13
Dhalatiisa Samsoonii
Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf Mootiin Waan Maraa woggaa afurtama akka isaan bulchanuuf, harka worra Filisxeemotaatitti dabarsee isaan kenne.
Bara san sanyii Daanii keessaa nami «Maano'aa» jedhamu, ka qachaa Zora'aa keessa le'u tokko jiraayyu; haati manaa isaa maseena waan teeteef ijoollee hin deenne. Ergamaan Mootii Waan Maraa isi'itti mudhatee, «Ati maseena waan teeteef, ijoollee hin deenne; ammoo ati ulfoottee ilma hin deetta. Tanaaf daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu yookiin waan battii tokkolle nyaatiisa irraa ifi eegadhu. Ati ulfoottee ilma dhiiraa hin deetta; mucaan sunille guyyaa dhalateen jalqabee Waaqaaf ka adda baye waan te'uuf, rifeensa mataa isaa ijjumaa hin haadin; inni Israa'eloota harka worra Filisxeemotaa jalaa baasiisa hin jalqaba» jedhe.
Achiin duuba dubartittiin gara abbaa manaa ifii dhaxxee, «Nami Waaqaa ka bifi isaa ergamaa Waaqaa fakkaatu, ka guddoo sodaachisu tokko gara kiyya dhufe; ani eessaa akka inni dhufe isa hin gaafanne; innille maqaa ifii natti hin hinne. Inni ammoo anaan, ‹Ati ulfoottee ilma hin deetta; mucaalle guyyaa dhalateen jalqabee haga du'utti Naazireticha ka Waaqaaf adda baye waan te'uuf, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unin, yookiin waan battii tokkolle hin nyaatin› jedhe» jetteen.
Achiin duuba Maano'aan, «Maganne'e Gootta'a, nami Waaqaa sun deebi'ee gara keenna dhufee, Yennaa mucaan dhalatu waan nuuti isaaf goonu akka nutti himu godhi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate.
Waaqille daadimata Maano'aa dhage'e; ergamaan Waaqaa ammalle dubartiin sun fichaa keessa teetteertuun itti mudhate; abbaan manaa isi'ii Maano'aan ammoo isii woliin hin jiruuyyu. 10 Maarre isiin isatti himiisaaf, ariifattee gara isaa rukkittee, «Kunoo, namichi gaafa kaan qara gara kiyya dhufe kuun, ammalle natti mudhate» jette.
11 Maano'aan ka'ee haadha manaa ifii gula deemee, gara namichaa dhaqee, «Nami haadha manaa tiyya woliin dubbate si'ii?» jedhee gaafate.
Namichille, «Ee, ana» jedhee deebise.
12 Achiin duuba Maano'aan, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, seerri mucaan ittiin bulu, wonni nuuti isaaf godhiisaaf malle maan?» jedhee gaafate.
13 Ergamaan Mootii Waan Maraalle deebisee, «Haati manaa teeti, akka isiin gootuuf waan ani itti hime mara, ifi eegatiisaan gootuu ti. 14 Isiin waan midhaan woyni'ii irraa hujamu mara akka hin nyaanne, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu akka hin unne, yookiin waan battiille akka hin nyaanne; waan ani isii ajaje kana mara gootuu ti» jedhe.
15 Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Buruusoo re'ee tokko qallee haga siif qopheessinu, maganne'e diqqoo turi» jedhe. 16 Ergamaan Mootii Waan Maraa sun Maano'aan, «Ati yoo na tursitelle, ani sagalee teeti hin nyaadhu. Ciincaa dhikeessiisa yoo barbaadde ammoo, Mootii Waan Maraatiif dhikeessi» jedhe. Maano'aan akka inni ergamaa Mootii Waan Maraa te'e hin beenne.
17 Achiin duuba Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, ulfinna akka siif kenninu maqaan keeti eennu?» jedhe.
18 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo, «Ati maqaa kiyya maaf gaafatta? Maqaan kiyya akka malee kancira» jedhee deebise.
19 Maano'aan buruusoo re'e'eetii fi kennansa midhaanii fuudhee, rassaa ciincaa irratti dhikeessanu tokko irratti Mootii Waan Maraa ka kancira hujuuf dhikeesse; achiin duuba Maano'aa fi haati manaa isaa adoo ilaalanuu Mootiin Waan Maraa waan kanciraa godhe. 20 Bobeenni ibiddaa addee ciinca'aa irraa gara ol-gubba'aa yennaa ol bawu, ergamaan Mootii Waan Maraa bobe'a ibiddaa keessa gara ol-gubba'aa ol baye. Maano'aa fi haati manaa isaa tana dhagganee, fuulaan lafatti gad gombifamane. 21 Ergamaan Mootii Waan Maraa deebi'ee Maano'aa fi haadha manaa isaatitti hin mudhanne; achiin duuba Maano'aan namichi sun ergamaa Mootii Waan Maraa akka te'e beeke.
22 Maano'aan haadha manaa ifiitiin, «Nuuti Waaqa waan dhaggineef, dhugumaan hin duuna» jedhe.
23 Haati manaa isaa ammoo deebittee, «Waaqi adoo nu ijjeesuu barbaadee jiraate, ciinca'aa fi kennansa midhaanii keenna hin fudhatuuyyu; inni waan kana duudii nu'utti hin mudhisuuyyu yookiin waan akkasii kana amma nu'utti hin himuuyyu» jetteen.
24 Dubartiin sun ilma deettee, maqaa isaa «Samsoon» jettee baatte. Mucaan guddatee, Mootiin Waan Maraalle isa eebbise. 25 Samsoon qachaa quttuma Daanii keessa adoo jiruu, Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakka'atti Ayyaanni Mootii Waan Maraa isa kakkaasuu jalqabe.