42
Kolbaan akka Ermiyaas Isaaniif Daadimatu Gaafatte
Achiin duuba ajajjooti loltootaa marti, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ilmi Hoshaa'iya'aa Ya'azaaniyaan, kolbaan marti gudda'aa haga diqqa'aatitti gara Ermiyaasii dhufanee, «Maganne'e, waan nuuti si kadhannu nu'uuf dhage'i! Nuuti dur nama heddu'u; amma ammoo akkuma ati dhaggitu nama diqqaa qofatti hafe; nu worra hafe kana maraaf gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa akka nuuti deennuu fi maan akka nuuti goonu akka nutti himu, nu'uuf daadimadhu» isaan jedhane.
Ermiyaasiin raagichi deebisee, «Dansa'a! Akkuma isin na gaafattane gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii isiniif hin daadimadha; waan Mootiin Waan Maraa jedhu mara tokkolle adoo hin hamburin isinitti hin hima» jedhe.
Achiin duuba isaan Ermiyaasiin, «Waan akka ati nutti hintuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si erge, yoo nuuti hin godhin, Mootiin Waan Maraa ifiifuu dhugaa bayaa addatamaa nu irratti te'uu ti. Nu'uuf toltulle yookiin hammaattulle Mootii Waan Maraa Waaqa keenna ka itti si erganne saniif hin ajajanna; akka wonni dansaan nu'uuf teetu, Mootii Waan Maraa Waaqa kanaaf hin ajajanna» jedhane.
Mootiin Waan Maraa Daadimata Ermiyaasiitiif Deebii kenne
Guyyaa kudhaniin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe; maarre inni ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranu mara, kolbaa mara gudda'aa haga diqqa'aatitti gara isaa akka dhufanu wolitti waamee, isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani isiniif gaafadhu ka isin itti na ergitane, 10 ‹Ani badii isin irratti fide saniin waan gaddeef, yoo isin lafa kana turtane ani isin hin ijaara malee hin diigu; isin hin dhaaba malee hin buqqisu. 11 Mootii Baabilonii ka amma sodaattanu kana hin sodaatina'a! Ani isin woliin waan jiruuf, isin hin qarqaara; harka isaa jalalle'ee isin hin baasa; isa hin sodaatina'a! 12 Ani isiniif hin marara; innille isiniif mararee gara lafa teessaniititti isin hin deebisa› jedha.
13 «Te'uu malee, isin, ‹Nuuti lafa tana keessa hin teennu› jettanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif yoo hin ajajamin, 14 akkasuma, ‹Lakkii, nuuti lafa lola itti hin dhaggine yookiin addee qoonqoo tultulla'aa itti hin dhageennee fi addee itti hin beelonne gara lafa Gibxi'ii dhandhee achi hin leena› yoo jetanne, 15 yoona, isin worri biyya Yihuda'aa keessatti hattane, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin biyya Gibxi'ii dhaxxanee achi le'iisaaf yoo murteeffattane, 16 shallaagaan isin sodaattane achitti isinitti hin dhutti; beelti isin sodaattanelle biyya Gibxi'ii keessatti isin gula hin dhutti; isinille achitti hin duutan. 17 Worri biyya Gibxi'ii dhaqee achi le'iisaaf murteeffate marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; balaa yookiin badii ani isaan irratti fidu jalaa nami jiru'uun hafu yookiin ka miliqu tokkolle hin jiru.›
18 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Aari'ii fi mufiin tiyya worra Yerusaalem keessa le'utti akkuma dhangalaate, yennaa isin biyya Gibxi'iititti galtane mufiin tiyya isin irralle'etti hin dhangalaati; isin waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin teetan. Addee tana deebitanee hin dhaggitanu› jedha» jedhe.
19 Ee isin worra Yihudaa keessatti hattane, Mootiin Waan Maraa, «Gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a» isiniin jedheera; anille adha tana akka isin ifi eeggachisiise beeka'a. 20 Isin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keenna nu'uuf daadimadhuutii, waan inni si'iin jedhe mara nu'utti himi; nuutille isaaf hin ajajanna» jettanee gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yennaa na ergitane, jiruu teessan irratti dokonkora hujjane. 21 Maarre ani waan inni natti hime mara adha isinitti himeera; isin ammoo waan inni na ergeeruun, ani isinitti hime maraan Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif haga ammaa hin ajajanne. 22 Amma yoona addee dhaxxanee qubatiisaaf barbaaddane sanitti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan akka duutanu beeka'a.