15
1 Yennaa diqqo'oon duuba yennaa qamadiin haammantu Samsoon buruusoo re'e'ee takka fudhatee, haadha manaa ifii ilaaluu dhaqee, «Gara kolloo haadha manaa tiyyaa ol seenuu barbaada» jedhe.
Abbaan isi'ii ammoo akka inni ol seenu hin eeyyanne.
2 Abbaan isi'ii Samsooniin, «Ani dhugumaan waan ati isii jibbite seyee, jaala keeti heerumsiise; obboleettiin isi'ii maandhittiin isii caalaa miidhaddu'uu motii? Addee isi'ii isii fuudhi» jedhe.
3 Samsoon deebisee isaaniin, «Ani haganaa achi worra Filisxeemotaa yennaa miidhe, hin komatamu!» jedhe. 4 Maarre inni dhaqee jeedala dhibba sad qabee, lamaan lamaan godhee eegee isaanii wolitti hidhe; eegee lamaan lamaan isaanii wodhakka'atti xassaa tokko tokko hidhe. 5 Achiin duuba xassaa sanitti ibidda qassiisee, jeedaloota san gara fichaa Filisxeemotaa ka qamadii hin haamamin keessa gad lakkisee, midhaan tuula'aatii fi ka hin haamaminii, akkasuma muka woyni'iitii fi ejersaa gube. 6 Worri Filisxeemotaa, «Eentu waan kana godhe» jedhanee yennaa gaafatane, jarri takka, «Abbaan sodda'aa ka Samsoonii nami qachaa Tiimna'aa, haadha manaa Samsoonii jaaluma isaa waan heerumsiiseef, Samsoonitti tana godhe» jette. Tanaaf worri Filisxeemotaa dhaqee, haadha manaa Samsooniitii fi abbaa isi'ii ibiddaan gubanee ijjeesane.
7 Samsoon isaaniin, «Eega isin tana gootane, anille haluu tiyya isin bawu malee hin lakkisu» jedhe. 8 Inni akka malee isaan lolee, nama hedduu fixe. Achiin duuba inni gad dhaqee, goda rassaa Etaamii keessa ture.
Samsoon Worra Filisxeemotaa Injifate
9 Worri Filisxeemotaa ol bayanee, lafa Yihuda'aa keessa qubatanee, qachaa Lehii lolane. 10 Namooti Yihuda'aa isaaniin, «Isin maaf nu loliisaaf dhuttanne?» jedhanee gaafatane.
Isaan deebisanee, «Samsoon qannee hiinee, waan inni nu godhe, nuutille isa godhiisaaf dhunne» jedhane. 11 Achiin duuba namooti Yihuda'aa kum sad gara goda rassaa Etaamiititti gad bu'anee Samsooniin, «Worri Filisxeemotaa bulchitoota teenna akka te'ane hin beettu? Wonni ati nutti hujje kun maan?» jedhane.
Inni deebisee, «Waan isaan na godhane, anille isaan godhe» jedhe.
12 Isaanille, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti dabarsinee si kenniisaaf asi dhunne» jedhaneen.
Samsoon deebisee, «Isinummaan akka na hin ijjeenne naaf kakadha'a» jedhe. 13 Isaan, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti kennina malee, si hin ijjeennu» jedhane. Maarre isaan wodaroo haareya lamaan isa hidhanee, goda rassa'aa keessaa baasane.
14 Samsoon gara qachaa Lehiititti yennaa dhikaate, worri Filisxeemotaa hogisaa gara isaa dhufe. Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon isa irratti bu'ee, wodaroon harki isaa ittiin hidhameeru sun, akka liilana ibiddi gubee, baxxee harka isaa irraa buute. 15 Achiin duuba Samsoon a'oo harree reef duutee takka dhaggee, gad jedhee fuudhee, namoota kuma tokko a'oo saniin ijjeese.
16 Achiin duuba Samsoon,
«A'oo harre'eetiin, ani wol irratti isaan tuulee,
a'oo harre'eetiin ani namoota kuma tokko ijjeese» jedhe.
17 Inni tana dubbatee fixeen duuba, a'oo harre'ee san gate. Tanaaf maqaan addee sanii, «Raamat Lehii»*Raamat Lehii: Afaan Ibrootaatiin Kooba a'o'oo jechu'u. jedhantee waamante.
18 Achiin duuba Samsoon guddoo dheebotee, gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ati injifachaa guddaa kana ana garbicha keetiif kenniteerta; ani amma dheebu'uun du'aa ree? Worra haqanqabaa hin qabanneen booji'amaa ree?» jedhe. 19 Achiin duuba Waaqi balee Lehii keessa jirtu banee, bisaan keessaa madde. Samsoon yennaa bisaan san une, ayyaanni isaa deebi'eef bayyanate. Maarre maddi sun, «En-Haaqoree†En-Haaqoree: Afaan Ibrootaatiin Madda nama Waaqa waammatuu jechu'u.» jedhamee haga adhaa qachaa Lehii keessatti beekkama.
20 Bara worri Filisxeemotaa biyya bulchanu keessa, Samsoon woggaa diddamaaf Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e.