44
Badii Waaqota Dharaa Waaqonfatiis Fide
1 Marroo Yihudoota biyya Gibxi'ii keessa qachaa Miigdo'oo, Taahafenee, Nofiitii fi Phaaxrosii keessa le'anu maraaf, jechi Mootii Waan Maraa gara ana Ermiyaasii dhufee, 2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa mara irratti badii guddoo ani fide isinuu dhaggitaneertan; kunoo adha isaan diigamanee onanee ka nami keessa hin jirre te'aneeran. 3 Kunille sababa hammeenna isaan hujaneef isaan irratti teete; isaan waaqota dhibii ka isin, abbootiin teessan yookiin isaanuu ka ifiifuu hin beenneef hixaana aarsanee waaqonfatiisaan na aarsaneeran. 4 Ani, ‹Waan jibbisiisaa ani jibbu kana hin hujina'a› jedhee yennaa hedduu tajaajiltoota tiyya raagota isaanitti ergeeraayyu. 5 Isaan ammoo na hin caqanne; hin qalbeeffannelle'e; hammeenna ifii irraa hin deebine; waaqota dhibi'iifille hixaana aarsiisa hin lakkinne. 6 Tanaaf, aariin tiyya ta bobeettu dhangalaatee, qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti bobeettee, akkuma adha dhaggitanu kana diigamanee, ona akka te'anu goote.
7 «Ammalle ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Dhiirtii fi dubartiin, ijoolle'ee fi daa'immaan Yihudaa keessatti akka hin hanneef, badii guddoo akkasii maaf ifi irratti fiddan?› jedhee isin gaafadha. 8 Addee le'iisaaf dhuttane tana keessatti, waaqota dhibii biyya Gibxi'ii keessaatiif, hixaana aarsiisaan, waanuma harki keessan hujeen maaf na aarsitan? Ifi balleessitanee gosa biyya biyya adda addaa ta lafa irraa oddu'utti waan abaarsaatii fi coora'aa ifi hin gootan. 9 Isin hammeenna abbootiin teessan ta durii, moototi Yihuda'aatii fi giittoti isaanii, isinii fi giittoti teessan lafa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hujjane deetaneertanii ree? 10 Isin haga adhaa ifi gad hin qanne yookiin ulfinna naaf hin kennine; seeraa fi seerata ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin hordofanne.
11 «Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, badii isin irratti fidee, kolbaa Yihuda'aa ijjumaa balleessiisaaf murteeffadheera. 12 Yihudoota worra biyya Yihuda'aa keessatti baraaree hafe, ka biyya Gibxi'ii dhaqee achi qubatiisaaf murteeffate hin fixa; isaan biyya Gibxi'ii keessatti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; diqqa'aa haga gudda'aatitti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; isaan waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin te'an. 13 Ani akkuma Yerusaalem adabe, worra biyya Gibxi'ii keessa le'ulle shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan hin adaba. 14 Worri Yihudaa keessatti baraaree hafee achi le'iisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqe, gara biyya Yihuda'aa deebi'anee le'iisaaf halchanulle, worra baqatee deebi'u garii malee, miliqee jalaa bayee yookiin jiru'uun hafee, gara biyya Yihuda'aa ka deebi'u tokkolle hin jiraatu» jedhe.
15 Achiin duuba wolde'i guddaan kolbaa Yihudootaa ka biyya Gibxi'ii gara kibbaatii fi kaabaa le'anu dhiirti worri niitoti isaanii waaqota dhibi'iif hixaana akka aarsaaranu beekanu marti, dubartooti achi jiranu marti Ermiyaasiin, 16 «Ergaa ati maqaa Mootii Waan Maraatiin nutti dubbatu tana nuuti caqasuu hin barbaannu! 17 Nuuti waan hin tolchina jenne mara hin tolchina; akkuma abbootiin teenna, moototi teennaa fi qondaaltoti teenna qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti tolchane nuutille mootittii ol-gubba'aatiif hixaana hin aarsina; kennansa daadhii woyni'iille hin dhibaanna*Hin dhibaanna: Yookiin hin dhibaanya ; bara san nuuti sagalee bacaa qannaayyu; akka dansaa leena malee wonni hantuun nu hin dhaqqadduuyyu. 18 Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana aarsiisaa fi daadhii woyni'ii dhibaasiisa haga lakkinnee as ammoo waan mara dhanneerra; shallaaga'aa fi beelaan dhumatiisatti jirra» jedhane. 19 Dubartooti itti dabalanee, «Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana yennaa aarsinuu fi daadhii woyni'ii yennaa dhibaannu, akka nuuti daabboo fakkii isi'iititti bilcheessinuu fi kennansa daadhii woyni'ii akka isi'iif dhikeessinu dhirsooleen teenna hin beekan» jedhane. 20 Achiin duuba Ermiyaas dhiirotaa fi dubartoota worra deebii tana isaaf kennane maraan, 21 «Isinii fi abbootiin teessan ta durii, moototii teessanii fi qondaaltoti teessan, kolbaa lafa sanii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hixaana aarsitane Mootiin Waan Maraa waan hin qaabanne seetanii? Marroo waan sanii inni dedheera seetanii? 22 Mootiin Waan Maraa hujii teessan hantu'uu fi waan battii isin hujjane ossuu hin dandeenne; tanaaf latti ontee, akkuma adha jirtu tana lafa abaarsaa ta nami keessa hin jirre teete. 23 Isin hixaana aarsiisaan Mootii Waan Maraa yakkitanee isaaf waan hin ajajaminiif, seera, seerataa fi ajaja isaa waan hin eegatiniif, adha akkuma dhaggitanu badiin tun isin irratti dhutte» jedhe.
24 Achiin duuba Ermiyaas kolba'aa fi dubartoota maraan, «Isin Kolbaan Yihuda'aa ta biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! 25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isinii fi niitoti teessan, waaqa dharaa Mootittii ol-gubba'aatiif: Nuuti dhugumaa hixaana hin aarsina; daadhii woyni'ii hin dhibaanya jettanee waadaa galtane muummessitaneertan; dhaqa'aatii waadaa galtane san muummessa'a› jedha. 26 Isin Yihudooti biyya Gibxi'ii keessa leetanu ammoo, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Yihudoota worra biyya Gibxi'ii leetanu kana keessaa, nami tokkolle haganaa achi: Dhugaa Waaqa jiraata'aa jedhee maqaa kiyya akka hin dhoonne yookiin maqaa kiyyaan akka hin kakanne, ani maqaa kiyya gudda'aan kakadheera. 27 Ani kunoo waan hantuu isinitti fida malee waan dansaan isinitti hin fidu; isin Yihudooti worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti ijjumaa haga baddanutti, shallaaga'aa fi beelaan hin dhumattan. 28 Isin keessaa worri diqqaan shallaagaa jalaa miliqee biyya Gibxi'ii keessaa gara lafa Yihuda'aa hin deebi'a; worri Yihudootaa ka baraaree hafee biyya Gibxi'ii le'iisaaf dhufe duudiin, dubbii ani dubbadhe yookiin dubbii isaan dubbatane keessaa dhugaan tami akka teete hin beekan. 29 Ani Mootiin Waan Maraa addee tanatti isin adabiis, tun beessisa isiniif hin teeti. Tun teetuun yennaa dhaggitane, adabbiin ani: Isin hin adaba jedhe dhugaa akka teetee hin beettan. 30 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa diina isa ijjeesiisaaf barbaadu, mootii Baabilonii harka Nebukadnezaariititti dabarsee akkuma kenne, mootii Gibxi'ii Fara'oon Hofraa diinota isaa ka isa ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isa hin kenna› jedha» jedhe.