36
Baaruk Kitaaba Maramaa Galma Waaqaa keessatti Dubbise
Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, «Kitaaba maramaa fuudhiitii dubbii ani marroo Israa'elii, marroo Yihuda'aatii fi marroo gosa biyya adda addaa mara, bara mootummaa Yosiyaasiitii jalqabee haga ammaa si'itti dubbadhe mara irratti barreessi. Kolbaan Yihuda'aa balaa ani isaan irratti fidiisaaf hede yennaa dhage'ane, karaa ifii hamaa san irraa hin deebi'an fa te'a; achiin duuba anille yakkaa isaaniitii fi cubbuu isaanii isaaniif hin araarama» jedhe.
Maarre Ermiyaas ilma Neriiya'aa Baaruk waamee jecha Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara afaaniin Baarukitti himuun, inni kitaaba maramaa irratti barreesse. Achiin duuba Ermiyaas Baaruk ajajee, «Ani Galma Waaqaa keessa akka hin seenneef dhooggameera. Maarre ati dhaqiitii jecha Mootii Waan Maraa ka ani afaaniin sitti himuun kitaaba maramaa irratti barreessite san, guyyaa laamaa, Galma Waaqaa keessatti kolbaa Yihuda'aa ta qachaa ifii keessaa dhutte maraaf dubbisi. Aari'ii fi mufiin jadduun Mootiin Waan Maraa kolbaa tana adabiisaaf dubbate, guddoo waan teeteef, tokko tokkoon isaanii karaa hamaa ifii irraa deebi'anee, Mootii Waan Maraa hin kadhatan fa te'a» jedhe.
Maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk akkuma Ermiyaas isatti hime, jecha Mootii Waan Maraa ka kitaaba maramaa irratti barreeffame san Galma Mootii Waan Maraa keessatti dubbise.
Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shaneesso'oo, ji'a sagaleesso'ootitti, kolbaan Yerusaalemiitii fi kolbaan qachaa Yihuda'aa keessaa gara Yerusaalemii dhufane marti Mootii Waan Maraa duratti laamiisaaf lassii lassane. 10 Achiin duuba, badhinna Galma Waaqaa ka gubba'aa keessatti, seensuma karra haareya Galma Waaqaa biratti, kolloo Gemaariyaa barreessicha ilma Shaafaanii keessaa, Baaruk jecha Ermiyaas dubbate, kolbaa maraaf kitaaba maramaa keessaa dubbise.
11 Akaakoon Shaafaanii ilmii Gemaariya'aa Miikaayaan jecha Mootii Waan Maraa mara kitaaba maramaa keessaa yennaa dhage'e, 12 inni addee qondaaltoti marti: Eliishaamaan barreessichi, ilmi Shemaariya'aa Delaayaan, ilmi Akborii Elnaataan, ilmi Shaafaanii Gemaariyaan, ilmi Hanaaniya'aa Zedeqiiyaan ta qondaaltoti dhibiin martille tee'aneeranu, gara kolloo barreessicha mana mootumma'aa gad bu'ee, 13 Miikaayaan waan Baaruk kitaaba maramaa keessaa kolba'aaf dubbiseen dhage'e mara isaanitti hime. 14 Achiin duuba qondaaltoti sun marti, abuuboo kuushii, akaakoo Shelemiiya'aa, ilma Netaaniya'aa Yehud erganee, «Dhaqiitii Baarukiin, ‹Kitaaba maramaa kolba'aaf dubbitte san fidii koy!› jedhiin» jedhane; maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk kitaaba maramaa san harkatti qabatee dhufe. 15 Isaanille Baarukiin, «Tee'iitii, maganne'e, nu'uuf dubbisi!» jedhane; innille isaaniif dubbise. 16 Jechoota kana mara dhage'aneen duuba sodaatanee, wol ilaalanee, Baarukiin, «Nuuti waan kana mara mootichatti hin hinna» jedhane. 17 Achiin duuba, «Me, waan kana attam akka barreessite, nutti himi? Ermiyaasitti afaaniin sitti himee?» jedhanee Baaruk gaafatane.
18 Baarukille deebisee, «Ee, isattuu jecha kana mara afaaniin natti himee, ani kitaaba maramaa irratti hallu'uun barreesse» jedhe.
19 Achiin duuba qondaaltoti Baarukiin, «Atii fi Ermiyaas deema'aa dhokadha'a; addee isin jirtanu eennulle hin beekin» jedhane.
Mootichi Kitaaba Maramaa Gube
20 Qondaaltoti kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessa keyanee, gara badhinna mana mootumma'aa dhaqanee, waan mara mootichatti himane. 21 Achiin duuba mootichi kitaaba maramaa san akka fiduuf, Yehud erge; innille kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessaa fidee, mootichaa fi qondaaltota cinaa isaa dhaabbataneeranu maraaf dubbise. 22 Yennaan sun ji'a sagaleesso'oo, ganna waan te'eef, mootichi mana ji'a gannaa itti dabarsu keessatti, suunsuma ibiddi irratti gabbatiisatti jiru bira tee'ee o'ifataayyu. 23 Akkuma Yehud kitaaba maramaa san keessaa fuula afur yookiin fuula sad dubbiseen mootichi kitaaba maramaa isaaf dubbifame san seenxi'iin kukkutee haga gubatee dhumatutti, suunsuma ibiddi irratti gabbifame san keessa buuse. 24 Mootichii fi tajaajiltooti isaa worri dubbii tana dhage'ane marti hin sodaanne; gaddanee woyaa ifii hin tarsaanne. 25 Isaan keessaa Elnaataan, Delaaya'aa fi Gemaariyaan kitaab maramaan sun akka hin gubane mooticha kadhatanulle, inni isaan hin caqanne. 26 Achiin duuba inni ilma mootichaa tokko Yeraami'el, ilma Azrii'elii Seraaya'aa fi ilma Abdi'elii Shelemiiyaa ergee, Baarukii barreessicha kiyyaa fi Ermiyaasii raagicha qabanee akka fidanuuf ajaje; Mootiin Waan Maraa ammoo isaan dhosse.
Ermiyaas Ammalle Kitaaba Maramaa Dhibii Barreesse
27 Mootichi kitaaba maramaa ka Ermiyaas afaaniin himuun Baaruk barreesse san gubeen duuba, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 28 «Kitaaba maramaa dhibii fuudhiitii, jechoota qaraa ka kitaaba maramaa mootichi Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san irra jiru, deebisii itti barreessi. 29 Mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Mootiin Baabilonii dhufee lafa tana akka balleessu, namaa fi bineensa lafa irraalle akka fixu maaf barreessite? Jettee kitaaba maramaa san guddeerta. 30 Tanaaf, ee mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiim, Sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'u hin dhaggamu; reeffi keeti o'a adu'uutii fi qorra halkaniititti gad hin gatama. 31 Sababa hammeenna keessaniitiif, ani si'iif fi sanyii teeti, tajaajiltoota teetille hin adaba; waan na caqasuu diddaneef, balaa fidiisaaf yaade san mara isinitti, worra Yerusaalem keessa le'anu mara irratti, kolbaa Yihuda'aa mara irralle'etti hin fida jedha› jedhiin» jedhe.
32 Achiin duuba Ermiyaas kitaaba maramaa dhibii fuudhee ilma Neriiya'aa Baarukii baarreessichatti kenne; akkuma Ermiyaas kitaaba maramaa mootiin Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san afaaniin itti himuun barreesse san, ammalle Baaruk barreessisiise; jechooti dhibiille ka kitaaba maramaa qaraa keessatti barreeffameen wol fakkaatu baca'atti itti dabalame.