28
Ermiyaasii Fi Hanaaniyaa Raagicha
1 Jalqaba bara Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'e, woggaa arfeesso'oo wogguma san, ji'a shaneesso'ootitti, ilmi Azurii Hanaaniyaan raagichi nami qachaa Giibe'onii Galma Waaqaa keessatti hayyootaa fi kolbaa mara duratti Ermiyaasiin, 2 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Waanjoo mootii Baabilonii hin cassa; 3 Meya Galma Mootii Waan Maraa ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, addee tanaa gara Baabilonii geesse mara, woggaa lama keessatti deebisee gara addee tanaa hin fida. 4 Ani Waanjoo mootii Baabilonii waan cassuuf, mootii Yihuda'aa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniya'aa fi worra isa woliin booji'amee gara Baabilonii dhaqe maralle gara addee tanaa deebisee hin fida› jedha» jedhe.
5 Achiin duuba ani raagichi Ermiyaas hayyootaa fi kolbaa Galma Mootii Waan Maraa keessa dhaabbataneeranu mara duratti Hanaaniya'aan, 6 «Ameen! Mootiin Waan Maraa akkuma ati jette godhuu ti; meya Galma Mootii Waan Maraatii fi worra booji'ame mara Baabilon keessaa gara addee tanaa deebisiisaan Mootiin Waan Maraa raaga ati dubbatte kana muummessuu ti! 7 Te'uu malee, waan ani si'itti, kolbaa tanalle'etti dubbadhu caqasi. 8 Raagoti durii worri anaa fi si'iin duraa biyya heddu'uu fi mootummoota gugurdoo irratti lolli, badi'ii fi balaan akka dhufu raaganeeran. 9 Ammoo raagichi tokko marroo nageyaa raagee, raagi isaa sun yoo muummowe, Mootiin Waan Maraa dhugumaan akka isa erge hin beekkama» jedhe. 10 Achiin duuba Hanaaniyaan raagichi waanjoo morma ana raagicha Ermiyaas irraa fuudhee cassee 11 kolbaa mara duratti, «Mootiin Waan Maraa, ‹Woggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezaarii mootii Baabilonii morma gosa biyya adda addaa mara irraa akkuma kana hin cassa› jedha» jedhe; achiin duuba ani raagichi Ermiyaas karaa kiyya deeme.
Ermiyaas Ammalle Hanaaniyaa Mormee Raaga Dubbate
12 Hanaaniyaan raagichi waanjoo san morma Ermiyaasii irraa fuudhee eega casse yennaa diqqo'oon duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 13 «Dhaqii Hanaaniya'aan, Mootiin Waan Maraa, ‹Ati waanjoo mukaa cassiteerta; addee waanjoo saniititti waanjoo sibiilaa hujjee bakka hin buutta jedha› jedhiin» jedhe. 14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Mootii Baabilonii Nebukadnezaar akka tajaajilanuuf morma gosa biyya adda addaa tana maraa irra waanjoo sibiilaa hin keya; isaanille isa hin tajaajilan; akka inni bineensotalle bulchu hin godha» jedha.
15 Achiin duuba raagichi Ermiyaas, Hanaaniyaa raagichaan, «Hanaaniya'a, caqasi! Ati Mootiin Waan Maraa adoo si hin ergin kolbaan tun dharatti akka addattu gooteerta; 16 tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani lafa irraa si hin balleessa; ati kolbaan tun ana Mootii Waan Maraa irratti akka kaatu waan gooteef, wogguma tana hin duuta› jedha» jedhe. 17 Hanaaniyaan raagichille baruma san ji'a torbeesso'ootitti du'e.