4
Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa
Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane. Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaa ti malee, Yesuusii moti. Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe. Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe. Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti.
Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, «Bisaan uni'ii naa kenni!» jedheen. Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran.
Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
10 Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe.
11 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree? 12 Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen.
13 Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota; 14 bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe.
15 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen.
16 Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koy» jedheen.
17 Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiis keeti dhuga'a. 18 Ati nama shan heerumteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a» jedheen.
19 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga. 20 Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen.
21 Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu. 22 Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna. 23 Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada. 24 Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
25 Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima» jetteen.
26 Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen.
27 Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.
28 Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan, 29 «Namicha waan ani godhe mara natti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'innaa?» jette. 30 Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane.
31 Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa'a, woy nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane.
32 Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe.
33 Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane.
34 Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka na ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u. 35 Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera! 36 Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a. 37 Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga'a. 38 Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane» isaaniin jedhe.
39 Dubartittiin, «Waan ani godhe mara natti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane. 40 Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa gaafatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture. 41 Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane; 42 isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane.
Yesuus Ilma Qondaala Tokkoo Fayyise
43 Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe. 44 Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera.Mat. 13:57; Mar. 6:4; Luq. 4:24 45 Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.Yoh. 2:23
46 Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.Yoh. 2:1-11 47 Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate. 48 Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
49 Qondaaltichi mootumma'aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koy!» jedheen.
50 Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen.
Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. 51 Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. 52 Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane. 53 Achiin duuba abbaan muca'aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. 54 Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje.

4:44 Mat. 13:57; Mar. 6:4; Luq. 4:24

4:45 Yoh. 2:23

4:46 Yoh. 2:1-11