keessaa hedduun, sooressitoota woraanaatiiyyu; isaan keessaa jannumma'aan guddoo ka beekkame, hujiin isaalle foora kudhanii sadii haga kudhanii jaatitti tarre'een ka dhaggantu, nama «Samsoon» jedhamu tokkotti jiraayyu.
Barsiisi guddaan kitaaba kana keessaa, jiruun kolbaa Israa'elii ta mirkanoottu addatamummaa isaan Waaqa irratti qabanuun yoo teetu, yennaa isaaf addatamummaa dhabanu, yennaa mara badiin isaan irra dhaqqaddu mudhisa. Wonni dhibiin tana caaltulle ammoo hin jirti; tunille yennaa kolbaan Waaqaaf addatama dhaddu, badiin irra dhaqqaddulle, yennaa kolbaan cubbuu ifii irraa deebitee gara Waaqaa deebitu, inni yennaa mara kolbaa ifii fayyisiisaaf ka qophowe.
Haadhoo Dubbi'ii
Haga du'a Iyaasu'uutitti Waan Te'e1:1—2:10
Abbootii Mura'aa Ta Israa'elii2:11—16:31
Hujii Adda Addaa17:1—21:25
1
Sanyiin Yihuda'aatii Fi Shimi'oonii Mooticha Adonii-bezeq booji'ane
Iyaasuun du'een duuba kolbaan Israa'elii, «Kana'aanota loliisaaf sanyii teenna keessaa eentu dursee duuluu qaba?» jettee Mootii Waan Maraa gaafatte. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Sanyiin Yihuda'aa dursitee duultuu ti. Ani lafa san dabarsee isaaniif hin kenna» jedhe.
Kolbaan Yihuda'aa kolbaa Shimi'oonii obboleeyyan ifiitiin, «Kana'aanota loliisaaf gara lafa nu'uuf kennantee, woliin deennuu ti. Achiin duuba nuutille gara lafa isiniif kennantee, isin woliin deenna» jedhane. Maarre sanyiin Shimi'ooniille isaan woliin deemane. Kolbaan Yihuda'aa yennaa lolaaf baate, Mootiin Waan Maraa Kana'aanotaa fi Pheriizota harka isaaniititti dabarsee kenne; isaaniille qachaa Bezeqiititti namoota kuma kudhan ijjeesane. Isaan achitti mootii Adonii-bezeq dhagganee isa lolanee, Kana'aanotaa fi Pheriizota worra hafane injifatane. Adonii-bezeq isaan duraan baqate; isaan ammoo ari'anee isa qabanee, quba abguddicha*Quba abguddicha: Worri tokko tokko quba arguddicha jedha. miilaatii fi ka harka isaa murane. Adonii-bezeqille, «Moototi torbaatam worri quba abguddoo miilaatii fi ka harkaa muramane, hambaa qorii tiyyaa jalaa qocataa nyaataniiyyu. Daba ani isaan irratti huje, adha Waaqi deebisee natti fide» jedhe. Kolbaan Yihuda'aa gara Yerusaalemii isa geessitee, inni achitti du'e.
Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii loltee qabatte; namoota qachaa keessa jirulle shallaaga'aan fixxee, qachaa sanille ibiddaan gudde. Kanaan duuba kolbaan Yihuda'aa, Kana'aanota worra biyya koobaa, goomolee kibba Negebiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuu loliisaaf dhaxxe. 10 Worri Yihuda'aa, Kana'aanota qachaa Kebroonii ka dur, «Kiriiyati-Arbaa» jedhamu keessa le'anu loliisaaf dhaqane; isaan sanyii Sheshaayii, Ahimaaniitii fi Talmaayii injifatane.
Otnii'el Qachaa Deebirii Injifate
11 Kolbaan Yihuda'aa, worra qachaa Deebirii ka dur, «Kiriiyat-Sefe» jedhamu keessa le'u loliisaaf dhaqane. 12 Kaaleb, «Nama Kiriiyat-Sefer lolee qabatuuf, ani intala tiyya Aksaa hin heerumsiisa» jedhe. 13 Otnii'el ilmi Qenazii obboleessa maandhicha Kaalebii qachaa san qabate; tanaaf Kaaleb intala ifii Aksaa Otnii'el heerumsiise. 14 Aksaan Otnii'el heerumteen duuba, akka inni abbaa isi'ii irraa fichaa gaafatuuf itti hinte. Yennaa isiin harree ifii irraa baate, Kaaleb, «Ani maan akka si'iif godhu barbaadda?» jedhee gaafate. 15 Isiille deebittee, «Latti ati naaf kennite lafa gammoojji'ii keessa waan teeteef, madda bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb madda bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.
Injifachaa Gosa Yihuda'aatii Fi Beniyaamii
16 Sanyiin abbaa soddaa Muuse'ee Qenichaa, kolbaa Yihuda'aa woliin qachaa Meexxi'iitii ka'anee, lafa biyya Yihuda'aa keessaa gara lafa goomolee kibbaa ta qachaa Araadii biraatitti ol bayanee, kolbaa biyya sanii woliin le'ane. 17 Kolbaan Yihuda'aa obboleeyyan ifii kolbaa Shimi'oonii woliin gara qachaa Zifaatii dhaqanee, Kana'aanota achi le'anu lolanee qachaa san ijjumaa balleessane; tanaaf maqaa qachaa saniille, «HormaaHormaa: Afaan Ibrootaatiin Badiisa jechu'u.» jedhanee baasane. 18 Kolbaan Yihuda'aa qachoota Gaaza'aa, Ashqaloonii, Eqrooniitii fi lafa adaala qachaa saniille qabatane. 19 Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa woliin waan jiruuf, isaan biyya koobittii injifatanee fudhatane; ammoo worri lafa dirree keessa le'u, garreettaa sibiilaaGarreettaa sibiilaa: Garreettaa sibiilaa kana lolaaf itti fayyadaman. ka fardo'oon harkifamu waan qabanuuf, isaan ari'anee baasiisaaf hin dandeenne. 20 Akkuma Muuseen ajajetti qachaan Kebroonii Kaalebiif kenname; innille sanyii ilmaan Aanaaqii sad achii ari'ee baase. 21 Sanyiin Beniyaaminii ammoo, Yibusoota ari'anee Yerusaalem keessaa waan hin baasiniif, isaan haga adhaa kolbaa Beniyaaminii woliin Yerusaalem keessa le'an.
Sanyiin Ilmaan Yoseefii Qachaa Bet'elii Qabatte
22 Sanyiin ilmaan Yoseefii qachaa Bet'elii loliisaaf dhaxxe; Mootiin Waan Maraalle isaan woliin jiraayyu. 23 Sanyiin ilmaan Yoseefii gara qachaa Bet'eliititti gaaddota ergite; maqaan qachaa Bet'elii dur, «Luz» jedhama. 24 Gaaddoti sun nama qachaa keessaa gad bawu dhagganee, «Karaa gara qacha'aa seenu nutti mudhisi; nuutille waan dansaa si'iif goona» jedhaneen. 25 Maarre innille karaa gara qacha'aa seenu isaanitti mudhise; isaanille worra qachaa keessa le'u shallaaga'aan fixane; namichaa fi maatii isaa ammoo nageyaan lakkisane. 26 Namichi sun gara biyya Heetotaa dhaqee, qachaa maqaan isaa haga adhaa, «Luz» jedhamee beekkamu ijaare.
Kolbaa Worri Israa'elii Hin Ari'in
27 Sanyiin Minaase'ee worra Bet-shaan, Ta'anaa, Door, Yible'aam, Megidoo fi worra ollaa adaala isaanii keessa le'u ari'anee hin baanne; Kana'aanotille achuma keessa le'iisaaf murteeffatane. 28 Israa'elooti yennaa jabaatane, worri Kana'aanotaa akka hujii hunnaa isaaniif hujanu, hunnaan godhane malee, isaan mara ari'anee hin baanne.
29 Sanyiin Efreemiille Kana'aanota qachaa Gezerii keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf Kana'aanoti odduu isaanii Gezer keessa le'ane.
30 Sanyiin Zebuloonii Kana'aanota Qiixronii fi Nahalol keessa le'anu ari'anee hin baanne; ammoo isaanuma odduu le'aa hujii hunnaa akka hujanu hunnaan godhane.
31 Sanyiin Asheerii worra qachaa Aakoo, Sidoonii, Ahilaabii, Akziibii, Helba'aa, Afeqiitii fi Rehoobii keessa le'u ari'anee hin baanne. 32 Tanaaf kolbaan Asheerii Kana'aanota achi jiranu woliin le'ane.
33 Sanyiin Niftaalemii Kana'aanota Bet-sheshii fi Bet-anaat keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf worri Kana'aanota isaan woliin lafa san le'ane; ammoo hujii hunna akka isaanii hujanu hunnaan godhane.
34 Worri Amoorotaa sanyii Daanii gara biyya koobitti'ii ari'ane; gara dirre'eelle gad bu'iisa isaan dhooggane. 35 Worri Amoorotaa Ayalon, Sha'aalbiimii fi kooba Heresii keessa le'iisaaf murteeffatane; sanyiin ilmaan Yoseefii ammoo ifiin jalatti isaan bulchaa, akka hujii hunnaa isaaniif hujanu hunnaan godhane.
36 Meessaan worra Amoorotaa tarba Aqrabiimii Selaa irraa jalqabee, ol baya.

*1:6 Quba abguddicha: Worri tokko tokko quba arguddicha jedha.

1:17 Hormaa: Afaan Ibrootaatiin Badiisa jechu'u.

1:19 Garreettaa sibiilaa: Garreettaa sibiilaa kana lolaaf itti fayyadaman.