3
Gosa Biyya Adda Addaa Ka Adoo Hin ari'amin Hafane
Israa'eloota lola Kana'aanii keessatti hin dhaggamin haga ittiin ilaaliisaaf, gosi biyya adda addaa ka Mootiin Waan Maraa lakkise ka asii gadii kana. Inni dhaloota Israa'elii ta kanaan qara lola irratti dhaggamanee hin beenne, lola barsiisiisaaf tana jedhe. Gosi biyya adda addaa ka achitti hafane kunille, bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kana'aanota duudii, Sidoonota, Hiiwota worra gaara Ba'aal-Hermooniitii jalqabee haga Haamaatitti, gaara hedduu Libaanonii gubbaa le'u. Gosi biyya adda addaa kun, ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin abbootii isaanii ta duriitiif kenne, Israa'elooti akka ajajamanu yookiin hin ajajanne beekiisaaf ittiin haga ilaaliisaaf achitti hafane. Tanaaf Israa'elooti worra Kana'aanotaa, worra Heetotaa, worra Amoorotaa, worra Pheriizotaa, worra Hiiwotaatii fi worra Yibusootaa woliin le'ane. Isaan durra isaanii fuudhanee, ta ifii ilmaan isaanii heerumsiisane; waaqota isaaniille waaqonfatane.
Otnii'el
Israa'elooti Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane; isaan Waaqa Mootii Waan Maraa ifii lakkisanee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Asheeraa waaqonfatane. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elitti guddoo aaree, harka mootii Mesophotaamiya'aa, Kushaan-Riishaataayimiititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa saddeeti mootii san tajaajilane. Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane ammoo, innille harka mootichaa jalaa ka isaan baasu, ilma Qenazii obboleessa Kaalebii maandhicha Otnii'el isaaniif kaase. 10 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Otnii'el irratti bu'ee; innille Israa'el irratti abbaa mura'aa te'e; yennaa inni lolaaf baye Mootiin Waan Maraa mootii Mesophotaamiya'aa Kushaan-Riishaataayim harka isaatitti dabarsee kenne; innille Kushaan-Riishaataayim injifate. 11 Tanaaf latti woggaa afurtama nageyaan turte; achiin duuba ilmi Qenazii Otnii'el du'e.
Ehud Israa'eloota Rakkinna jalaa Baase
12 Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; waan kanaaf Mootiin Waan Maraa mootiin Mo'aabii Egloon akka Israa'eloota injifatu hunna kenneef. 13 Egloon mootota Amoonotaatii fi Amaaleqootaa ede'atee, Israa'eloota lolee, qachaa meexxi'ii*Qachaa meexxi'ii: Qachaan kun Yeriko'o. qabate. 14 Israa'elooti mootii Mo'aabii Egloon woggaa kudhanii saddeeti tajaajilane.
15 Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille nama isaan bilisa baasu, sanyii Beniyaaminii keessaa ilma Gera'aa Ehud ka harka bitaachaa isaan qarqaaruuf kaase. Israa'elooti mootii Mo'aabii Eglooniif akka gibira geessu isa ergane. 16 Ehud shallaagaa ciqilee tokko dheeratu, ka gara lamaaniinuu qara qabu tunsiifatee, woyaa ifii jalaan tafa middaatitti hidhate. 17 Achiin duuba inni gibira san mootii Mo'aabii namicha guddoo furdaa te'e, Eglooniif geesse. 18 Ehud gibira kenneen duuba, worri gibira ba'atee dhaqe, gara mana ifii akka deebi'anu godhe. 19 Inni ifii ammoo, dhakaa ijaarsaaf qotanee baasane, ka Giilgal biraa yennaa geye duubatti deebi'ee, gara mootii Egloonii dhaqee, isaan, «Ee mootii! Ani ergaa dhossa'aa ta sitti himu qaba» jedhe; mootichille, «Cadhisa'a» jedhe.
Achiin duuba tajaajiltooti isaa marti isa biraa gad bayane.
20 Egloon kolloo ifii ta mana gubba'aa ta qilleensa qaddu keessa qofuu tee'eeruun, Ehud isa bira dhaqee, «Ergaa Waaqa biraa sii dhutte qaba» jedheen. Mootichille ol ka'ee dhaabbatte. 21 Ehud shallaagaa ifii tafa middaa irraa harka bitaachaan buqqifatee, gadhaa mootichaa hordee woraane. 22 Addeen qabata shallaaga'aalle adoo hin hafin gadhaa keessa seenee, qacceen shallaaga'aa dudda duubaan fullaate; moorri namichaa shallaagaa waan golleef, Ehud shallaagaa gadhaa namichaa keessaa hin buqqinne. 23 Achiin duuba Ehud kolloo mootichaa ka mana irraa keessaa gad bayee, duubaan balbala itti cufee danqare. 24 Ehud mana keessaa bayee deemeen duuba, tajaajiltooti isaa dhufanee balbalti kolloo mootichaa ta mana irraa cufanteertuun yennaa dhaggane, mootichi faalowa irra waan jiru seyane. 25 Isaan haga eeganee dadhabanuttiDadhabanutti: Yookiin hifatanutt. eegane; ammoo inni balbala banuu dhannaan, furtuu fuudhanee balbala banane. Achitti goottaan isaanii du'ee lafa irra irkateeruun dhaggane.
26 Tajaajiltooti mootichaa balbala banamiisa adoo eeganuu, Ehud isaan irraa fagaatee deeme. Inni dhakaa ijaarsaaf qotanee baasanu san irra taree, gara Se'iira'aa miliqe. 27 Inni yennaa achi geye, biyya koobittii Efreemiititti tultullaaTultullaa: Yookiin faaggaa jedhama. afuufe; kolbaan Israa'eliille inni isaaniin dura deemuun, isa woliin gaara irraa gad buute. 28 Inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa diinota keessan worra Mo'aabii harka keessanitti dabarsee waan kenneef na hordofa'a» jedhe. Tanaaf isaan isa gula gad bu'anee, malkaa laga Yordaanosii ta gara Mo'aabii gamatti bayanu qabatanee, nami tokkolle achiin akka hin dabarre dhooggane. 29 Yennaa san loltoota jajjabaa fi hunnaameyyii Mo'aabii keessaa, gara kuma kudhanii ijjeesane; nami isaan jalaa miliqe tokkolle hin jiru. 30 Israa'elooti gaafa san worra Mo'aabii injifatte; latti sunille woggaa saddeettama nageya dhaggatte.
Shamgaar
31 Ehudiin duuba ilmi Anaatii Shamgaar, sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuun worra Filisxeemotaa dhibba jaa ijjeesee, kolbaa Israa'elii isaan jalaa baase.

*3:13 Qachaa meexxi'ii: Qachaan kun Yeriko'o.

3:25 Dadhabanutti: Yookiin hifatanutt.

3:27 Tultullaa: Yookiin faaggaa jedhama.