7
1 Boruyyaa ganama Giidewon ka, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee fi worri isa woliin jiru marti barii ganama ka'anee, madda Haarodii bira qubatane; worri Miidiyaanii ammoo, addee isaan qubatane irraa gara kaabaatitti, kooba Mooree bira dhooqa keessa qubatane.
2 Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Worra Miidiyaanii harka isaaniititti dabarsee akka hin kennine, worri si woliin jiru heddu'u; Israa'elooti, ‹Hunnuma teennaan injifanne› jedhanee akka na irratti hin koorre, 3 ‹Eennulle ka sodaatee sheephisu yoo jiraate, gaara Giil'aadii irraa ka'ee, gara mana ifii deebi'uu ti› jedhii lallabi» jedhe; tanaaf namooti kum diddamii lama gara manaa deebi'anee, namooti kum kudhan achitti hafane.
4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ammalle namooti si woliin jiranu akka malee heddu'u; isaan gara bisaanii gad geessi; anille achitti gargar siif hin fowa. Nami ani, ‹Inni si woliin deemuu ti› jedhu, deemuu ti; nami ani, ‹Inni si woliin hin deemin› jedhu, hin deemin» jedhe. 5 Giidewon namoota gara bisaanii geesse; Mootiin Waan Maraalle, «Nama akka sare'ee arraba ifiitiin bisaan laccisuu fi nama jilbiiffatee, bisaan unu gargar baasi» jedhe. 6 Laakkossi worra ooboo harka ifiitiin bisaan unee dhibba sad; worri hafe marti ammoo jilbiiffatee une. 7 Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Namoota dhibba sad, worra ooboo harka ifiitiin bisaan uneetiin, ani isin hin baasa; worra Miidiyaanii harka keessanitti dabarsee hin kenna; worri hafe marti gara mana ifii deebi'uu ti» jedhe. 8 Tanaaf Giidewon, galaa isaaniitii fi tultullaa isaanii irraa fuudhee gara mana isaanii isaan deebise; namoota dhibba sad san ammoo, ifi biratti hamburate; yennaa san worri Miidiyaanii isaaniin jala dhooqa keessatti qubateeraayyu.
9 Halkanuma san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ani worra Miidiyaanii harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'iitii quttuma isaanii san loli. 10 Loliisa yoo sodaatte ammoo, tajaajilaa keeti Phuraa woliin gara quttumaa gad bu'i. 11 Ati waan isaan jedhanu dhageetteen duuba, quttuma san loliisaaf jajjabeenna hin dhaggatta» jedhe. Achiin duuba Giidewon tajaajilaa ifii Phuraa woliin, gara qarqara quttuma sanii gad dhaqane. 12 Worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi kolbaan gara lafa baya adu'uu marti, akka heechaa awwaannisaa heddatanee, dhooqa keessa qubataneeraniiyyu; bacinni gaalota isaaniille akka maansa qarqara abbaaya'aa ka hin laakkowannee ti.
13 Yennaa Giidewon achi geye, nami tokko oojjuu oojjate takka, jaala ifiititti himiisatti jiraayyu. Inni, «Ani oojju'uun daabboon garbu'uu gara quttuma keennaa konkolaattee, gara dunkaanaa dhuttee dhoottee garagalchite; dunkaaniille jidde» jedhe.
14 Jaalli isaa deebisee, «Hiikkaan oojjuu tanaa shallaagaa Giidewonii ilma Yo'aasii nama Israa'elii ti malee, waan dhibi'itti hin hiikantu; Waaqi worra Miidiyaaniitii fi loltoota isaanii duudii harka isaatitti dabarsee kenneera» jedhe.
15 Giidewon oojju'uu fi hiikkaa isi'ii yennaa dhage'e, jilbiiffatee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara quttuma Israa'elootaa deebi'ee, «Loltoota worra Miidiyaanii, Mootiin Waan Maraa harka keessanitti dabarsee waan kenneef, ka'a'a!» jedheen. 16 Inni namoota dhibba sad san golii saditti qoodee, tultulla'aa fi okkotee duwwaa xassaa ifi keessaa qaddu, tokko tokkoo isaaniitiif kenne. 17 Inni isaaniin, «Na ilaala'aatii, waan ani godhu godha'a; yennaa ani qarqara quttumaa gewu, akkuma ani godhu isinille godha'a. 18 Anii fi worri na woliin jiru tultullaa yennaa afuunnu, isinille adaala quttumaa maratti afuufaa, ‹Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif lola'a!› jedha'aatii iyya'a» jedhe.
19 Giidewonii fi namooti dhibbi tokko worri isa woliin jiru, halkan wodhakka'aan dura, worri eeddotaa ka halkan kutaa lammeesso'oo keessa eegu, jijjiiramaneen duuba dhufane; isaan tultullaa afuufanee, okkotoota harkatti qabataneeranu caccassane. 20 Maarre goliin sadiinuu tultullaa ifii afuuttee, okkotee san caccassitee, harka ifii bitaachatti xassaa, harka ifii middichatti tultullaa qabattee, «Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif hin lolla» jedhaa iyyite. 21 Nami tokko tokkonuu adaala quttumaa maratti addee qabatee waan dhaabbateef, worri Miidiyaanii ka quttuma keessaa marti iyyaa iyyaa baqatane. 22 Namooti Giidewonii dhibbi sadiin sun tultullaa ifii yennaa afuufane, Mootiin Waan Maraa loltooti Miidiyaanii shallaaga'aan akka wolitti ka'anu godhe; isaan shallaaga'aan wol lolanee, gara qachaa Zereera'aatitti fuula galane gara qachaa Bet-shitaahititti, achille'een haga meessaa qachaa Abeel-meholaa ka Xabaat bira jiruutitti baqatane.
23 Israa'elootille gosa Niftaalemii, gosa Asheeriitii fi gosa Minaase'ee duudii keessaa waamamanee, worra Miidiyaanii ari'ane. 24 Giidewon worra biyya koobittii Efreemii gubbaa le'u maratti namoota ergee, «Gara worra Miidiyaanii gad bu'a'aatii isaan lola'aatii, laga Yordaanosii haga Bet-baraatii adoo isaan hin qabatin dura qabadha'a» jedhe. Tanaaf namooti Efreemii marti waamamanee, laga Yordaanosii haga Bet-bara'aatitti qabatane. 25 Isaan sooreyyii Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb booji'anee, Oreeb addee rassaa maqaa isaatiin, «Oreeb» jedhamee moggaafametti, Ze'eebille addee Cunfaa woyni'ii ta maqaa isaatiin, «Ze'eeb» jedhantee moggaafantetti ijjeesane; mataa Oreebiitii fi mataa Ze'eebii kutanee, gara Giidewonii, ka laga Yordaanosiitiin gama gara lafa baya adu'uu jirutti geessane.